1?Luboota ta'anii anaaf akka hojjetanitti isaan qulleessuudhaaf akka kanatti fufee jiru godhi! Tuntunoo tokkoo fi korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne lama fuudhi!
2Daakuu qamadii isa ba'eessa irraa maxinoo, bixxillee dhadhaadhaan sukkuumame isa hin bukaa'in, maxinoo haphii dhadhaan irra dibames tolchisiisi!
3Isa tolchisiifte sana gundoodhuma tokko irra kaa'ii tuntunichaa fi korbeeyyii hoolaa sana lamaanii wajjin dhi'eessi!
4Aaronii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana itti wal ga'aniitti fidiitii, bishaaniin dhagna isaanii dhiqi!
5Uffata lubootaa, kittaa, qoloo, dirata fuula duraa, qomee akka gaachanaas Aaronitti uffisi! Hidhata isaa isa hojii harka-toleessaatiin dha'ameen itti hidhi!
6Marata mataa isaatti mari, maratichatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi!
7Dhadhaa ittiin dibdu fuudhii, mataa isaa irratti dhangalaasii isa dibi!
8Ilmaan isaas fidii kittaa itti uffisi!
9Mudhii Aaronii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi, maratas mataa isaaniitti mari! Akka kanatti luboota akka isaan ta'an godhi! Lubummaan akka seera bara baraatti kan isaanii haa ta'u!
10?Tuntunicha dunkaana itti wal ga'an duratti fidi! Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa tuntunichaa irra haa kaa'an!
11Tuntunichas fuula koo duratti balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti qali!
12Dhiiga tuntunichaa irraa muraasa fuudhii quba keetiin gaanfota iddoo aarsaa irra jiranitti dibi! Dhiiga isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa irratti dhangalaasi!
13Moora mi'a garaa hundumaa fi moora tiruu, kalee lamaanii fi moora kalee irra jiru fuudhii iddoo aarsaa irratti gubii aarsi!
14Foon tuntunichaa immoo gogaa isaa fi mi'a garaa isa hafe hundumaa wajjin iddoo buufataa keessaa ala baasii ibiddaan gubi! Inni aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatee dha.
15?Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi! Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa korbeessichaa irra haa kaa'an!
16Korbeessicha qali, dhiiga isaas fuudhii iddoo aarsaatti naannessii facaasi!
17Kana booddee korbeessicha bu'aa bu'aa isaatti kukkuti, many'eewwan isaa fi mi'a garaa isaa miici, bu'aa isaa isa hafe mataa isaa wajjin kaa'i!
18Korbeessicha guutummaatti iddoo aarsaa irratti gubii aarsi! Inni ana Waaqayyoof qalma gubamu, foolii garaa ciibsu, isa ibiddaan gubamee dhi'aatuu dha.
19?Korbeessa hoolaa isa lammaffaas immoo fidi! Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa korbeessichaa irra haa kaa'an!
20Ati immoo korbeessicha qali! Dhiiga isaa irraa muraasa fuudhii fiixee gurra Aaron isa mirgaa, fiixee gurra ilmaan isaa isa mirgaa, abgudduu harka isaanii isa mirgaa, abgudduu miilla isaanii isa mirgaa ittiin tuqi! Dhiiga isa hafe immoo iddoo aarsaatti naannessii facaasi!
21Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, dhadhaa dibataa irraas muraasa fuudhii Aaronitti, uffata isaatti, ilmaan isaatti, uffata isaaniittis facaasi! Uffanni Aaron, ilmaan isaa, uffanni isaaniis isaa wajjin in qullaa'u.
22?Cooma korbeessichaa, duboo isaa isa coomaa, moora mi'a garaatti uffisu, moora tiruu, kalee lamaan, moora isaan irra jiru, luka mirgaas fuudhi! Korbeessi kun isa ittiin lubummaa kennanii dha.
23Gundoo isa ana Waaqayyo dura jiru, isa buddeena hin bukaa'in baatu irraa buddeena tokko, bixxillee dhadhaadhaan tolfame tokko, maxinoo haphii tokkos fuudhi!
24Hunduma isaa harka Aaronii fi harka ilmaan isaa irra kaa'i! Isaan immoo aarsaa sochoofamuuf fuula koo duratti akka sosochoosan godhi!
25Hunduma isaa deebisii isaan harkaa fuudhii iddoo aarsaa irratti qalma gubatuu wajjin ana Waaqayyoof aarsaa fooliin isaa garaa ciibsu gubii aarsi! Kun qalma gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatuu dha.
26?Handaraafa korbeessa hoolaa isa yeroo Aaron luba ta'e sana fuudhii, aarsaa sochoofamu fuula koo duratti dhi'eessi! Inni ga'aa kee haa ta'u!
27Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aaronii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan lubooman aarsaa ta'ee dhi'aate sana qulleessi!
28Namoonni Israa'el Aaronii fi ilmaan isaatiif kana kennuun seera dhaabataa haa ta'u! Kun isa ijoolleen Israa'el qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi'eessanii dha.
29?Aaron erga du'ee booddee uffanni isaa inni qullaa'aan sun akka isaan uffatanii dibamanii fi luboomanitti ilmaan isaatiif haa kennamu!
30Ilmaan isaa keessaa inni iddoo isaa luba ta'u, iddoo qulqullaa'aatii hojjechuudhaaf dunkaana itti wal ga'anitti yommuu galu, uffaticha guyyaa torba haa uffatu*!
31?Korbeessa hoolaa isa ittiin lubooman sana fuudhii iddoo qulqullaa'aatti foon isaa affeeli!
32Aaronii fi ilmaan isaa foon korbeessichaa, buddeena gundicha irraas balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti haa nyaatan!
33Isaan yeroo lubooman isa ittiin araarri godhamee ittiin qulleeffaman sana haa nyaatan! Nyaanni kun qulqullaa'oo waan ta'aniif, luboota irraa kan hafe namni tokko illee hin nyaatin!
34Foonicha yeroo luboomaa sana irraa yookiis buddeenicha irraa hafe yoo bule, ibiddaan gubi; inni qulqullaa'aa waan ta'eef, namni isa hin nyaatin!
35?Aaronii fi ilmaan isaaf waanan si abboome hundumaa godhi! Guyyaa torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu!
36Guyyaa guyyaatti araara gochuudhaaf tuntunoo tokko waa'ee cubbuutiif aarsaa dhi'eessi! Araara gochuudhaan iddoo aarsichaa qulleessi, dhadhaa ejersaa itti dibii addaan isa baasi!
37Iddoo aarsaa sanatti guyyaa torba araara godhii isa qulleessi, iddoon aarsichaas isa hundumaa irra qulqulluu in ta'a; iddoo aarsichaa kan tuqe hundinuu addaan kan ba'e in ta'a*.
38?Kan ati yeroo hundumaa guyyaa guyyaatti iddoo aarsaa irratti dhi'eessitu xobbaallaa waggaa tokkoo lama lama.
39Xobbaallaa isa tokko ganama aarsaa dhi'eessi! Xobbaallaa isa kaan immoo dimimmisa galgalaa aarsaa dhi'eessi!
40Xobbaallaa isa duraa wajjin daakuu qamadii ba'eessa kiiloo tokko cuunfaa ejersaa isa calalamaa liitrii tokkoon sukkuumame, kennaa dhugaatiis liitrii tokko dhi'eessi!
41Xobbaallaa isa kaan immoo akkuma isa ganamaatti dimimmisa galgalaa kennaa isa ibiddaan gubamee dhi'aatu, fooliin isaa garaa ciibsu, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii wajjin ana Waaqayyoof dhi'eessi!
42Kennaan kun isa dhaloota dhaloota keessanii keessatti utuu wal irraa hin citin fuula koo fuula Waaqayyoo dura, balbala dunkaana itti wal ga'an duratti dhi'aatuu dha; ani achitti isin nan arga, isinittis nan dubbadha.
43Achitti namoota Israa'el nan arga, iddoon sun ulfina kootiin in qulqullaa'a.
44Dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa nan qulleessa; Aaronii fi ilmaan isaa akka lubootaatti akka anaaf hojjetaniif nan qulleessa.
45Ani namoota Israa'el gidduu nan jiraadha, Waaqayyo isaaniis nan ta'a*;
46isaanis ani Waaqayyo gooftaa isaanii isa isaan gidduu jiraachuudhaaf biyya Gibxii keessaa isaan baase ta'uu koo in beeku; ani Waaqayyo gooftaa isaanii ti.