Seera Ba'uu 30:1-38 GAZB1997 - Bible AI

1?Iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi!

2Inni gara arfanuun wal qixxee, dheerinni isaa dhundhuma tokko, bal'inni isaa dhundhuma tokko, lafa irraa ol ka'uun isaa immoo dhundhuma lama haa ta'u! Dhagnuma iddoo aarsichaa irraas gaanfonni itti haa ba'an!

3Naannoo isaa hundumaatti, irra-keessa isaatti, bukkee isaatti, gaanfa isaattis warqee qullaa'aa uffisi! Naannoo isaatti sabbata warqee hojjedhu!

4Danqaraa keessa loosanii ittiin baachuudhaaf, amartii warqee lama sabbata isaa sana jalatti karaa lachuu andaara isaa lamaanitti tolchi!

5Danqaraa sana muka laaftoo irraa tolchi, warqee itti uffisi!

6Iddoo aarsaa sana golgicha fuula duraan dhaabi! Inni fuullee teessoo araaraa isa sanduuqa kakuu dhuga-baatuun sun keessa taa'u sana irra jiruu dha; anis achitti sin arga*.

7Aaron ganama ganama isa irratti ixaana foolii tolu aarsaa haa dhi'eessu! Inni yeroo ibsaa tottolchutti, aarsaa sana haa aarsu*!

8Dimimmisa galgalaa Aaron yommuu ibsaa iddoo isaatti ol fuudhu ixaana haa aarsu! Aarsaan kun dhaloota dhaloota keessanii keessatti guyyaa hundumaa ana Waaqayyo duratti itti fufee haa hojjetamu!

9Isin aarsaa hin beekamne, aarsaa gubatu, kennaa midhaaniis iddoo aarsaa sana irratti hin aarsinaa, dhugaatiis achi irratti hin dhi'eessinaa*!

10Aaron waggaatti si'a tokko gaanfota iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu! Waggaatti si'a tokko dhiiga horii aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aateen dhaloota dhaloota keessanii keessatti araara haa buusu! Iddoon aarsaa kun ana Waaqayyoof iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu in ta'a? jedhe*.[148]

11Waaqayyo ammas Museedhaan,

12?Namoota Israa'el yommuu lakkooftu lakkaa'amuu isaaniif dha'ichi akka isaanitti hin dhufneef, yeroo lakkaa'aman mata mataatti horii furee lubbuu isaanii ana Waaqayyoof haa kennan*!

13Warri lakkoobsatti dabalaman hundinuu meetii walakkaa sheeqel akka madaalii iddoo qulqullaa'aa sanaatti ana Waaqayyoof kennaa haa kennan! [Sheeqel tokko akka walakkaa waqeetaa ti], innis geeraa yookiis dhagaa digdama in ta'a.

14Warri waggaan isaanii digdama guuteef warri digdamaa olii lakkoobsatti yommuu dabalaman, ana Waaqayyoof kennaa haa kennan*!

15Yommuu horii furee lubbuu keessanii ana Waaqayyoof kennitan inni sooressi walakkaa sheeqel caalaa, inni hiyyeessis isaa gad hin kennin!

16Horii furee lubbuu sana namoota Israa'el harkaa fuudhiitii hojii dunkaana itti wal ga'anii sana irra oolchi! Kunis ana Waaqayyo duratti isin Israa'elootaaf fureen lubbuu keessanii kan ittiin yaadatamu haa ta'u!? jedhe.[149]

17Itti fufees Waaqayyo Museedhaan,

18?Waciitii dhiqannaa sibiila borrajjii irraa, jaliitii isaas sibiila borrajjii irraa tolchii dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabii, bishaan itti naqi*!

19Aaronii fi ilmaan isaa bishaanichaan harka isaanii fi miilla isaanii haa dhiqatan!

20Yeroo dunkaana itti wal ga'an sana lixan, yeroo hojii lubummaa isaanii hojjechuudhaaf aarsaa Waaqayyoof dhi'eessanis ibiddaan gubuudhaaf iddoo aarsaatti dhi'aatan, akka hin duuneef bishaanichaan haa dhiqatan!

21Akka hin duuneef harka isaanii fi miilla isaanii haa dhiqatan! Kun Aaronii fi sanyii isaatiif dhaloota hundumaa keessatti seera dhaabataa isaaniif haa ta'u!? jedhe.[150]

22Waaqayyo itti dabalee Museedhaan,

23?Urgooftuu isa keessaa caalu, qumbii sheeqel dhibba shan, qarafaa walakkaa isaa innis sheeqel dhibba lamaa fi shantama, muka urgaa'u irraas sheeqel dhibba lamaa fi shantama fudhadhu!

24Qurunfullii akka madaalii iddoo qulqullaa'aa sanaatti sheeqel dhibba shan akkasumas dhadhaa ejersaa hiini tokko fudhadhu! [?Hiini? kan jedhamu qodaa safaraa liitrii afurii hamma ja'aatti baatuu dha].

25Isaan irraa akka warri urgooftuu gaarii qopheessan hojjetanitti, urgooftuu dibataa isa qulqullaa'aa tolchi, inni dibata qulqullaa'aa in ta'a*.

26Dibaticha dunkaana itti wal ga'an sana, sanduuqa kakuu sanas dibi!

27Gabatichaa fi mi'a isaa, baattuu ibsaatii fi mi'a isaa, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamus dibi!

28Akkasumas iddoo aarsaa isa qalmi gubatu irratti aarfamu mi'a isaa, waciitii dhiqannaa, jaliitii isaas dibi!

29Akkasitti isaan in qulqulleessita, isaanis hundumaa irra kan qulqullaa'an in ta'u; namni isaan tuqu hundinuu qullaa'aa in ta'a*;

30Aaronii fi ilmaan isaa luboota ta'anii anaaf akka hojjetaniif isaan dibi, isaan qulleessis*!

31Namoota Israa'elitti, ?Kun dhaloota dhaloota keessanii keessatti anaaf dibata qulqullaa'aa dha;

32dibanni kun dhagna namaatti hin dibamin, isin akka kanaatti, akka safara inni itti waliin makame kanattis hin qopheessinaa! Inni qulqulluu dha, isin birattis qulqulluu ta'uun irra jira.

33Namni urgooftuu dibataa akkasii qopheessee dhagna nama dibachuun hin taaneefitti yoo dibe, saba isaa keessaa lafa irraa haa balleeffamu!? jedhii himi!? jedhe.[151]

34Waaqayyo ammas Museedhaan ?Wanta urgaa'u, haphee muka urgaa'uu, eleellaan urgaa'u, aannan muka urgaa'uu, ixaana makaa hin qabne, safarri isaa kan wal qixxaate fudhadhu!

35Akkuma warri urgooftuu qopheessan hojjetanitti, atis soogidda itti naqii qulleessii aarsaa urgaa'u isa qulqullaa'aa qopheessi*!

36Isa keessaas gar-tokko bulleessii daakii dunkaana itti wal ga'an keessa, sanduuqa kakuu dura lafa ani itti si argu sana kaa'i! Innis hundumaa irra qulqulluu siif haa ta'u*!

37Ixaana akka safara isa kanaatti waliin makame ofii keessaniif hin qopheeffatinaa! Inni si biratti ana Waaqayyoof kan qulqullaa'e haa ta'u!

38Namni tokko illee foolii isaa urgeeffachuuf jedhee kan akka isaatii yoo qopheeffate, saba isaa keessaa lafa irraa haa balleeffamu!? jedhe.[152]

Bible Society of Ethiopia
/div>