1Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,
2?Ilaa! Ani gosa Yihudaa keessaa Bazaali'el ilma Urii akaakayyuu Huur maqaa dha'ee waammadheera.
3Ani Waaqayyo hafuura kootiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera.
4Inni akka itti warqee, meetii, sibiila borrajjiis hojjetan akeeka in baasa.
5Dhagaas ijaarsaaf in tolcha, muka in soofa, waan garaa garaas miidhagsee in hojjeta.
6Ani kunoo, akka inni isaa wajjin hojjetuuf gosa Daan keessaa Aholiiyab ilma Ahisamaak kenneeraaf; waan ani si abboome hundumaa akka godhaniif warra ogeessota hundumaaf ani ogummaa kenneeraaf*.
7Dunkaana isa ana Waaqayyo duratti itti wal ga'an, sanduuqa dhuga-baatuu, teessoo araaraa, mi'a godichaa hundumaas haa hojjetan!
8Gabatee fi mi'a isaa, baattuu ibsaa warqee qullaa'aa irraa hojjetame mi'a isaa hundumaa wajjin, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu haa tolchan!
9Iddoo aarsaa qalmi gubamu irratti gubatu, mi'a isaa hundumaa wajjin, waciitii, jaliitii isaas haa qopheessan!
10Uffata kulaan miidhagfame, uffata qullaa'aa isa Aaron lubichii fi ilmaan isaa yommuu anaaf hojjetan uffatan haa qopheessan!
11Dhadhaa dibataa, ixaana urgaa'us iddoo qulqullaa'aa sanaaf haa qopheessan, isaan kana hundumaa akkan si abboometti haa hojjetan!? jedhe.
12Ammas Waaqayyo Museedhaan,
13?Saba Israa'eliin, ?Sanbatoota koo eegi! Ani Waaqayyo isa si qulqulleessu akkan ta'e akka beektuuf, dhaloota hundumaa keessatti Sanbanni kun anaaf si gidduutti milikkita? jedhi!
14Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa'aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!
15Guyyoonni ja'a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa ajjeefamu!
16Sabni Israa'el dhaloota isaanii hundumaa keessatti akka kakuu bara baraatti Sanbata haa ayyaaneffatan!
17Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa uumee, guyyaa torbaffaatti immoo waanan hojjechaa ture hundumaattii boqodheen aara galfadhe; kun anaa fi saba Israa'el gidduutti bara baraan milikkita in ta'a? jedhe*.
18Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Musee wajjin dubbatee erga fixee booddee, gabatoota dhuga-baatuu lamaan, gabatoota dhagaa warra ofii isaatii quba isaatiin irratti caafe sana Museetti in kenne*.