1Sabni sun Museen tulluu irraa gad bu'uun isaa akka ture yommuu argan, Aaronitti dacha'anii, ?Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu; kanaaf ka'iitii waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi!? jedhan.
2Kana irratti Aaron, ?Amartii warqee gurra dubartoota keessanii, ijoollee dhiiraa keessanii, ijoollee durbaa keessaniittiis ciraatii as anatti fidaa!? jedhe.
3Namoonni hundinuu amartii warqee gurraa isaaniittii ciranii gara Aaronitti in geessan.
4Inni immoo warqicha isaan harkaa fuudhee mi'a ittiin hojjetuun bifa itti baasee, warqee baqfamaa irraa dibicha isaaniif hojjete; yommus isaan, ?Yaa Israa'el Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana? jedhan.
5Aaron kana argee isa duratti iddoo aarsaa hojjetee, labsii labsee, ?Bor ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa ta'u!? jedhe.
6Borumtaa isaa ganama obboroodhaan ka'anii aarsaa gubamu aarsanii, aarsaa araaraas in dhi'eessan; namoonni sun nyaataa fi dhugaatiitti gad taa'anii, gar-malee sirbuufis in ka'an*.
7Yommus Waaqayyo Museedhaan, ?Sabni kee inni ati biyya Gibxii baafte manca'eeraa, ka'ii gad bu'i!
8Karaa ani isaan abboome irraa dafanii goranii, warqee baqfamaa irraa dibicha tolfatanii, itti sagadanii, aarsaa qalmaas dhi'eessaniiruuf; kana malees isaan, ?Yaa Israa'el Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana!? jedhaniiru? jedhe*.
9Ammas Waaqayyo Museedhaan, ?Ani saba kana argeera kunoo inni saba boqu-jabeessa!
10Aariin koo isaan irratti boba'ee, akkan isaan fixutti na dhiisi! Si garuu abbaa saba guddaa sin godha? jedhe*.
11Museen immoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabbaneessuudhaaf, ?Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaadhaa fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka boba'u goota ree?
12Warri Gibxii, ?Waaqayyo duruma iyyuu yaada hamaadhaaf, tulloota irratti isaan fixuudhaaf, lafa irraas isaan balleessuudhaaf achii isaan baase? akka jedhan maaliif goota ree? Ati hamaa isa saba keetti fiduuf jette hadaraa dhiisi, aarii kee isa boba'aas irraa deebisi!
13Isa maqaa ofii keetiin kakattee, garboota kee Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiinis, ?Sanyii keessan akka urjoota waaqa keessaa nan baay'isa, biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna? jettee isa dubbatte yaadadhu!? jedhe*.
14Yommus Waaqayyo hamaa isa saba isaa irratti gochuu yaade sana in dhiise*.
15Museen deebi'ee tulluu irraa gad bu'e; gabatoonni dhuga-baatuun sun lamaan isa harka turan, caaffatoonni keessaa fi duubaan gabatoota dhagaa sana irratti caafamanii turan.
16Gabatoota dhagaa sana Waaqayyotu hojjete; caaffanni gabatoota dhagaa sana irratti qirixames caaffata Waaqayyoo ti*.
17Iyaasuun, sagalee waca sabaa yommuu dhaga'e Museedhaan, ?Sagaleen lolaa iddoo buufataa keessa jira? jedhe.
18
19Museen buufatichatti yommuu dhi'aate dibicha sana, sirba sanas argee aaree boba'ee, gabatoota dhagaa sana harka isaa keessaa darbatee tulluu sana jalatti caccabse;
20dibicha isaan tolfatan sanas fuudhee ibiddaan gubee, bulleessee daakee, bishaan irra firfirsee, bishaanicha immoo Israa'eloonni akka dhugan in godhe.
21Museen yommus Aaroniin, ?Sabni kun maal si goonaan cubbuu guddaa akkasii isaan irratti fidde?? jedhe.
22Aaron immoo deebisee Museedhaan, ?Ati gooftaan koo aartee hin boba'in, sabni kun hammeenyatti qabamee akka jiru ati iyyuu beekta;
23isaan, ?Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu, kanaaf waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi!? naan jedhan;
24ani kana irratti, ?Warri warqee qaban of irraa haa ciran!? ittiin jennaan, isaan anatti kennan; ani immoo warqee sana ibidda keessa nan buuse, innis dibicha ta'ee ba'e? jedhe.
25Museen yommus sabni kun gad-dhiisatti akka jiraatan, Aaronis kanatti akka gad isaan dhiise, diinota isaanii birattis muka ga'oo akka ta'an in arge.
26Inni balbala buufatichaa keessa dhaabatee, ?Mee warri kan Waaqayyoo taatan as gara koo kottaa!? jedhe; ilmaan Lewwootaas hundinuu gara isaatti walitti qabaman.
27Inni isaaniin, ?Waaqayyo gooftaan Israa'el, ?Tokkon tokkon keessan billaa keessan hidhadhaatii iddoo buufataa keessa balbala isa tokkoo jalqabdanii hamma balbala isa kaaniitti achi adeemaa, as deebi'aas! Adduma addaan, obboloota keessan, firoota keessan, olloota keessanis ajjeesaa!? isiniin jedheera? jedhe.
28Ilmaan Lewwootaa akkuma Museen dubbate in godhan; guyyaa sanatti akka namoota kuma sadiitu dhume.
29Kana irratti Museen, ?Tokkon tokkon keessan ilmaan keessanii fi obboloota keessan irratti waan kaataniif, har'a Waaqayyo biraa eebba akka argattaniif, isin har'a hojii Waaqayyoof of kennaa!? jedhe*.
30Borumtaas Museen saba sanaan, ?Isin cubbuu guddaa hojjettaniittu, kanaaf ani tulluu irratti gara Waaqayyootti ol nan ba'a, cubbuu keessaniifis tarii nan araarsa? jedhe.
31Museen gara gooftichaatti deebi'ee, ?Amma sabni kun cubbuu guddaa hojjeteera, warqee irraas Waaqayyo tolfamaa godhateera.
32Ammas fedha kee yoo ta'e maaloo cubbuu isaanii dhiisiif! Yoo dhiisuufii dhabaatte immoo macaafa kee isa keessatti na caafte sana keessaa ana balleessi!? jedhe*.
33Waaqayyo deebisee Museedhaan, ?Isa na duratti cubbuu hojjete duwwaa macaafa koo keessaa nan balleessa;
34amma dhaqii saba sana iddoo ani sitti hime sanatti geessi! Kunoo ergamaan koo si dura in adeema; yeroon isaan adabu yommuu ga'u cubbuu isaaniitiif jedhee isaan nan adaba? jedhe*.
35Dibicha isa Aaron tolche waan dhaabbataniif, Waaqayyo dha'icha isaanitti fide.