Seera Ba'uu 33:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Ergasii Waaqayyo Museedhaan, ?Ati saba biyya Gibxiittii baaftee ol fiddee wajjin as iddoo kanaa ka'aatii gara biyya isa ani ?Sanyii keetiif nan kenna? jedhee Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakadhe sanaa dhaqaa*!

2Ani ergamaa si dura nan erga, Kana'aanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwota, Yibusootas oofee nan baasa*.

3Ati gara biyya aannanii fi damma baasu dhaqi! Ani immoo sabni ati ol fidde kun boqu-jabeessa waan ta'eef, karaatti akka ani si hin balleessineef, sii wajjin hin adeemu? jedhe*.[164]

4Jarri dubbii gaddisiisaa kana yommuu dhaga'an, isaan keessaa namni tokko illee mi'a miidhaginaa hin kaa'anne.

5Waaqayyo kana booddee Museedhaan, ?Namoota Israa'eliin, ?Ati saba boqu-jabeessa, utuu ani yeroo yartuu iyyuu sii wajjin nan adeema ta'ee, sin balleessa; egaa amma mi'a miidhaginaa kee of irraa baasi! Ani waanan si godhu beeka? jedhii itti himi!? jedhe*.

6Kana irratti namoonni Israa'el tulluu Siinaatti mi'a miidhaginaa isaanii of irraa baasan*.[165]

7Ergasii Museen dunkaanicha fuudhee iddoo buufataa keessaa ala baasee irraa fageessee in dhaaba ture; dunkaanichas, ?Dunkaana itti wal ga'an? jedhee moggaase; namni Waaqayyoon waa gaafachuu barbaadu hundinuu gara dunkaana itti wal ga'an isa iddoo buufataa keessaa ala jiru sana in dhaqa ture*.

8Yeroodhuma Museen ba'ee gara dunkaanichaatti adeemu, sabni hundinuu ka'ee adduma addaan balbala godoo godoo isaa dhaabatee, hamma inni dunkaanichatti ol lixutti isa in ilaala ture.

9Akkuma Museen dunkaanichatti ol lixeen utubaan duumessaa gad bu'ee balbala dunkaanichaa dura in dhaabata, Waaqayyos Museetti in dubbata ture*.

10Sabni hundinuu utubaan duumessaa balbala dunkaanichaa dura dhaabatee yeroo argu, ka'ee adduma addaan balbala godoo godoo isaa duratti in sagada ture.

11Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasa'utti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture; yommuu Museen iddoo buufataatti deebi'u Iyaasuu ilmi Nun dargaggeessichi isa gargaaru sun immoo balbala dunkaanichaatii hin mittiqu ture*.[166]

12Museen yommus Waaqayyoon, ?Ilaa, ati ?Saba kana ol geessi!? naan jetta, garuu eenyuun anaa wajjin akka ergitu anatti hin himne; haa ta'u iyyuu malee, ?Ani si beeka, maqaa kees beeka, ana durattis immoo faara tolaadhaan ilaalamteetta? anaan jetteetta.

13Egaa dhuguman si duratti faara tolaadhaan ilaalame yoon ta'e, akkan si beekutti, si durattis faara tolaadhaan ilaalamaa akkan jiraadhutti ?Hadaraa karaa kee anatti argisiisi!? Jarri kunis saba kee akka ta'an ilaali!? jedhe*.

14Waaqayyo immoo deebiseefii, ?Ani ofii kootii sii wajjin nan adeema, boqonnaas siif nan kenna? jedhe*.

15Museen deebisee, ?Ati ofii keetii nuu wajjin hin adeemtu yoo ta'e asii nu hin baasin!

16Ati ofii keetii yoo nuu wajjin adeemte malee ani, sabni kees si duratti faara tolaadhaan ilaalamuun keenya attamitti beekama? Anii fi sabni kee saba warra kaan irraa garaagara ta'uun keenya ati nuu wajjin adeemuu keetiin beekama mitii ree?? jedhe.

17Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Ati ana duratti faara tolaadhaan waan ilaalamteef, si, maqaa kees waanan beekuuf, isa ati dubbatte kana ani nan godha? jedhe.[167]

18Museen immoo, ?Hadaraa ulfina kee na argisiisi!? jedhe*.

19Waaqayyo immoo deebisee, ?Gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; ani si duratti maqaa koo ?Waaqayyo? jedhee nan hima; namuma ani faara itti toluu barbaadutti faara nan tola, namuma ani araara itti argisiisuu barbaadutti araara nan argisiisa*.

20Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu*.

21Kunoo ana bira as iddoo kana kattaa irra dhaabadhu!

22Yeroo ulfinni koo darbuutti jiru, holqa kattaa keessa sin kaa'a, hamma ani darbuttis harka kootiin sin golbooba*.

23Ani harka koo si duraa nan fuudha, ati immoo dugda koo in argita; fuulli koo garuu hin argamu? jedhe.[168]

Bible Society of Ethiopia
/div>