1Waaqayyo ammas Museedhaan, ?Gabatoota dhagaa lama baasii akka warra duraa sanatti soofi! Ani immoo dubbii gabatoota warra duraa ati caccabsite sana irra ture isaan irratti nan caafa*;
2hamma boriitti qophaa'ii ganamaan gara tulluu Siinaatti ol ba'iitii gubbee tullichaa irra dhaabadhuu na eegi!
3Namni tokko illee si duukaa achitti ol hin ba'in, guutummaa tullichaa irrattis hin argamin! Bushaayeen, saawwanis dheedichaaf gara tulluu sanaatti hin yaa'in!? jedhe*.
4Museen gabatoota dhagaa lama baasee akka warra duraa sanatti in soofe; akkuma Waaqayyo isa abboomee turetti, ganamaan ka'ee gabatoota dhagaa sana lamaan harkatti qabatee, tulluu Siinaatti ol in ba'e.
5Waaqayyo yommus duumessa keessaan gad bu'ee achi isa bira dhaabatee, maqaa ofii isaas ?Waaqayyo isa jiraataa dha? jedhee in dhageessise.
6Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee, ?Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha*.
7Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu; yakka abbootaa immoo hamma dhaloota sadiitti, hamma afuriittis harka ijoollee fi ijoollee ijoollee isaanii keessaa barbaadee nan adaba? jedhe*.
8Yommus Museen dafee lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii,
9?Yaa gooftaa ati faara tolaadhaan na ilaalta yoo ta'e, sabni kun boqu-jabeessa waan ta'eef, ati nuu wajjin akka adeemtuuf sin kadhadha yaa gooftaa ko! Ati yakka keenyaa fi cubbuu keenya nuuf dhiisi, dhunfaa kees nu godhadhu!? jedhe*.
10Waaqayyo ergasii Museedhaan, ?Kunoo, ani kakuu sii wajjin nan gala; saba kee hundumaa duratti, guutummaa biyya lafaa irratti, saba biyya lafaa irra jiran hundumaa keessattis wanta dinqisiisaa takkaa ta'ee hin beekne nan godha; waan ani Waaqayyo kee siif godhu sodaachisaa waan ta'eef, sabni ati isaan gidduu jiraattu hundinuu arguuf jiru*.
11Isa ani har'a si abboomu jabeessii eegi! Ani warra Amoorotaa, warra Kana'aanotaa, warra Heetotaa, warra Pheriizotaa, warra Hiiwotaa fi warra Yibusootaa isin duraa oofee nan baasa.
12Biyya itti galuuf jirtu kana keessatti warra achi jiraatanii wajjin kakuutti galtee, isaan achi keessatti wanta kiyyootti si galchu akka sitti hin taaneef of eeggadhu*!
13Isin iddoo aarsaa isaanii diigaa, utuboota dhagaa qulqullaa'aatti ilaalaman sanas caccabsaa, mukkeetii qiqqirixamanii Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhaabamanis jigsaa*!
14Waaqayyo kan biraaf hin sagadin! Ani Waaqayyo inni maqaan koo, ?Hinaaffaa? jedhamee beekame, gooftaa hinaafuu dha*.
15Yaa saba nana, warra biyya sana jiraatanii wajjin kakuutti akka hin galleef of eeggadhu! Yommuu isaan amanamuu dhiisanii waaqayyolii isaanii duukaa goranii isaaniif aarsaa dhi'eessan, namni tokko achitti si waama, atis aarsaa sana irraa in nyaatta ta'a.
16Ijoollota dhiiraa kees durboota isaanii fuusiftee, yeroo durboonni isaanii amanamuu dhabanii waaqayyolii isaanii duukaa goran, ijoollonni dhiiraa kees amanamuu dhabanii waaqayyolii sana duukaa akka goran in godhu ta'a*.
17?Waaqayyolii wanta baqfame irraa tolfaman hin godhatin*!
18Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu; ji'a Abiib keessa biyya Gibxii waan baateef, akkuma ani si abboomee ture, ji'a Abiib kana keessaa yeroo beekamaatti guyyaa torba maxinoo nyaadhu*!
19Horii qe'ee hundumaa keessaa saawwan keessaa, bushaayee keessaas hundinuu kormaan, karra-saaqu hundinuu kan koo ti.
20Harree kormaa angafa dhalatu immoo xobbaallaa korbeessaatiin in furta; yoo furuu dhabaatte immoo saggoo isaa kuti; ilmaan kee keessaa isa angafa furi! Namni tokko illee harka isaa duwwaa ana duratti hin dhi'aatin*!
21?Guyyaa ja'a hojii hojjedhu, garuu guyyaa torbaffaatti boqodhu! Yeroo qottee facaaftutti, yeroo galfattuttis boqodhu*!
22Midhaan isa dura bilchaatu qamadii yeroo galfattuu jalqabdee, torban torba booddee ayyaaneffadhu; gara dhuma waggaattis yeroo ija mukaa sassaabbattu ayyaaneffadhu!
23Dhiironni kee hundinuu waggaatti si'a sadii ana Waaqayyo gooftaa, Waaqayyo isa kan Israa'el duratti haa argaman!
24Ani saba warra kaan ari'ee si duraa nan baasa, daarii biyya keetiis siifan bal'isa; waggaatti si'a sadii ana Waaqayyo gooftaa kee duratti argamuudhaaf yeroo ol baatu, namni tokko illee biyya kee fudhachuu hin kajeelu.
25?Dhiiga aarsaa qalmaa, buddeena bukaa'aa wajjin anaaf hin dhi'eessin; qalma ayyaana Faasiikaa irraa guyyaa borumtaaf hin hambisin!
26Angafa midhaan lafa kee irraa galfattu keessaa isa caalu gara mana ana Waaqayyo gooftaa keetti fidi! Ilmoo bushaayee aannan haadha isheetiitiin hin affeelin!? jedhe*.
27Waaqayyo ammas Museedhaan, ?Dubbii ani sii fi saba Israa'elii wajjin ittiin kakuutti gale kana akkuma inni jirutti caafadhu!? jedhe*.
28Museen achitti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira ture; yeroo kanatti midhaan hin nyaanne, bishaanis hin dhugne; inni dubbii kakuu isa waa'ee abboommii kurnan sana gabatoota dhagaa irratti in caafe*.
29Museen gabatoota dhuga-baatuu sana lamaan harka isaatti qabatee tulluu Siinaa irraa gad bu'e; Museen tulluu irraa yommuu gad bu'e Waaqayyo isatti dubbachuu isaatiin fuulli isaa calaqqisaa akka ture inni hin beekne.
30Aaronii fi namoonni Israa'el hundinuu gara Musee yommuu ilaalan, fuulli isaa akka calaqqise arganii isatti dhi'aachuu in sodaatan.
31Museen garuu yeroo isaan waametti, Aaronii fi angafoonni waldaa gara isaatti in deebi'an; innis isaanitti in dubbate.
32Kana booddees namoonni Israa'el hundinuu gara isaatti dhi'aatan; innis wanta Waaqayyo tulluu Siinaa irratti isatti dubbate hundumaa isaan in abboome.
33Museen isaanitti dubbatee yommuu raawwate fuula isaa in haguuggate.
34Inni Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf gara fuula isaa duraatti yommuu dhi'aatu immoo hamma isa biraa gad ba'utti haguuggii of irraa in buusa ture; yommuu gad ba'us waan abboomame namoota Israa'elitti in hima ture.
35Yeroo sanattis namoonni Israa'el gara fuula Musee ilaalanii, fuulli isaa akka calaqqise argan; Museen hamma yeroo Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf achi deebi'etti, fuula isaa in haguuggate*.