Seera Ba'uu 35:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Museen guutummaa waldaa Israa'el walitti qabee, isaaniin, ?Wanti Waaqayyo akka gootaniif isin abboome kanatti fufee kan jiruu dha;

2guyyoonni ja'a, guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, inni torbaffaan garuu Sanbata qulqullaa'aa guyyaa Waaqayyoof itti boqottan isiniif haa ta'u! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu haa ajjeefamu!

3Lafa jiraattan hundumaatti guyyaa Sanbataatti ibidda illee hin qabsiisinaa!? jedhe*.[178]

4Museen guutummaa waldaa Israa'eliin, ?Wanti Waaqayyo isinitti dubbatee isin abboome kanatti fufee kan jiruu dha;

5isin waan qabdan keessaa Waaqayyoof kennaa dhi'eessaa! Namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Waaqayyoof kennaa warqee, meetii, sibiila borrajjii haa dhi'eessu*!

6Kana malees, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa gaarii, rifeensa reettii,

7gogaa korbeessa hoolaa isa diimeffame, raroo hoolaa bishaanii, muka laaftoo,

8cuunfaa ejersaa ibsaadhaa fi dhadhaa ejersaa isa dibatamu, ixaana foolii toluu fi urgooftuu,

9callee Sardoniikis irraa hojjetame, callee gati-jabeessa, dirata fuula duraa fi qomee akka gaachanaatti kaa'atamu haa dhi'eessu![179]

10?Isin keessaa ogeessota kan ta'an hundinuu dhufanii wanta Waaqayyo abboome hundumaa haa hojjetan!

11Godicha, dunkaana isaa, irra-buusa isaa, hokkoo isaa, tuggee isaa, danqaraa isaa, utuboota isaa, miiloo isaas haa hojjetan!

12Sanduuqa kakuu, danqaraa isaa, teessoo araaraa, golgaa isa dhoksus haa tolchan!

13Gabatee, danqaraa isaa mi'a isaa hundumaa wajjin, buddeena ilaalchaas haa tolchan!

14Ibsaadhaaf immoo baattuu ibsaa, mi'a isaa, ibsaa isaa, cuunfaa ejersaa isaas haa qopheessan!

15Iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu, danqaraa isaa, dhadhaa dibataa, ixaana urgaa'aa, golgaas balbala godichaaf haa qopheessan!

16Iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti dhi'aatu, sibiila borrajjii isa akka gingilchaatti wal keessa baba'u, danqaraa isaa, mi'a isaa hundumaa, waciitii, jaliitii isaas haa tolchan!

17Golgaa oobdichaa, utuboota isaa, miiloo isaa, golgaa balbala oobdichaas haa tolchan!

18Qofoo godichaa fi oobdichaa, funyoo isaas haa qopheessan!

19Uffata kulaan miidhagfame isa uffatanii iddoo qulqullaa'aa sana keessa hojjetan, Aaron lubichaaf uffata qulqullaa'aa, ilmaan isaafis uffata isaan uffatanii hojii lubummaa hojjetan haa qopheessan!? jedhe.

20Yommus guutummaan waldaa Israa'el Musee biraa ka'anii in adeeman.

21Isaan dhufanii tokkon tokkon isaanii garaan isaanii kan isaan dammaqse, hafuurri isaaniis kan isaan abboome dunkaana itti wal ga'aniif, hojii isaa hundumaaf, uffata qulqullaa'aafis jedhanii Waaqayyoof kennaa in dhi'eessan*.

22Dhiironnii fi dubartoonni warri kennuudhaaf garaan isaanii fedha qabu hundinuu, dirata warqee, amartii gurraa fi amartii garaa garaa, mi'a miidhaginaa, mi'a warqee hundumaas fidanii aarsaa sochoofamu Waaqayyoof in dhi'eessan.

23Yommus namoonni warri boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa, rifeensa reettii, gogaa korbeessa hoolaa isa diimeffame, raroo hoolaa bishaanii qaban hundinuu in fidan.

24Namoonni meetii yookiis sibiila borrajjii qaban hundinuu fidanii Waaqayyoof kennaa in dhi'eessan; akkasuma immoo muka laaftoo wanta hojjetamu hundumaaf ta'u kan qaban hundinuu in fidan.

25Dubartoonni hojii harkaatti ogeessota ta'an hundinuu boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa gaarii harka isaaniitiin fo'anii, in fidan.

26Dubartoonni garaan isaanii ogummaatti isaan dammaqse hundinuu rifeensa reettii in fo'an.

27Warri angafoonni, callee isa Sardoniikis irraa hojjetame, callee gati-jabeessas, dirata fuula duraa fi qomee akka gaachanaatti kaa'atamuuf in fidan.

28Akkasuma immoo urgooftuu, cuunfaa ejersaa ibsaadhaaf, dhadhaa ejersaa isa dibatamu, ixaana foolii tolus in fidan.

29Namoota Israa'el keessaa dhiironnii fi dubartoonni warri kennuudhaaf garaan isaanii fedha qabu hundinuu hojiin Waaqayyo Musee ajaje hundinuu akka hojjetamuuf Waaqayyoof kennaa in dhi'eessan.[180]

30Yommus Museen namoota Israa'eliin, ?Ilaa! Waaqayyo gosa Yihudaa keessaa Bazaali'el ilma Urii akaakayyuu Huur maqaa dha'ee waammateera;

31Waaqayyo hafuura ofii isaatiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera;

32inni akka itti warqee, meetii, sibiila borrajjiis hojjetan akeeka in baasa.

33Ijaarsaaf dhagaa in tolcha, muka in soofa, waan garaa garaas miidhagsee akka akeeka baafameetti in hojjeta.

34Waaqayyo, innii fi Aholiiyab ilmi Ahisamaak inni gosa Daan keessaa warra kaan barsiisuu akka danda'aniif yaada isaaniif kenneera.

35Inni warra waa qirixanii bifa itti baasan, warra waan garaa garaa miidhagsanii hojjetan, warra boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa, warra kulaan miidhagsanii fi warra wayyaa dha'an, warra waan hundumaa hojjetan, warra akeeka baasanis ogummaadhaan in guute.

Bible Society of Ethiopia
/div>