1Yommus Bazaali'el muka laaftoo irraa sanduuqa kakuu dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, irraan-oleen isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u in tolche*.
2Keessa isaa fi duuba isaatti warqee qullaa'aa uffisee, qaalaa isaattis naannessee warqee in kaa'e.
3Amartii warqee afur tolchee, miillan isaa arfanitti lama gar-tokkoon, lama immoo gara kaaniin in baqse.
4Muka laaftoo irraa danqaraa tolchee, warqee itti uffise.
5Danqaraa sana sanduuqicha kakuu ittiin baachuudhaaf amartoota bukkee garanaa fi garasiin jiran keessa loose.
6Warqee qullaa'aa irraa teessoo araaraa dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolche.
7Inni Kiruubel lama warqee tumame irraa tolchee, fiixee teessoo araaraa gar lamaanitti kaa'e.
8Kiruub isa tokko fiixee gar-tokkoo irratti, Kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii irratti akkasitti Kiruubel lamaan teessoo araaraa irratti garanaa fi garasiin in tolche.
9Kiruubel qoochoowwan isaanii teessoo araaraa gubbaatti bal'isanii in golbooban, fuula isaaniis walitti gara galchanii gara teessoo araaraa in ilaalu turan.
10Inni muka laaftoo irraa gabatee dheerinni isaa dhundhuma lama, bal'inni isaa dhundhuma tokko, irraan-oleen isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u in tolche.
11Warqee qullaa'aa itti uffisee, naannoo isaattis warqee mare.
12Xiyyoo hamma bal'ina harkaa ga'u hidhii isaatti naannessee tolchee isattis naannessee warqee mare.
13Gabatichaaf amartii warqee afur tolchee, iddoo miillan isaa arfan jiran golee arfanuutti kaa'e.
14Amartoonni sun danqaraa ittiin gabaticha baataniif akka ta'utti hidhii isaatti kaa'aman.
15Danqaraa muka laaftoo irraa tolchee, gabatichi akka ittiin baatamuuf warqee itti uffise.
16Mi'a gabaticha irra kaa'amu harkee, waciitii, xoofoo, cuggee ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessanis warqee qullaa'aa irraa in tolche.
17Bazaali'el warqee qullaa'aa irraa baattuu ibsaa in tolche; baattuun ibsichaa warqee tumame irraa hojjetame; miillan isaa, somaan isaa, qolli isaa, xoofoon isaa fi daraaraan isaa isuma irraa itti hojjetame.
18Cinaacha isaa lamaanitti damee ja'a, dameen ibsaa sadii gar-tokkotti, dameen ibsaa sadii immoo gara kaanitti baafaman.
19Damee tokko irratti qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii xoofoodhaa fi daraaraa wajjin, damee isa kaan irrattis qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii xoofoodhaa fi daraaraa wajjin, akkasuma damee ja'an baattuu ibsaa irratti baafaman sana irratti hojjetaman.
20Qolli daraaraa lawuzii fakkaatu afur xoofoo isaa fi daraaraa isaa wajjin baattuu ibsaa sana irra jiru.
21Damee baattuu ibsaa sana keessaa ba'an damee lama lama gidduutti xoofoo tokko tokko, damee isaa ja'anitti immoo xoofoo lama lama tolche.
22Xoofoon isaa fi dameen isaa battee warqee qullaa'aa tumame tokko irraa tolfame.
23Inni ibsaa torba, waan ittiin fo'aa ibsaa kutan, baattuu isaas warqee qullaa'aa irraa in hojjete.
24Baattuu ibsaa sanaa fi mi'a isaa hundumaa warqee qullaa'aa akka kiilo graamii soddomii shanii ulfaatuun hojjete.
25Yommus inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu, dheerinni isaa dhundhuma tokko, bal'inni isaa dhundhuma tokko, gara arfanuun wal qixxee, irraan-oleen isaa dhundhuma lama ta'u tolche; gaanfonni isaas isuma irraa itti in baafaman.
26Inni naannoo hundumaatti, irra keessa isaatti, bukkee isaatti, gaanfa isaattis warqee qullaa'aa uffise; naannoo isaattis warqee in hojjete.
27Danqaraa keessa loosanii ittiin baachuudhaaf, amartii warqee lama sabbata isaa sana jalatti karaa lachuu andaara isaa lamaanitti tolche.
28Danqaraa sana muka laaftoo irraa tolchee, warqee itti uffise.
29Akka warri urgooftuu gaarii qopheessan hojjetanitti, urgooftuu dibataa isa qulqullaa'aa in tolche*.