Seera Ba'uu 38:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Bazaali'el itti fufee muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan, irraan-oleen isaa dhundhuma sadii, gara arfanuun wal qixxee kan ta'e in ijaare.

2Golee iddoo aarsaa arfan gubbaatti gaanfota baase; gaanfota sanas isuma irraa itti baasee sibiila borrajjii itti uffise.

3Mi'a iddoo aarsaa sanaa hundumaa caabii, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii ittiin aarsaa dhi'eessan, fileewwan foonii, baattuu irratti ibidda bobeessanis sibiila borrajjii irraa in tolche.

4Iddoo aarsichaattis sibiila borrajjii akka gingilchaatti wal keessa babaasee ittisa tolchee, gara walakkaa iddoo aarsaa ga'uu akka danda'utti geengoo isaa jalaan kaa'e.

5Golee arfan ittisa sibiila borrajjii sanaattis danqaraa ittiin baatan akka keessa loosaniif amartii afur itti baqse.

6Muka laaftoo irraa danqaroota tolchee sibiila borrajjii itti uffise;

7danqaroota sanas iddoon aarsaa akka ittiin baatamuuf amartoota isa bukkee iddoo aarsichaa isa muka irraa dhooqfamee hojjetametti jiru sana keessa loose.

8Waciitii fi jaliitii sibiila borrajjii of-ilaalii dubartoota warra balbala dunkaana itti wal ga'an sanaatti yeroo sagadaa hojii gargaaran irraa fuudhee tolche*.[183]

9Inni itti aansee oobdii in tolche; oobdichis gara harka mirgaatiin golgaa quncee talbaa fo'amaadhaan dha'amee, dheerinni isaa dhundhuma dhibba ta'u qaba ture.

10Utuboonni digdammanii fi miiloowwan isaanii digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman.

11Golgaan gara harka bitaas immoo dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko utuboonni isaanii digdammanii fi miiloowwan isaanii digdamman sibiila borrajjii irraa, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhus meetii irraa hojjetaman.

12Gara lixa-biiftuutiin golgaa bal'inni isaa dhundhuma shantama ta'u qaba ture; utuboonni isaanii kudhan, miiloowwan isaanii kudhan; hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman.

13Gara boruu karaa biiftuun baatus oobdichi dhundhuma shantama bal'ata ture.

14Dheerinni golgichaa karaa ittiin ol lixan gar-tokkoon dhundhuma kudha shan; utuboota sadii fi miiloowwan sadii qaba ture.

15Dheerinni golgaa isa gara kaaniis dhundhuma kudha shan, utuboota sadii fi miiloowwan sadii qaba ture.

16Golgaan naannoo oobdichaa hundinuu uffata quncee talbaa fo'amaa irraa dha'ame.

17Miiloowwan utuboota sanaa sibiila borrajjii irraa hojjetaman, hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu immoo meetii irraa hojjetaman; fiixee utuboota oobdichaattis meetiitu uffifame; akkasuma utuboonni oobdichaa hundinuu amartii meetii irraa hojjetame qabu turan.

18Golgaan karra oobdichaa uffata quncee talbaa fo'amaadhaan dha'amee, namni ogeessi immoo fo'aa bifa waaqaa, bifa dhiilgee, bifa bildiimaa qabuun irratti hoddhee tolche qaba ture; dheerinni isaa dhundhuma digdama; akkuma golgaa oobdichaa irraan-oleen isaa dhundhuma shan, bal'inni isaa dhundhuma shan ture.

19Utuboonni isaa arfanii fi miiloowwan isaa arfan sibiila borrajjii irraa hojjetaman; hokkoon isaanii fi amartiin walitti hidhu meetii irraa hojjetaman; bantiiwwan isaaniittis meetiitu uffifame.

20Qofoon godoo sanaa fi oobdii sanatti naanna'anii jiran hundinuu meetii irraa hojjetaman.

21Mi'i godoo dhuga-baatuu inni Itaamaar Lewiichi ilmi Aaron lubichaa abboommii Museetiin tarreetti caafee qopheesse kanatti aane jira*;

22Bazaali'el ilmi Urii, akaakayyuun Huur gosa Yihudaa keessaa wanta Waaqayyo, Musee abboome hundumaa in hojjete;

23Aholiiyab ilmi Ahisamaak gosa Daan keessaa, inni waa qirixee bifa itti baasu uffata quncee talbaa irratti, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaadhaan kulaan miidhagsee hojjetu, isaa wajjin ture*.

24Godoon qulqullaa'aan akka ittiin hojjetamuuf warqeen kenname sun hundumti isaa akka madaalii godoo qulqullaa'aatti akka kiilo graamii kuma tokkoo ture.

25Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaa'aman irraa walitti qabame, akka madaalii godoo qulqullaa'aatti kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afurii fi digdamaa ture.

26Namoonni warra dur lakkaa'amanii jiranitti dabalaman, waggaan isaaniis digdamaa hamma isaa oliitti kan jiru hundinuu lakkoobsi isaanii kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama; isaan kun mata mataatti akka madaalii godoo qulqullaa'aatti akka walakkaa sheeqelii baasan*.

27Meetii kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shaniin miiloo godoo qulqullaa'aa fi miiloo golgichaatu hojjetame; kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shaniin miiloo dhibba tokkotu hojjetame; kiilo graamii soddomii shaniin miiloo tokkotu hojjetame.

28Akka kiilo graamii digdamaatiin immoo utubootatti hokkoo hojjetee, bantiiwwan isaanii amartiidhaan walitti qabsiise.

29Sibiilli borrajjiin kennaa sochoofamuuf dhi'aate kiilo graamii kuma lamaa fi dhibba afurii fi afurtama ture.

30Isaaniin miiloowwan balbala dunkaana itti wal ga'anii, iddoo aarsaa sibiila borrajjii irraa hojjetamee fi ittisa isaa isa sibiila borrajjii irraa hojjetame, mi'a isaa hundumaas in hojjete.

31Akkasumas miiloowwan utubaa naannoo oobdichaa, miiloowwan utubaa karra oobdichaa, qofoon dunkaanichaa hundinuu, qofoon utubaa naannoo oobdichaa hundinuus isaaniin hojjetaman.[184]

Bible Society of Ethiopia
/div>