Seera Ba'uu 40:1-38 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museedhaan,

2?Godoo dunkaana itti wal ga'anii sana ji'a duraa keessaa guyyaa duraatti dhaabi!

3Sanduuqa dhuga-baatuus isa keessa kaa'i, sanduuqichatti immoo golgaa tolchi!

4Gabatee ol galchii mi'a isaa tottolchi, baattuu ibsaas ol galchii ibsaa irra dhaabi!

5Iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame isa ixaana irratti aarsan sanduuqa dhuga-baatuu sana dura dhaabi! Balbala godichaattis golgaa kaa'i!

6Iddoo aarsaa isa qalmi gubatu irratti aarfamus balbala godoo dunkaanicha itti wal ga'an sanaa dura dhaabi!

7Dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa sana gidduu waciitii dhiqannaa dhaabi, waciitichatti bishaan naqi!

8Oobdii itti naannessii tolchi, karra oobdichaatti golgaa kaa'i!

9Dhadhaa dibataas fuudhii godicha sanaa fi wanta isa keessa jiru hundumaa dibi, isaa fi wanta isa keessa jiru hundumaa qulqulleessi! Innis qulqullaa'aa in ta'a.

10Iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti aarfamuu fi mi'a isaa hundumaa dibi, iddoo aarsichaas qulqulleessi! Innis hundumaa irra qulqullaa'aa in ta'a.

11Waciitichaa fi jaliitii isaa dibii qulqulleessi*!

12Aaronii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana itti wal ga'an sanaatti fidii bishaaniin isaan dhiqi!

13Aaron luba ta'ee anaaf akka hojjetuuf uffata qulqullaa'aa itti uffisiitii, dibii isa qulqulleessi!

14Ilmaan isaas as fidii kittaa itti uffisi!

15Luba ta'anii anaaf akka hojjetaniif, abbaa isaanii akkuma dibde isaanis dibi! Dibamuun isaanii kun dhaloota dhufu hundumaa keessatti lubummaa bara baraa ta'ee in jiraata? jedhe.[186]

16Museen yommus wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa akkuma sanatti in hojjete.

17Godichis waggaa lammaffaa keessaa ji'a tokkoffaatti ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti in dhaabate;

18Museen godicha yommuu dhaabe, miiloowwan isaa itti kaa'ee, tuggeewwan isaa dhadhaabee, dagalees keessa loosee, utuboota isaas in dhaabe.

19Ergasii godoo sana irratti dunkaana diriirsee, dunkaana sana akka Waaqayyo abboometti godichatti in uffise;

20dhuga-baatuu sanas fuudhee, sanduuqa kakuu keessa kaa'e; danqaraas sanduuqichatti hidhee, teessoo araaraas sanduuqicha irra kaa'e.

21Sanduuqichas godichatti ol galchee, akka Waaqayyo isa abboometti sanduuqa dhuga-baatuutti golgaa tolche.

22Museen gabaticha karaa gara bitaa godoo sanaatiin golgaa duubaan dunkaana itti wal ga'an sana keessa dhaabe;

23achi irras akka Waaqayyo isa abboometti fuula Waaqayyoo dura buddeena naqe.

24Baattuu ibsaas fuullee gabatichaatiin karaa gara mirgaa godoo sanaa dunkaana itti wal ga'an keessa kaa'e;

25ibsaas akka Waaqayyo isa abboometti Waaqayyo dura baatticha irra in dhaabe.

26Ergasii Museen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame sana golgicha fuul duraan dunkaana itti wal ga'an keessa dhaabe;

27isa irrattis akka Waaqayyo isa abboometti ixaana fooliin isaa urgaa'u aarsaa dhi'eesse.

28Kana booddee balbala godichaatti golgaa kaa'e;

29iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti aarfamu balbala godoo sanaa dura dunkaana itti wal ga'an keessa dhaabee, akka Waaqayyo abboomettis achi irratti qalma gubamuu fi kennaa midhaanii in dhi'eesse.

30Waciitiis dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo aarsaa sana gidduu dhaabee, akka ittiin dhiqataniif bishaan itti naqe.

31Musee fi Aaron, ilmaan isaaniis harka isaanii fi miilla isaanii ittiin in dhiqatu turan.

32Yeroo gara dunkaana itti wal ga'anii dhaqan hundumaa yookiis yeroo iddoo aarsaatti dhi'aatan hundumaa Waaqayyo akka Musee abboometti in dhiqatu turan.

33Museen godichaa fi iddoo aarsaa sanatti naannessee oobdii tolchee, karra oobdichaattis golgaa in kaa'e; akkanatti Museen hojicha in raawwate.

34Duumessis dunkaana itti wal ga'anitti uffise, ulfinni Waaqayyoo godicha keessa guute*;

35Museen immoo duumessi godicha irra waan tureef, ulfinni Waaqayyoo godoo sana keessa waan guuteef, dunkaana itti wal ga'an sana keessa lixuu hin dandeenye.

36Namoonni Israa'el hamma adeemaa turan kana hundumaatti yommuu duumessichi godoo sana irraa ka'u isaanis ka'anii in adeemu turan*.

37Yommuu duumessichi irraa ka'uu dhiisu immoo hamma gaafa duumessichi irraa ka'utti isaanis achii hin ka'an.

38Duumessi Waaqayyoos guyyaa guyyaa dunkaanicha irra in buufata ture, ibiddi immoo halkan halkan duumessicha irra ture; namoonni Israa'elis yeroo karaa adeemaa turan hundumaatti kana in argu turan.[187]

Bible Society of Ethiopia
/div>