1Waaqayyo immoo Museedhaan, ?Mootichi harka koo isa jabaadhaan qabamee waan isaan gad dhiisuuf, inni biyya isaa keessaa iyyuu oofee akka isaan baasuuf, amma irree koo isa cimaadhaan waanan isa irratti hojjedhu arguuf jirta? jedhe*.
2Yommus Waaqayyo Museedhaan, ?Ani Waaqayyoo dha;
3ani Waaqayyo inni hundumaa danda'u, Abrahaamitti, Yisihaqitti, Yaaqoobittis mul'adheera; garuu maqaan koo ?Waaqayyo isa jiraataa dha? jedhee isaanitti of hin beeksifne*.
4Biyya Kana'aan biyya takka galaa ta'anii keessa jiraatan isaaniif kennuudhaaf immoo kakuu isaanii wajjin galeera*.
5Kana malee immoo aadnaa Israa'eloota warra namoonni biyya Gibxii akka garbaatti hojjechiifachaa turanii dhaga'ee, kakuu koo yaadadheera.
6Egaa Israa'elootaan, ?Ani Waaqayyoo dha! Ba'aa warra Gibxii jalaa isin nan baasa, garbummaa isaanii keessaas isin nan oolcha; ani irree koo ol fudhadhee firdii gurguddaadhaan isin nan fura.
7Ani saba koo isin godhadhee isin nan simadha, Waaqayyo keessanis isiniif nan ta'a; isin immoo ani Waaqayyo keessan goofticha isa ba'aa warra Gibxii jalaa isin baasu akkan ta'e in beektu*.
8Ani biyya isan Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif kennuudhaaf kakadhe sanatti isin nan galcha, dhuunfaa keessan godhees isiniif nan kenna; ani Waaqayyoo dha? jedhi!? jedhe*.
9Museenis Israa'elootatti kana in hime, isaan garuu yaadni isaanii waan cabeef, garbummaanis waan isaanitti jabaateef isa hin dhaggeeffanne.
10Waaqayyo yommus Museedhaan,
11?Gara mootii Gibxii dhaqiitii akka inni Israa'eloota biyya isaa keessaa gad dhiisu, itti dubbadhu!? jedheen.
12Museen garuu Waaqayyo duratti deebisee, ?Kunoo sabni Israa'el iyyuu ana hin dhageenye, attamitti mootichi immoo ana nama afaan isaa qajeelchee hin dubbanne
13Waaqayyo garuu Musee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxii keessaa baasuudhaaf, dhaqanii Israa'elootatti, mootii Gibxiittis akka himan isaan abboome.
14Warri maqaan isaanii kanatti fufee jirus, dura-buutuu sanyii abboota isaanii keessaa waamamanii dha; ilmaan Ruuben ilma Israa'el isa angafaa, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii dha; isaan kun gosa Ruuben.
15Ilmaan Shimi'oon, Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawulin durba warra Kana'aantu da'e; isaan kun immoo gosa Shimi'oon.
16Kanatti aanee immoo maqaa ilmaan Lewwiitu akka dhaloota isaaniitti dhufa; isaan Gershoon, Qehaat, Meraarii dha; Lewwii hamma waggaa dhibbaa fi soddomii torba guututti in jiraate*.
17Ilmaan Gershoon immoo, akka gosa isaaniitti Liibnii fi Shime'ii turan.
18Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Hebron, Uzii'elis; barri jireenya Qehaat waggaa dhibbaa fi soddomii sadii ture.
19Ilmaan Meraarii, Maahilii, Mushiis, isaan kun akka dhaloota isaaniitti gosa Lewwii turan*.
20Amraam Yokebeedin obboleettii abbaa isaa fuudhe, isheen Aaronii fi Musee in deesseef; barri Amraam jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture*.
21Ilmaan Yizhaar immoo, Qoraahi, Nefeg, Ziikriis turan.
22Ilmaan Uzii'el immoo, Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitrii dha*.
23Aaron, Eliishebaa intala Aminaadaab obboleettii Nahishoon fuudhe; isheen Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaarin deesseef*.
24Ilmaan Qoraahi, Asiir, Elqaanaa fi Abii'aasaaf turan; isaan kun gosa Qoraahotaa ti.
25Ele'azaar ilmi Aaron durboota Futii'el keessaa tokko fuudhe; isheen Fiinehaasin deesseef; isaan kun akka gosa gosa isaaniitti dura-buutuu abboota sanyii Lewwii ti.
26Aaronii fi Museen warri Waaqayyo, ?Isin Israa'eloota akka kutata kutata isaaniitti biyya Gibxii baasaa!? jedheen isaan kana.
27Waa'ee Israa'eloota biyya Gibxiitii baasuu, warri mootii Gibxiitti dubbatan isaan kana turan; Museen, Aaronis isaanuma kana.
28Gaafas Waaqayyo biyya Gibxiitti Museetti in dubbate;
29inni Museedhaan, ?Ani Waaqayyoo dha, waanan sitti dubbadhu hundumaa, mootii Gibxiitti himi!? jedhe.
30Museen garuu achuma Waaqayyo duratti, ?Kunoo, anoo nama afaan isaa qajeelchee hin dubbannee dha, mootichi attamitti anaaf dhaga'a ree?? jedhe*.