Seera Ba'uu 8:1-32 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museetti dubbatee, ?Gara mootichaatti ol galiitii itti dubbadhu, ?Dhaqanii anaaf akka hojjetanitti saba koo gad dhiisi*!

2Ati isaan gad dhiisuu yoo didde immoo, kunoo ani guutummaa biyya keetti fattee naquudhaan dha'icha itti nan fida!

3Lagni Abbayyaa fatteedhaan in guuta, isaan lagicha keessaa ol ba'anii mana keetti, diinqa keetti, siree keetti, mana hojjetoota keetti, mana saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keettis in nam'u;

4fatteewwan kunis sitti, saba keetti, hojjetoota keettis ol in ba'u!? jedhiin!? jedhe*.

5Waaqayyo ammas Museedhaan, ? ?Harka kee isa ulee qabu lagoota irratti, yaa'ota irratti, bishaan ciisu irrattis ol fudhadhu, fatteen guutummaa biyya Gibxii irratti akka dhufu godhi!? jedhiitii Aaronitti himi!? jedhe.

6Aaronis bishaanota biyya Gibxii irratti harka isaa ol fudhatee, fatteewwanis ol yaa'anii lafa uffisan*.

7Ayyaana hedduun warra Gibxii immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan akkasuma godhanii, biyya Gibxii irratti fattee in fidan*.[34]

8Mootichi yommus Musee fi Aaroniin waamsisee, ?Fattee kana ana irraa, saba koo irraas akka fuudhuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Anis sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad nan dhiisa? jedhe*.

9Museen yommus deebisee mootichaan, ?Fatteen si irraa, mana kee irraas balleeffamee laga Abbayyaa duwwaatti akka hafuuf, siif, hojjetoota keef, saba keefis yoom akkan kadhadhu ati akka sitti toletti anatti himi!? jedhe.

10Inni immoo deebisee, ?Bor? jedhe; Museenis, ?Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa tokko illee akka hin jirre ati akka beektuuf, akkuma ati jettetti haa ta'u*!

11Fatteen si irraa, manneetii kee irraa, hojjetoota kee irraa, saba kee irraas fuudhamee laga Abbayyaa duwwaatti in hafa? jedhe.

12Musee fi Aaron egaa mooticha biraa gad in ba'an; Museen waa'ee fattee isa inni mooticha irratti fide sanaaf gara Waaqayyootti in iyye.

13Waaqayyo akkuma Museen kadhate in godhe; fatteen manneen keessaa, oobdii keessaa, bakkee keessaas in duddu'an.

14Yommus namoonnis tuullaa tuullaatti walitti in qaban; kanaafis biyyichi in ajaa'e.

15Mootichi garuu amma akka hafuura fudhate yommuu arge, deebisee garaa isaa in jabeesse; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye*.[35]

16Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Ati Aaronitti himi, ?Guutummaa biyya Gibxiitti awwaarri injiraan akka ta'uuf, ulee kee ol fuudhiitii awwaaricha lafaa rukuti!? jedhiin!? jedhe;

17isaanis akkasuma godhan; Aaronis harka isaa isa ulee qabu ol fuudhee awwaara lafaa rukute; injiraanis namaa fi horiitti in nam'e; guutummaa biyya Gibxii keessattis awwaarri lafaa hundinuu injiraan ta'e.

18Egaa injiraan namaa fi horiitti nam'ee ture; warri ayyaana hedan immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan injiraan fiduu in yaalan, garuu hin dandeenye*.

19Warri ayyaana hedan sunis mootichaan, ?Inni kun hojii harka Waaqayyoo ti? jedhan; mootichi garuu akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye*.[36]

20Waaqayyo ammas Museedhaan, ?Kunoo mootichi gara laga bishaanii in dhaqa, ganama bariidhaan ka'ii isa duratti dhi'aadhuu, Waaqayyo, ?Sabni koo dhaqanii anaaf akka hojjetanitti gad dhiisi*!

21Ati saba koo yoo gad dhiisuu dhabaatte immoo, kunoo ani gurmuu qarxaasaa sitti, hojjetoota keetti, saba keetti, manneen keettis gad nan dhiisa; manneen warra Gibxii lafti isaan irra jiranis gurmuu qarxaasaatiin in guuta;

22biyyicha keessatti ani Waaqayyo akkan ta'e ati akka beektutti, gaafas Gooshen lafa sabni koo jiraatu keessatti immoo gurmuun qarxaasaa akka hin argamnetti isa addaan nan baasa*.

23Ammas ani sabaa koo fi saba kee gidduutti garaagarummaa nan argisiisa; milikkinni kun bor in ta'a siin jedha? jedhiitii itti himi!? jedhe.

24Waaqayyo akkuma jedhe in godhe; gurmuun qarxaasaa baay'een mana mootichaa keessatti, manneen hojjetoota isaa keessatti, guutummaa biyya Gibxii keessattis in nam'e; biyyichi qarxaasaa sanaan in balleeffame.[37]

25Kana booddee mootichi Musee fi Aaronin waamsisee, ?Dhaqaatii asuma biyya kana keessatti Waaqayyo keessaniif aarsaa dhi'eessaa!? jedhe.

26Museen garuu deebisee, ?Aarsaan nuyi Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu, warra Gibxii biratti ciigaasisaa waan ta'uuf, kana gochuun kan ta'u miti; egaa nuyi aarsaa warra Gibxii biratti ciigaasisaa ta'ee ilaalamu, ija isaanii duratti yoo dhi'eessine, isaan immoo dhagaadhaan nu hin rukutanii ree*?

27Nuyi karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, akka inni nu abboomutti Waaqayyo gooftaa keenyaaf aarsaa in dhi'eessina? jedhe*.

28Mootichi immoo, ?Isin baay'ee fagaattanii hin adeeminaa malee, lafa onaa keessatti dhaqxanii Waaqayyo gooftaa keessaniif aarsaa akka dhi'eessitaniif gad isin nan dhiisa; isin anaaf kadhadhaa!? jedhe*.[38]

29Yommus Museen, ?Kunoo ani, amma si biraa nan adeema, bor qarxaasichi si irraa, hojjetoota kee irraa, saba kee irraas akka ka'uuf Waaqayyoon nan kadhadha; ati garuu yaa mootii sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad dhiisuu diduudhaan gowwoomsaa kee itti hin fufin!? jedhe.

30Museen mooticha biraa gad ba'ee, Waaqayyoon in kadhate*;

31Waaqayyo immoo akkuma Museen kadhate in godhe; qarxaasaa sanas mooticha irraa, hojjetoota isaa irraa, saba isaa irraas in kaase; tokko illees hin hafne.

32Mootichi garuu alanas garaa isaa in jabeesse, saba sanas gad hin dhiifne*.[39]

Bible Society of Ethiopia
div>