Seera Keessa Deebii 1:1-46 GAZB1997 - Bible AI

1Dubbiin Museen dachaa Yordaanos Arabaayi lafa onaa keessatti fuullee Suuf, Phaaraan Tofel, Laabaan, Haserootii fi Diizaahab gidduutti guutummaa Israa'elitti dubbate kanatti fufee jira.

2Siinaadhaa hamma Qaadesh-Barne'aatti, karaa tulluu Se'iir adeemsa guyyaa kudha tokkoo ti.

3Sabni sun biyya Gibxii ba'anii waggaa afurtammaffaa, ji'a kudha tokkoffaa, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti, Museen wanta Waaqayyo waa'ee isaaniitiif isa abboome hundumaa Israa'elootatti in hime*.

4Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa isa mandara Heshboon keessa jiraachaa ture, Oog mootii Baashaan isa mandara Ashtaarot keessa jiraachaa tures Edraayitti mo'e booddee ture*.

5Museen dachaa Yordaanos isa biyya Mo'aab keessaatti seera kanatti fufee jiru ibsuu in jalqabe.

6Inni, ?Waaqayyo gooftaan keenya tulluu Siinaa irratti, ?Tulluu kana irra yeroo dheeraa turtaniittu,

7asii buqqifadhaatii gara biyya gaaraa isa kan Amoorotaa, biyya olloota isaanii isa Arabaayi keessaa, biyya gaaraa, biyya dachaa, biyya gara mirgaa, karaa qarqara galaanaas biyya Kana'aanotaa, biyya Liibaanon, hamma Efraaxiis laga guddichaatti adeemaa!

8Kunoo, ani Waaqayyo, biyya isa ani abboota keessan Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif isaan booddeedhaanis sanyii isaaniif nan kenna jedhee kakadhe, isiniif kenneera, dhaqaatii qabadhaa!? jedhee nutti dubbateera? jedhe*.[1]

9Ani Museen yeroo sanatti, ?Isin ba'aa ani kophaa koo baachuu hin dandeenye anatti taatan*;

10Waaqayyo gooftaan keessan isin baay'iseera; kunoo, isin har'a akka urjoota waaqa keessaa baay'attaniittu*.

11Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, isa ammaa kanatti si'a kuma isin haa baay'isu, akkuma isin abdachiises isin haa eebbisu!

12Haa ta'u iyyuu malee, ani attamittan kophaa koo rakkina keessan, ba'aa keessan, wal loluu keessanis baachuu danda'a ree?

13Isin namoota ogeessotaa fi hubatoota gosa keessan keessatti beekaman fo'aatii fidaa! Ani immoo akka isaan dura-buutuu keessan ta'an nan godha? isiniin jedheen ture.

14Isin immoo deebiftanii, ?Wanta ati dubbatte kana gochuun gaarii dha? anaan jettan.

15Kanaafan dura-buutuu gosa keessanii warra ogeessotaa fi beekamoo sana fuudhee, dura-buutuu keessan akka ta'aniif eegdota kumaa, eegdota dhibbaa, eegdota shantamaa, eegdota kudhaniis gosa gosa keessaniif godhe*.

16Ani yeroo sana abboota firdii keessan abboomee, ?Dubbii obboloota keessan gidduudhaa ka'u isaaniif ilaalaa! Nama biyyaa tokkoo fi obboleessa isaa, nama biyyaa tokkoo fi orma isa bira jiru gidduuttis firdii qajeelaa kennaa!

17Firdiin kan Waaqayyoo waan ta'eef, firdiitti nama wal hin caalchisinaa! Isa guddaadhaaf akkuma ilaaltanitti isa xinnaadhaafis ilaalaa! Dubbii isinitti ulfaatu immoo anatti fidaa, nan ilaalaa!? jedhe*.

18Ani yeroo sana wanta gochuun isin irra jiru hundumaa isin abboomeen ture.[2]

19Waaqayyo gooftaan keenya akka nu abboometti tulluu Siinaatii kaanee, lafa onaa guddaadhaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa karaa biyya gaaraa isa kan Amoorotaatiin baanee, biyya Qaadesh-Barne'aa dhaqne.

20Gaafas ani isiniin, ?Isin biyya gaaraa isa kan Amoorotaa isa Waaqayyo gooftaan keenya nuuf kennu bira geessaniittu;

21ilaa, Waaqayyo gooftaan keessan biyya kana isiniif kenneera; akkuma Waaqayyo gooftaan abboota keessanii isinitti hime ol ba'aatii qabadhaa! Hin sodaatinaa, hin na'inaas!? nan jedhe.

22Isin hundumti keessan kana irratti na bira dhuftanii, ?Kottaa, namoota gara biyyichaa dhaqanii karaa kamiin akka ol itti baanuuf gara mandaroota kamii akka dhaqnu nuuf gaadanii, deebi'anii nutti himan of dura in ergina? jettan*.

23Wanti isin dubbattan kun gaarii anatti fakkaannaan isin keessaa namoota kudha lama, gosa gosa tokko keessaa nama tokko tokko nan fo'e.

24Kana irratti isaan biyya gaaraatti ol ba'anii hamma dachaa Eshkolitti adeemanii in gaadan.

25Yommus isaan ija muka biyya sanaa keessaa muraasa harkatti qabatanii gara keenyatti gad bu'anii, ?Biyyi Waaqayyo gooftaan keenya nuuf kennu biyya gaarii dha? jedhanii nutti in himan.[3]

26Isin garuu abboommii Waaqayyoo gooftaa keessanii irratti kaatan malee, biyyichatti ol ba'uu hin jaallanne.

27Godoo godoo keessan keessatti guungumtanii, ?Waaqayyo sababii nu jibbeef biyya Gibxii keessaa nu baasee nu balleessuudhaaf harka warra Amoorotaatti nu kenne.

28Eessatti ol baana ree? Obboloonni keenya yeroo nutti dubbatan, ?Sabni sun nu caalaa dhedheeroodhaa fi baay'ee dha, mandara gurguddaa dallaa dhagaa bantii waaqaa keessa ga'uun marfame qabu; sanyii Aanaaqotaas immoo achitti argineerra? jedhanii garaa keenya sodaachisaniiru? jettan*.[4]

29Yommus ani immoo isiniin, ?Hin na'inaa! Isaan hin sodaatinaas!

30Waaqayyo gooftaan keessan inni isin dura adeemu biyya Gibxiitti ija keessan duratti akka isiniif lole akkasuma ofii isaatii isiniif in lola*.

31Waaqayyo gooftaan keessan lafa onaa keessatti karaa isin irra adeemtanii as dhuftan kana hundumaa irratti akka nama ilma isaa baatutti akka isin baate argitaniittu? nan jedhe*.

32Isin garuu dubbii kana irratti iyyuu Waaqayyo gooftaa keessanitti hin amanne.

33Inni isa karaa irratti iddoo buufataa isiniif barbaaduudhaaf, karaa irra adeemtanis isinitti argisiisuudhaaf halkan utubaa ibiddaatiin, guyyaa immoo utubaa duumessaatiin isin dura bu'ee adeemaa turee dha*.[5]

34Waaqayyo dubbii keessan kana yommuu dhaga'e dheekkamee, cimsees kakatee,

35?Namoota dhaloota hamaa kana keessaa tokko illee biyya gaarii isa ani abboota keessaniif kennuudhaaf kakuudhaan abdachiise hin argu.

36Kaaleb ilmi Yofunee garuu guutummaatti ana Waaqayyo duukaa waan bu'eef biyyicha in arga; lafa miilli isaa irra ejjetes isaaf, ijoollee isaatiifis nan kenna? jedhe.

37Waaqayyo sababii keessaniif anattis immoo dheekkamee, ?Atis immoo achitti hin galtu*;

38Iyaasuun ilmi Nun, gargaartuun kee garuu achitti in gala; ati isa jabeessi; inni, warri Israa'el biyyicha akka fudhatan in godha*.

39Mucooliin keessan warri isin, ?Irbaata diinaa ta'u? jettan, ijoollonni keessan warri har'a hamaa fi gaarii hin beekne achitti in galu; ani biyyicha isaaniif nan kenna; isaanis isa in qabatu*.

40Isin garuu gara lafa onaatti gara galaatii, karaa galaana diimaatti geessu irra adeemaa!? jedhe.[6]

41Isin immoo deebiftanii, ?Nuyi Waaqayyoon yakkineerra; amma garuu akka Waaqayyo gooftaan keenya nu abboome hundumaatti ol baanee in lolla? naan jettan; tokkon tokkon keessanis, ?Mi'a lolaa hidhatanii biyya gaaraatti ol ba'uun salphaa dha? jettanii yaaddan.

42Waaqayyo garuu, ?Ani isinii wajjin hin ba'u, diinonni keessan akka isin hin moonetti ?Ol hin ba'inaa, hin lolinaas? jedhii isaanitti himi!? naan jedhe.

43Anis kana isinitti himeera, isin garuu abboommii Waaqayyoo irratti kaatanii of tuullummaadhaan biyya gaaraatti ol baatan malee isa hin dhageenye.

44Amooronni biyya gaaraa irra jiraatan sun gad isinitti ba'anii akka kanniisaa isin ari'anii, Se'iirii hamma Hormaatti isin in rukutan*.

45Yommuu isin deebitanii fuula Waaqayyoo duratti boossan Waaqayyo isiniif hin dhageenye, gurra isaas gara keessanitti hin qabne.

46Isin yommuu yeroo dheeraa Qaadeshin teessan sana kanaaf achi turtan*.[7]

ticle>