1Yeroo sanatti Waaqayyo anatti in dubbate; inni, ?Gabatoota dhagaa akka warra duraa sana lama baasii soofi, tulluu irratti gara koo kottu! Sanduuqa mukaa tokkos tolchi!
2Ani immoo sagalee gabatoota duraa warra ati cabsite sana irra turan gabatoota kana irratti nan caafa; atis sanduuqicha keessa isaan in keessa? jedhe.
3Kana irratti ani muka laaftoo irraa sanduuqa nan hojjedhe, gabatoota dhagaa akka warra duraa sanas lama baasee nan soofe; gabatoota sana lamaanis harkatti qabadhee gara tulluutti ol nan ba'e.
4Yommus Waaqayyo akkuma isa caaffata duraa sana irra ture, abboommii kurnan warra inni gaafa wal ga'ii sana tulluu irratti ibidda gidduudhaa isinitti dubbate, irratti in caafe; kana booddee Waaqayyo gabatoota sana anatti in kenne.
5Ani tulluu irraa deebi'ee gad bu'ee, gabatoota sanas akkuma Waaqayyo na abboome sanduuqa isan tolche sana keessa nan kaa'e; isaanis sanduuqichuma keessa jiru.
6Israa'eloonni Be'erot isa kan sanyii Yaa'aakaanii ka'anii gara Moseroot in adeeman; achitti Aaron du'ee, achumattis in awwaalame; Ele'azaar ilmi isaas qooda isaa luba ta'ee in hojjeta ture*.
7Isaan achii ka'anii immoo gara Gudgodaatti, Gudgodaadhaa ka'aniis gara Yoxbaataa biyya isa burqituu bishaanii qabutti in adeeman.
8Waaqayyo yommus gosi Lewwii hamma har'aatti akkuma gochaa jiran, sanduuqa kakuu isaa baatanii isa dura dhaabatanii isaaf akka hojjetaniif, maqaa isaatiinis akka eebbisaniif addaan isaan in baase*.
9Kanaafis gosi Lewwii obboloota isaanii wajjin qooda yookiis dhaala hin arganne; egaa akkuma Waaqayyo gooftaan kee isatti dubbatee ture dhaalli isaa Waaqayyoo dha*.
10Yommus ani akkuma si'a duraa sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra nan ture; Waaqayyo yeroo sanas immoo anaaf dhaga'eera, inni isin balleessuu hin jaallanne*.
11Yommus Waaqayyo, ?Sabni kun biyya ani isaaniif kennuudhaaf abboota isaaniitiif kakadhe sanatti galanii, biyyicha dhaala isaanii akka godhataniif, ka'i, isaan dura bu'ii adeemi!? jedhee anatti in dubbate.
12Ammas yaa Israa'el, Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu, karaa isaa hundumaa irra adeemuu, isa jaallachuu, garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis Waaqayyo gooftaa keef hojjechuu malee, Waaqayyo gooftaan kee maal si irraa barbaada*?
13Gaarii akka siif ta'uufis abboommii fi seerrata Waaqayyoo warra ani har'a si abboomu kana eeguu malees maal si irraa barbaada?
14Kunoo, bantiin waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa gara irraa jirus, laftis wanta isa irra jiru hundumaa wajjin kan Waaqayyo gooftaa keetii ti.
15Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo abboota kee duwwaa jaallatee yaada irra kaa'ate; isaan booddeedhaanis akkuma har'aa kana isin sanyii isaanii iyyuu saba warra kaan hundumaa keessaa isin fo'ate*.
16Kanaafis isin yaada garaa keessanii isa haguugame qulleeffadhaa, si'achis deebitanii boqu-jabeeyyii hin ta'inaa*!
17Egaa Waaqayyo gooftaan keessan waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, gooftaa gooftotaa, Waaqayyo isa guddaa, isa aango-qabeessa, isa sodaatamaa dhas; inni nama wal hin caalchisu, gabbarsuus hin fudhatu*.
18Inni ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis firdii qajeelaa in kenna; inni nama galaa in jaallata, nyaataa fi uffatas in kennaaf.
19Isinis biyya Gibxiitti galaa waan turtaniif, warra galaa sana jaalladhaa*!
20Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaaf hojjedhu, isatti maxxani, maqaa isaatiinis kakadhu*!
21Inni isa ati jajattuu dha, inni Waaqayyo kee isa wanta gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite siif godhee dha.
22Abboonni kee nama torbaatama ta'anii biyya Gibxiitti gad bu'an, amma garuu Waaqayyo gooftaan kee akka urjoota waaqa keessaa akka baay'attu si godhe*.