1Isin biyya Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii guutummaa bara lafa irra jiraattan hundumaatti qabeenya keessan akka godhattaniif isiniif kenne sanatti in galtu; isin biyyicha keessatti of eeggannaadhaan hojjechuun immoo kan isiniif ta'u seerrannii fi wanti qajeelaan kanatti aanee isa jiruu dha.
2Sabni isin lafa gad dhiisiftan tulluu dhedheeraa irratti, gaara irratti, muka baala qabu hundumaa jalatti waaqayyolii isaaniif iddoo isaan itti sagadaa turan hundumaa raawwadhaa balleessaa!
3Iddoo aarsaa isaanii diigaa, utuboota dhagaa qulqullaa'ootti ilaalaman sanas caccabsaa, mukkeetii qiqqirixamanii bifa ?Asheeraa? waaqayyittii tolfamtuutiin dhaabamanis ibiddaan gubaa, bifa waaqayyolii tolfamoo isaaniis kukkutaa, maqaa isaaniis iddoo sana irraa balleessaa*!
4Isin garuu akka isaaniitti Waaqayyo gooftaa keessaniif hin sagadinaa!
5Lafa Waaqayyo gooftaan keessan maqaa isaa itti waamsisuudhaaf, iddoo buufata isaas godhachuudhaaf gosa keessan hundumaa keessaa fo'atu barbaaddadhaa, achis dhaqaa*!
6Achitti qalma gubamuuf aarsaa keessan, kudhan keessaa tokko keessan, kennaa addaan kennitan, aarsaa wareegaa keessan, kennaa fedha keessaniin kennitan, sa'a keessaa, bushaayee keessaas angafa kan dhalatu dhi'eessaa!
7Achitti fuula Waaqayyo gooftaa keessanii duratti nyaadhaa! Waanuma isin hojjettan hundumaanis Waaqayyo gooftaan keessan waan isin eebbiseef isin gammadaa, maatiin keessanis haa gammadan*!
8Isin akka nuyi har'a adduma addaan wanta nutti tole hojjennu kana hin godhinaa!
9Isin amma illee iddoo boqonnaa fi dhaala isa Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennu sana bira hin geenye.
10Garuu laga Yordaanosin in ceetu, biyya Waaqayyo gooftaan keessan akka dhaaltaniif isiniif kennu keessas in jiraattu; isin nagaatti akka jiraattaniif, inni diinota naannoo keessan jiran hundumaa irraa akka boqottan in godha*.
11Yommus isin wanta ani isin abboomu hundumaa, qalma keessan isa gubamu, aarsaa keessan, kudhan keessaa tokko, kennaa addaan kennitan, wareega keessan isa Waaqayyoof wareegdan hundumaas, iddoo isa Waaqayyo gooftaan keessan maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti in dhi'eessitu.
12Achitti isin, ilmaan keessan, intaloonni keessan, hojjetoonni keessan warri dhiiraa, warri dubartiis akkasumas Lewwoonni warri kellaa mandaroota keessanii keessa jiran, warri isinii wajjin hirmaata yookiis dhaala hin qabne fuula Waaqayyo gooftaa keessanii duratti haa gammadan*!
13Egaa qalma kee isa gubamu sana iddoodhuma argitetti akka hin dhi'eessineef of eeggadhu!
14Iddoo Waaqayyo gosa kee keessaa fo'atu tokkotti aarsaa kee dhi'eessi, achitti wanta ani si abboome hundumaa godhi*!
15Garuu yeroodhuma garaan kee dharra'u hundumaa, kellaa mandaroota kee keessatti akkuma eebba Waaqayyo gooftaan kee siif kenneetti horii kee keessaa qalii foon nyaadhu, isas immoo akkuma nama foon kuruphee fi foon borofaa nyaatutti, inni qullaa'aa ta'ee fi inni qullaa'aa hin ta'in haa nyaatu*!
16Dhiiga isaa garuu akkuma bishaanii lafatti gad naqi malee hin nyaatin*!
17Midhaan kee keessaa, cuunfaa waynii kee keessaa, dhadhaa ejersaa kee keessaa harka kurnaffaa isa baaftu, saawwan kee keessaa, bushaayee kee keessaas isa angafa dhalatu yookiis wareega isa wareegde, aarsaa fedha keen dhi'eessitu, kennaa addaa isa dhi'eessitu garuu kellaa mandara kee keessatti hin nyaatin!
18Iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atu sanatti fuula Waaqayyo gooftaa kee duratti isa nyaadhu! Ati ilma kee, intala kee, hojjetaa kee, hojjettuu kee, nama Lewwii mandara kee keessa jiruu wajjin nyaadhu, waan hojjettu hundumaattis fuula Waaqayyo gooftaa kee duratti gammadi*!
19Biyya kee keessa hamma jiraattutti, warra Lewwootaa akka hin ganne of eeggadhu!
20Erga Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiisetti daarii biyya keetii siif bal'isee immoo, garaan kee foon nyaachuu yommuu dharra'u, ati, ?Amma foon nyaachuu nan barbaada? in jetta; akkuma garaan kee dharra'ettis foon in nyaatta.
21Iddoon Waaqayyo akka maqaan isaa itti waamamuuf fo'atu si irraa yoo fagaate immoo kanaan dura akkuman si abboome, saawwan kee fi bushaayee kee warra Waaqayyo siif kenne keessaa tokkuma qaladhu! Kellaa mandara kee keessatti hamma garaan kee barbaade nyaadhu!
22Isas akkuma foon kuruphee fi foon borofaa nyaatamutti nyaadhu, inni qullaa'aa ta'ee fi inni qullaa'aa hin ta'in haa nyaatu*!
23Ati garuu dhiiga akka hin nyaanne hubadhu! Dhiigni lubbuu waan ta'eef, lubbuu foonii wajjin hin nyaatin*!
24Dhiiga akkuma bishaaniitti lafatti gad naqi malee hin nyaatin!
25Ati ija Waaqayyoo duratti wanta qajeelaa yeroo hojjettu, siif, si booddeedhaanis ijoollee keetiif gaarii akka ta'uuf isa hin nyaatin!
26Wanta qullaa'aa isa qabdu sanaaf aarsaa wareegde sana duwwaa fudhadhuutii gara iddoo isa Waaqayyo fo'atu sana dhaqi!
27Aarsaa qalma gubamuu immoo foon isaa fi dhiiga isaa iddoo aarsaa isa kan Waaqayyo gooftaa keetii irratti dhi'eessi! Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyo gooftaa keetii irratti haa dhangalaafamu, foon isaa garuu ati nyaadhu!
28Ammas ati ija Waaqayyo gooftaa keetii duratti waan gaarii fi waan qajeelaa yeroo hojjettu, siif, si booddeedhaanis ijoollee keetiif bara baraan gaarii akka ta'uuf, dubbiin amma si abboomu kana hundumaa of eeggadhuutii dhaggeeffadhu!
29Waaqayyo gooftaan kee iddoo ati qabachuuf dhaqxu irraa, saba warra achi jiran fuula kee duraa raawwatee in balleessa; ati immoo biyya isaanii isaan irraa fudhattee keessa in jiraatta.
30Erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddee garuu, ?Anis akkuma isaanii akkan godhuuf, sabni kun attamitti waaqayyolii isaaniif hojjechaa turan?? jettee waa'ee waaqayyolii isaanii iyyaafattee kiyyootti akka hin galleef of eeggadhu*!
31Isaan waanuma ciiggaasisaa Waaqayyo jibbu waaqayyolii isaaniif godhanii, ilmaan isaanii fi intaloota isaanii iyyuu ibidda keessa buusanii waaqayyolii isaaniif gubaniiru; ati garuu Waaqayyo gooftaa keef akkas hin godhin!
32Waanuma ani si abboome of eeggadhuutii godhi malee, isa irratti hin dabalin, isa irraas hin hir'isin!