Seera Keessa Deebii 14:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Isin ijoollee Waaqayyo gooftaa keessanii ti; kanaaf warra du'aniif of hin murmurinaa, gubbee mataa keessaniis hin haaddatinaa*!

2Isin saba Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullooftanii dha; Waaqayyo saba dhuunfaa isaa akka taataniif, saba irra lafaa irra jiran hundumaa keessaa addumaan isin fo'ateera*.[71]

3Ati wanta ciiggaasisaa tokko illee hin nyaatin!

4Horii qe'ee fi wanta daggalatti galan keessaa kan ati nyaattu kanatti aananii jiru; sa'a, hoolaa, reettii,

5borofa, kuruphee, gaaf-torbo, bosonuu, qorkee, qelejjee, hoolaa tulluu,

6horii qe'ee fi wanta daggalatti galan keessaa isa kotteen isaa baqaqee lamatti hiramuu fi kan alala guuru hundumaa nyaachuu in dandeessa;

7garuu warra alala guuranii, kotteen isaanii baqaqe keessaa iyyuu gaala, illeettii, osolees hin nyaatin! Isaan kun alala in guuru! Garuu kotteen isaanii gargar hin hiramne; isaan si duratti xuraa'oo haa ta'an!

8Boyyeen immoo kotteen isaa baqaqaa yoo ta'e iyyuu alala waan hin guurreef si duratti xuraa'aa haa ta'u! Foon isaanii hin nyaatin, raqa isaaniitti hin bu'in!

9Warra bishaanitti galan hundumaa keessaa immoo kanatti aananii kan jiran nyaadhu! Waanuma waan akka baallee fi qola qabu nyaadhu!

10Waanuma waan akka baallee fi qola hin qabne immoo hin nyaatin! Inni si duratti xuraa'aa haa ta'u!

11Simbirrootaa fi allaattota warra akka qullaa'ootti ilaalaman hundumaa nyaadhu!

12Warra kanatti aananii jiran immoo hin nyaatin! Joobira, domboo, gogocoroon,

13rumicha, foggi, culullee akka qomoo qomoo isaatti,

14qurruu akka qomoo qomoo isaatti,

15guchii, simbira ekeraa, allaattii bishaanii, corofee akka qomoo qomoo isaatti,

16haadha onaa, hurunguu guddaa, indaanqoo bishaanii,

17haadha waaqoo, allaattii raqaa, haadha quufoo,

18allaattii hawaannisaa, huummoo, haadha gaayyee akka qomoo qomoo isaatti, simbira halkaniis.

19Munyuuqaan baallee qabu hundinuu si biratti xuraa'aa haa ta'u, isa hin nyaatin!

20Uumama baallee qabu isa akka qullaa'aatti ilaalamu garuu nyaadhu*!

21Ati saba Waaqayyo gooftaa keetiif qulqulloofte waan taateef, ofiin-du'ii tokko illee hin nyaatin, galaan dallaa kee keessa jiru akka nyaatuuf isaaf kenni yookiis ormatti gurguradhu!

21Ilmoo reettiis aannan haadha isheetiin hin affeelin*.[72]

22Ati dhugumaan wanta waggaa waggaatti lafa kee irraa galfattu hundumaa keessaa kudhan keessaa tokko baasuun si irra jira*.

23Ati guutummaa bara jireenya keetii Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu akka bartutti, kudhan keessaa tokko midhaan keettii, kan daadhii waynii keettii, kan dhadhaa ejersaa keettii, isa saawwan kee fi bushaayee kee keessaa angafa dhalates, iddoo Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atutti, fuula isaa duratti nyaadhu*!

24Yeroo Waaqayyo si eebbisutti immoo kudhan keessaa tokkoo sana geessuudhaaf iddoon Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sun si irraa fagaatee karaan isaa yoo sitti dheerate,

25ati horiitti isa calleessi! Horichas gudunfii harkatti qabadhuu gara iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atu sanaa dhaqi!

26Horichaanis wanta barbaadde, sangaa yookiis hoolaa yookiis daadhii waynii yookiis dhugaatii cimaa, waanuma garaan kee kajeele biti! Achitti ati fuula Waaqayyoo duratti isa nyaadhuutii gammadi! Warri mana keetiis fuula Waaqayyoo duratti isa nyaatanii haa gammadan*!

27Sanyii Lewwii isa kellaa mandaroota kee keessa jiraatu, isa sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin immoo hin irraanfatin*![73]

28Dhuma wagguma waggaa sadaffaatti immoo wanta bara sana galfatte keessaa kudhan keessaa tokko hundumaa fidiitii kellaa mandaroota kee keessa kaa'i*!

29Waaqayyo gooftaan kee waan hojjettu hundumaan akka si eebbisutti, sanyiin Lewwii inni sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirre, dubartiin abbaan manaa irraa du'e, warri kellaa mandaroota keetii keessa jiraatan dhufanii isa haa nyaatan, haa quufanis![74]

rticle>