Seera Keessa Deebii 15:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Ati dhuma waggaa torbaffaa hundumaatti gatii namaaf dhiisi!

2Akki itti gatii namaaf dhiisan kanatti fufee jira; gatiin akka namaaf dhiifamu Waaqayyo biraa labsiin waan himameef, namni obboleessa isaa nama Israa'el irraa gatii qabu, gatii sana haa dhiisuuf*!

3Gatii orma irraa qabdu garuu irraa fudhachuu in dandeessa; waan obboleessa kee irraa qabdu immoo dhiisiif*!

4Waaqayyo gooftaan kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti guddaa waan si eebbisuuf, sanyii kee keessatti dhabaan hin argamu.

5Sagalee Waaqayyo gooftaa keetii ba'eessa gootee yoo dhaggeeffatte, abboommii isa ani har'a si abboomu kana hundumaas ba'eessa gootee yoo eegde,

6Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf jira; ati saba baay'eedhaaf in liqeessita, ofii garuu hin liqeeffattu; ati saba baay'ee irratti in moota, isaan garuu si irratti hin mo'an*.[75]

7Obboloota kee warra mandaroota biyya kee isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa jiraatan keessaa inni tokko dhabaa yoo ta'e, garaa itti hin jabaatin yookiis harki kee obboleessa kee isa dhabaatti hiixachuu hin dhiisin*!

8Harka kee diriirsiif, wanta isa barbaachisu hamma ga'utti liqeessiif*!

9Ati, ?Waggaa torbaffaan inni itti liqii namaaf dhiisan dhi'aateera? jettee, obboleessa kee isa dhabaa ija hamaatiin akka hin ilaalleef, yaadni hamaan garaa kee keessatti akka hin argamneef of eeggadhu! Ati yoo waa isa dhowwatte, inni immoo Waaqayyotti si iyyata, kunis cubbuu sitti in ta'a.

10Ati yommuu isaaf kennitu gammachuudhaan isaaf kenni malee garaan kee hin micicin! Waaqayyo gooftaan kee immoo hojii kee hundumaatti, waan harkaan qabdu hundumaattis si eebbisa*.

11Namni deegaan biyya kee keessaa waan hin dhabamneef, obboleessa kee isa dhabaa fi deegaa biyya kee keessa jiruuf harka kee akka diriirsituuf sin abbooma*.[76]

12Sanyii warra Ibrootaa keessaa dhiirri tokko sitti of gurguree yookiis dubartiin tokko sitti of gurgurtee waggaa ja'a yoo siif hojjete, waggaa torbaffaatti akka birmaduutti gad dhiisi*!

13Yommuu akka birmaduutti gad dhiiftu immoo harka duwwaa hin adeemsisin!

14Waaqayyo gooftaan kee guddaa waan si eebbiseef ati immoo bushaayee kee keessaa, midhaan oobdii kee keessaa, cuunfaa waynii kee keessaas isaaf kenni!

15Ati takka biyya Gibxiitti garbicha akka turte, Waaqayyo gooftaan kee immoo akka si fure yaadadhu! Ani kanaafan har'a isa kana si abbooma*.

16Inni immoo si bira taa'uun waan isatti tolee fi siif maatii kee waan jaallatuuf, ?Ani si biraa hin adeemu? yoo siin jedhe,

17gara balbalaatti geessii mutaadhaan gurra isaa uri! Akkasitti inni guutummaa bara jireenya isaatti garbicha siif haa ta'u! Gurra garbittii kees immoo akkasuma godhi!

18Yoo gad isa dhiifte garuu hojjetaan qacarame tokko waggaa ja'a kan siif hojjetu irra dachaa lama kan ta'u inni waan siif hojjeteef, akka birmaduutti gad isa dhiisuun jabaa sitti hin fakkaatin! Waaqayyo gooftaan kees wanta ati gootu hundumaatti si eebbisa.[77]

19Saawwan kee keessaa korommii, bushaayee kee keessaa korbeeyyii warra angafa dhalatan Waaqayyo gooftaa keetiif addaan baasi! Korommii angafa dhalataniin hin qotin! Korbeeyyii angafa dhalatan rifeensa isaanii hin murin*!

20Iddoo Waaqayyo fo'atutti atii fi maatiin kee fuula Waaqayyo gooftaa keetii duratti waggaa waggaatti isaan in nyaattu*!

21Garuu horiin tokko mudaa yoo qabaate, hokkolaa yookiis jaamaa yoo ta'e, hir'ina guddaas yoo qabaate, Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa hin dhi'eessin*!

22Horii akkasii kana dallaa mandara kee keessatti nyaadhu! Inni qullaa'aa hin ta'in, inni qullaa'aa ta'es akkuma foon kuruphee fi foon borofaa nyaatanitti walumaa wajjin haa nyaatan*!

23Dhiiga isaa garuu akkuma bishaanii lafatti gad naqi malee hin nyaatin*![78]

rticle>