1Ati ji'a Abiib yaadadhu! Waaqayyo gooftaan kee ji'a Abiibitti halkaniin biyya Gibxii keessaa waan si baaseef ayyaana Faasiikaa Waaqayyo gooftaa keetiif ayyaanessi*!
2Iddoo Waaqayyo maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti, ati bushaayee keessaa yookiis saawwan keessaa aarsaa Faasiikaa Waaqayyo gooftaa keetiif dhi'eessi*!
3Isas buddeena bukaa'aa wajjin hin nyaatin! Ati ariitiidhaan biyya Gibxii keessaa waan baateef, guutummaa bara jireenya keettis guyyaa itti biyya Gibxi keessaa baate sana akka yaadattuuf guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu! Innis buddeena rakkinaa ti*.
4Guyyoota torban sana raacitiin tokko illee guutummaa biyya keetii keessatti hin argamin! Foon ati guyyaa duraa galgala aarsaa dhi'eessite irraas guutummaa halkan sanaa irraa hafee hamma ganamaatti hin turin!
5Aarsaa Faasiikaa, mandaroota Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessaa tokko keessatti iyyuu hin dhi'eessin!
6Iddoo Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti garuu, aarsaa Faasiikaa sana, galgala yeroo aduun lixxu, yeroo itti biyya Gibxii baatetti dhi'eessi!
7Iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atu sanatti isa affeelii nyaadhu! Ganama immoo deebi'ii godoo keetti gali!
8Guyyoota ja'a maxinoo nyaadhu! Guyyaa torbaffaatti immoo Waaqayyo gooftaa keetiif wal ga'iin ulfina-qabeessi haa godhamu! Guyyaa sanatti hojii hin hojjetin!
9Haamaadhaaf guyyaa haamtuu midhaan irra keessee jalqabiitii torban torba lakkaa'i!
10Akkuma eebba Waaqayyo gooftaa kee irraa argatteettis, aarsaa jaalala keetiin dhi'eessitu kennuudhaan Waaqayyo gooftaa keetiif ayyaaneffadhu*!
11Ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, sanyiin Lewwii warri kellaa mandaroota kee keessa jiraatan, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirre, dubartiin abbaan manaa irraa du'e isin gidduu kan jiraatanis iddoo Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atetti, Waaqayyo gooftaa kee duratti walii wajjin gammadaa*!
12Atis biyya Gibxiitti garba akka turte yaadadhu! Seerrata kanas gaarii godhii eegi*!
13Yeroo midhaan kee oobdii irraa, waynii kees lafa cuunfaa isaatii galfattu ayyaana Gordommaa guyyaa torba ayyaaneffadhu!
14Ayyaaneffachuu kee kanattis, ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, sanyiin Lewwii, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirree fi dubartiin abbaan manaa irraa du'e warri kellaa mandaroota kee keessa jiraatanis, walii wajjin itti gammadaa*!
15Ati dhugumaan akka gammaddutti, Waaqayyo gooftaan kee waan ati galfattuun, hojii harka kee hundumaanis waan si eebbisuuf, iddoo inni fo'atu sanatti ayyaanicha Waaqayyo gooftaa keef guyyaa torba ayyaaneffadhu!
16Dhiironni kee hundinuu iddoo Waaqayyo fo'atu sanatti, waggaatti si'a sadii, ayyaana Maxinootti, ayyaana Makariitti, ayyaana Gordommaattis fuula Waaqayyo gooftaa keetii duratti haa argaman! Isaan harka isaanii duwwaa Waaqayyo duratti hin dhi'aatin*!
17Akka eebba Waaqayyo gooftaan kee siif kennetti, namni adduma addaan hamma danda'u haa kennu!
18Kellaa mandaroota kee warra Waaqayyo gooftaan kee siif kennu hundumaa keessatti akka gosa gosa keetiitti abboota firdii fi geggeessitoota hojii irra dhaabi! Isaan saba sanaaf firdii qajeelaa haa kennan*!
19Firdii hin jal'isin, hin loogin! Gabbarsuun ija warra ogeeyyii jaamsee, dubbii warra qajeelotaas waan micciiruuf, gabbarsuu hin fudhatin*!
20Ati akka jiraattuuf, biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennus akka dhaaltuuf, firdii isa dhugaa duukaa bu'i*!
21Iddoo aarsaa Waaqayyo gooftaa keetiif hojjettu bukkeetti, mukkeetii jalatti sagaddan isa akka kan waaqayyittii tolfamtuu sanaa hin dhaabin*!
22Utuboota dhagaa warra Waaqayyo gooftaan kee jibbus hin dhaabin*!