Seera Keessa Deebii 19:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo gooftaan kee saba lafa irraa warra inni ofii isaatii biyya isaanii siif kennu yommuu balleessu, ati immoo biyyicha isaan irraa fudhattee, mandaroota isaanii fi manneetii isaanii keessa yommuu teessu,

2biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattuuf siif kennu keessaa mandaroota kutaa kutaa biyyichaa gidduu jiran sadii addaan baasi*!

3Namni nama ajjeese tokko achitti akka kooluu galuuf, biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti karaa baasisiitii biyyicha iddoo sadiitti hiri![93]

4Seerri namni utuu hin beekin yookiis haaloo utuu irraa hin qabaatin nama tokko yommuu ajjeesu baqatee ittiin du'a ooluu danda'u kanatti fufee jira.

5Namni tokko muka muruudhaaf namaa wajjin caakkaa lixee, muka muruudhaaf qottoo yommuu ol fudhatu qottichi mukattii buqqa'ee namicha isaa wajjin dhaqe rukutee yoo ajjeese, inni ajjeese sun mandaroota sana keessaa gara isa tokkootti kooluu haa galu!

6Kanaa achi mandarri kooluu itti galan sun irraa fagoo yoo ta'e, inni duraan namicha irraa haaloo utuu hin qabaatin waan ajjeeseef, du'uun kan isa irra hin jirre yoo ta'e iyyuu, utuu inni achi hin ga'in inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun yommuu garaan isaa aaru duukaa bu'ee qaqqabee isa in ajjeesa ta'a;

7kanaafan, ?Mandaroota sadii addaan baasi!? jedhee si abboome.

8Waaqayyo gooftaan kee biyya isa, ?Isiniifan kenna? jedhee abboota kee kakuudhaan abdachiise hundumaa siif kennee daarii biyya keetii yoo siif bal'ise,

9ati abboommii isa inni har'a si abboomu kana hundumaa yoo eegde, Waaqayyoon gooftaa kees yoo jaallatte, guyyaa hundumaas karaa isaa irra yoo adeemte, mandaroota dur addaan baafte sanatti mandaroota kan biraa sadii dabaltee addaan in baafta.

10Biyya Waaqayyo gooftaan kee dhaalaaf siif kennu keessatti dhiigni nama balleessaa hin qabnee akka hin dhangalaanetti, dhiigni dhangala'u kunis si irraa akka hin barbaadamnetti kana godhi!

11Garuu namni tokko nama haaloo irraa qabu tokko riphee eeggatee, rukutee ajjeesee mandaroota sana keessaa isa tokkotti yoo baqate,

12maanguddoonni mandara isaatii erganii isa fichisiisanii akka inni du'uuf dabarsanii harka isa gumaa baafachuudhaaf barbaaduu sanatti haa kennan!

13Garaan kee isaaf hin oo'in! Israa'el keessatti dhiigni nama balleessaa hin qabnee akka hin dhangalaane in goota, gaariis siif in ta'a*.[94]

14Biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattee dhaaltuuf siif kennu keessatti dhagaa daarii ollaa keetii isa warri si dura turan dhaabaniif duraa hin buqqisin*![95]

15?Namni tokko in yakke yookiis cubbuu hojjete? jedhamee yoo hammeeffame, afaan dhuga-baatota lamaa yookiis sadiitiin malee afaan nama tokkootiin itti hin ragga'u*.

16Namni sobaan dhugaa ba'u tokko ka'ee nama tokko sobaan yoo hadheesse,

17jarri wal hammeessan sun lamaan fuula Waaqayyoo, fuula lubootaa fi abboota firdii bara sanaa duratti haa dhi'aatan!

18Abboonni firdiis ba'eessa godhanii dubbicha haa qoran! Egaa namichi sobaan dhugaa ba'u sun obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa ba'uun isaa yoo hubatame,

19wanta inni obboleessa isaa irratti hojjechiisuuf yaade sana isa irratti raawwadhu! Isin akkasitti hamaa of gidduudhaa balleessaa!

20Namoonni warri hafan kana in dhaga'u, in sodaatu, deebi'aniis wanta hamaa akkasii hin hojjetan.

21Qooda lubbuu lubbuun, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaa miilli ijaa haa baafamu malee hin oo'iniif*![96]

rticle>