1Kana booddees nuyi gara gallee, akka Waaqayyo ana abboometti, lafa onaa keessa karaa galaana diimaatti geessu irra dhaqnee, naannoo tulluu Se'iir guyyaa baay'ee in adeemne*.
2Waaqayyo yommus anaan,
3?Isin yeroo dheeraadhaaf naannoo tulluu kanaa adeemaa turtaniittu, amma gara bitaatti gara galaa!
4Saba kanas abboomi, ?Isin darbitanii gara daarii biyya obboloota keessanii, sanyii Esaawuu warra Se'iir jiraatanii keessa darbuuf jettu, isaan isin in sodaatu, isin immoo baay'ee of eeggadhaa!
5Ani tulluu Se'iir qabeenya isaa godhee Esaawuuf waanan kenneef, biyya isaanii keessaa ani lafa faana tokko illee isiniif hin kennu; kanaaf isaan hin lolinaa!
6Isin nyaata horiidhaan isaan irraa bitadhaatii nyaadhaa, bishaanis horiidhaan isaan irraa bitadhaatii dhugaa*!
7Waaqayyo gooftaan keessan isin lafa onaa isa guddaa kana keessa akka adeemtan beekee, hojii harka keessanii hundumaan isin eebbiseera; waggaa afurtamman kanas Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin ture, kanaaf isin waan tokko illee hin dhabne? jedhiin!? jedhe.
8Akkasitti nuyis obboloota keenya sanyii Esaawuu warra Se'iir jiraatan gidduu darbinee, karaa Arabaayi isa lafa onaa sana, karaa isa mandaroota Elaatii fi Eziyon-Geberii dhufu irraa gorree, karaa Mo'aab isa lafa onaa irra in adeemne*.
9Waaqayyo yommus, ?Ani biyya Aar sanyii Looxiif qabeenya isaanii godhee waanan kenneef, biyya isaanii keessaa tokko illee qabeenya akka godhataniif isiniif hin kennu; kanaaf warra Mo'aab hin rakkisinaa, lolaafis tuttuqxanii isaan hin aarsinaa!? nan jedhe*.
10Warri Emiim dur achi in jiraatu turan; isaan saba guddaadhaa fi danuu, akka warra Aanaaqis dhedheeroo turan*.
11Isaan kunis akkuma warra Aanaaq, Refaa'otatti in lakkaa'amu; Mo'aabonni garuu isaaniin, ?Emiimota? jedhu.
12Warri Hoor dur biyya Se'iir in jiraatu turan; garuu akkuma warri Israa'el biyya qabeenya isaanii isa Waaqayyo isaaniif kenne irratti godhan, sanyiin Esaawuus biyya qabeenya isaanii isaan irraa fudhatanii, fuula isaanii duraas isaan in balleessan; iddoo isaanii irras ofii in jiraatan*.
13Ammas Waaqayyo, ?Ka'aa, dachaa Zered gama ce'aa!? nuun jedhe; nuyis dachaa Zered gama in ceene*.
14Nuyi Qaadesh-Barne'aadhaa kaanee dachaa Zered ce'uun waggaa soddomii saddeet nu fudhate; yeroo sana keessa guutummaan loltoota dhaloota sanaa akkuma Waaqayyo isaanitti kakatee ture buufata sana keessaa in dhuman*.
15Akkasumas harki Waaqayyoo hamma isaan dhumanitti, buufata sana keessaa isaan balleessuudhaaf isaan irratti ka'ee ture*.
16Erga warri loltuun sun hundinuu dudu'anii saba sana keessaa dhumanii,
17Waaqayyo anatti in dubbate.
18Inni anaan, ?Isin har'a karaa daarii Mo'aab biyya Aar keessa in darbitu;
19daarii biyya Amoonotaatti yommuu dhi'aattan immoo, ani duraan biyyicha qabeenya isaanii godhee sanyii Looxiif waanan kenneef, lafa ijoollee Amoon keessaa tokko illee qabeenya akka godhattaniif isiniif hin kennu; kanaaf isaan hin rakkisinaa, lolaafis tuttuqxanii isaan hin aarsinaa!? jedhe*.
20Refaa'onni dur achi jiraachaa waan turaniif, inni kunis akka biyya Refaa'otaatti in lakkaa'ama; Amoononni garuu isaaniin ?Zamzumoota? jedhu.
21Isaan saba guddaa dha, danuu dha, akka warra Aanaaqis dhedheeroo dha. Waaqayyo garuu Amoonota duraa isaan in balleesse; warri Amoon biyya qabeenya isaanii isaan irraa fudhatanii, iddoo isaanii irras ofii in jiraatan*.
22Waaqayyo sanyii Esaawuu warra Se'iir jiraataniifis akkasuma godhee, warra Hoor fuula isaanii duraa balleesse; isaanis warra Hoor irraa biyya qabeenya isaanii fudhatanii, iddoo isaanii irras hamma har'aatti ofii in jiraatan.
23Kaftoroonni warri Kaftorii dhufan immoo, Aawota warra gandeen hamma Gaazaatti jiran keessa taa'aa turan balleessanii, iddoo isaanii irras ofii in jiraatan*.
24Ammas Waaqayyo, ?Ka'aa adeemaatii laga Aarnon ce'aa! Kunoo ani Sihoonin nama biyya Aamor mootii Heshboon, biyya isaas harka keessan keessa buuseera; egaa lolaaf isa tuttuqaatii lafa qabachuus jalqabaa*!
25Ani har'a naasisuu kee, sodaachisuu kees saba guutummaa bantii waaqaa jala jiraatan irratti nan fida; isaanis waa'ee kee yommuu dhaga'an in rom'u, yaadaanis in dhiphatu? jedhe*.
26Yommus ani Qedemoot lafa onaa sana keessaa Sihoon mootii Heshboonitti namoota ergee dhaamsa nagaa itti nan dhaame*.
27Ani, ?Biyya kee keessa nan darba, ani karaa qabadhee nan adeema malee, gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin goru;
28nyaata isa ani nyaadhu horiidhaan anatti in gurgurta, bishaan isan dhugus horiidhaan anaaf in laatta; garuu miillumaan achi keessa na dabarsi*!
29Kunis akkuma ijoolleen Esaawuu warri Se'iir jiraatanii fi Mo'aabonni warri Aar jiraatan anaaf godhan, ani Yordaanosin ce'ee biyya isa Waaqayyo gooftaan keenya nuuf kennu sanatti hamman galutti kan ta'uu dha? nan jedheen.
30Waaqayyo gooftaan kee garuu Sihoon mooticha Heshboon akka har'a godhe kanatti harka kee keessa buusuudhaaf jedhee hafuura isaa in cimse, mata-jabeessas isa in godhe; kanaaf inni karaa isaa nu dabarsuu hin barbaanne*.
31Yommus Waaqayyo ?Ilaa, ani Sihoonii fi biyya isaa dabarsee sitti kennuu jalqabeera, atis biyya isaa qabattee, kan kee godhachuu jalqabi!? jedhee anatti in dubbate*.
32Sihoon immoo nu irratti ka'ee namoota isaa hundumaa wajjin Yaahazitti nu loluudhaaf ba'e.
33Waaqayyo gooftaan keenya immoo isa dabarsee nutti in kenne; nuyis isa, ijoollee isaa, namoota isaa hundumaas in rukunne.
34Nuyi yeroo sanatti mandaroota isaa hundumaa in qabanne; mandaroota sana dhiira, dubartii, ijoollees raawwannee in balleessine; waan tokkos hin hambifne.
35Wanti nuyi ofii keenyaaf fudhanne horii qe'ee fi waan mandaroota sana keessaa boojine duwwaa dha.
36Mandara Aro'er isa qarqara dachaa Aarnon, mandara dachaa sana keessa jiruu jalqabee hamma Giil'aaditti mandarri tokko illee dallaan isaa dheeratee nutti cimee kan hafe hin jiru; Waaqayyo gooftaan keenya hunduma isaanii dabarsee nutti in kenne*.
37Isin biyya sanyii Amoonitti, laga Yaaboq keessaa kutaa tokkotti, mandaroota biyya gaaraattis, lafa Waaqayyo gooftaan keenya nu dhowwe hundumaatti garuu hin dhi'aanne.