1Waaqayyo gooftaan kee inni biyya Gibxii ol si baase sii wajjin waan jiruuf, ati diina keetti duuluudhaaf baatee, fardeenii fi konkolaattota loltuu kan kee caalaa guddatus yeroo argitu, isaan hin sodaatin!
2Bakkee lolaa sanatti yeroo dhi'aattanis, lubichi gara fuula duraatti ba'ee, loltuu keessanitti haa dubbatu!
3Inni yommus, ?Yaa namoota Israa'el dhaga'aa! Isin har'a diinota keessanii wajjin wal loluuf dhi'aattaniittu, egaa isaan duratti laphee hin laafinaa, hin sodaatinaa, hin rom'inaa, hin na'inaas!
4Inni isin oolchuudhaaf isin dura adeemee diinota keessan lolu Waaqayyo gooftaa keessan? haa jedhu!
5Kana booddee warri hojii geggeessan immoo jaraan, ?Isin keessaa namni mana haaraa ijaaree eebbisiifatee itti hin galin jiraa? Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa akka eebbisiifatee itti hin galletti, gara mana isaatti haa deebi'u!
6Namni waynii dhaabbatee ija isaa irraa hin nyaatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa ija isaa akka hin nyaannetti, gara mana isaatti haa deebi'u!
7Namni durba haasa'atee hin fuudhin jiru jiraa? Inni lola keessatti du'ee namni kan biraa ishee akka hin fuunetti, gara mana isaatti haa deebi'u? haa jedhan*!
8Warri hojii geggeessan ammas jaraan, ?Namni sodaatu yookiis laphe-laafessi jiraa? Garaan hiriyoota isaa warra kaaniis akka kan isaatii bishaan akka hin taanetti, inni gara mana isaatti haa deebi'u? haa jedhan*!
9Warri hojii geggeessan kana jaratti dubbachuu yommuu raawwatan, angafoonni loltuu jara dura adeeman hojii irra haa dhaabaman!
10Ati mandara tokkotti duultee yeroo itti dhi'aattu, dura dhaamsa nagaa itti dhaami!
11Isaan deebii nagaa siif deebisanii karra isaanii yoo siif banan, namoonni achi keessatti argaman hundinuu hojii humnaa siif haa hojjetan!
12Sii wajjin nagaa buusuu didanii, yoo si lolan garuu, ati mandarichatti marsi!
13Waaqayyo gooftaan kee mandaricha harka kee keessa yeroo buusutti, achi keessaa dhiira kan ta'e hundumaa billaadhaan rukuti!
14Dubartoota, ijoollee, horii qe'ee, wanta mandara sana keessa jiru hundumaa, wanta booji'amu guutummaatti ofii keetiif qabadhu! Diina kee irraa wanta booji'ame isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennes nyaadhu!
15Mandaroota si irraa fagoo warra kan saba sitti dhi'oo jiran kanaa hin ta'in hundumaas akkasuma godhi*!
16Haa ta'u iyyuu malee, mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin!
17Warra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa immoo akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti raawwadhuu isaan balleessi!
18Kanaa achi wanta ciiggaasisaa isa yeroo waaqayyolii isaaniif sagadan hojjetan sana duukaa bu'uu si barsiisu, atis Waaqayyo gooftaa kee duratti cubbuu in hojjetta*.
19Ati mandara tokko qabachuudhaaf itti duultee, yeroo dheeraadhaaf isatti yoo marsite, mukkeetii mandara sanaa murtee hin balleessin! Ija isaanii nyaachuu in dandeessaatii gad hin cirin! Mukkeetiin sun namoota warra ati itti marsitee eeggattu sana miti.
20Mukkeetii warra iji isaanii akka hin nyaatamne ati beektu duwwaa achii kaasuu in dandeessa; warra akkasii immoo hamma mandarri sii wajjin wal lolu sun kufutti, hojii marsaadhaaf barbaaddu akka ittiin ijaartuuf murmuri!