Seera Keessa Deebii 21:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Biyya Waaqayyo gooftaan kee akka ati qabattuuf siif kennu keessatti namni tokko ajjeefamee reeffi isaa bakkeetti yoo argame, namni isa ajjeeses yoo wallaalame,

2maanguddoonnii keessanii fi abboonni firdii keessan gad ba'anii, fageenya iddoo reeffi namichaa itti argamee fi mandaroota naanna'aa sanaa gidduu jiru haa safaran!

3Maanguddoonni mandara isa iddoo reeffi namichaa jirutti caalaa dhi'aatu keessaa dhufan goromsa hin qabamin, waanjoonis kan irra hin ga'in fuudhanii,

4dachaa bishaan yaa'u qabu isa lafti isaa utuu hin qotamin, midhaanis utuu itti hin facaafamin hafetti gad geessanii dachicha keessatti saggoo haa kutan!

5Sanyiin Lewwootaa warri luboonni warri Waaqayyo gooftaan kee akka isaaf hojjetanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif, wal diduun yookiis wal rukutuun hundinuu dubbii afaan isaaniitiin murtoo akka argatuuf isaan fo'ate gara fuula duraatti haa dhi'aatan*!

6Maanguddoonni mandara iddoo reeffi namicha isa ajjeefamee itti argame sanaatti dhi'oo jiran hundinuu goromsa dachaa keessatti saggoon ishee kutame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan*!

7Isaan harka isaanii yommuu dhiqatan, ?Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne, iji keenyas nama isa dhangalaase hin argine.

8Yaa Waaqayyo, Israa'el saba kee isa furtetti araara argisiisi, dhiiga nama balleessaa hin qabnee kana Israa'el saba keetti hin lakkaa'in!? in jedhu; akkasitti dhiiga isa dhangala'eef dhiifamuun isaaniif in ta'a.

9Wanta ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e yoo gootan, yakka isa dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuudhaan ta'u of gidduudhaa in balleessitu*.[100]

10Ati diinota keetti yommuu duultu, Waaqayyo gooftaan kees harka kee keessa isaan buusee yommuu isaan boojitu,

11warra boojite sana keessaa dubartii miidhagduu tokko argitee, ishee fuudhuu yoo feete,

12gara mana keetti ishee galchi! Isheen mataa ishee haa haaddattu, qeensa ishees haa qorattu!

13Uffata isa yeroo booji'amte uffattu sana ofittii baaftee mana kee teessee abbaa isheetii fi haadha isheetii ji'a tokko guutuu haa gadditu! Kana booddees ishee bira ga'ii abbaa manaa isheedhaaf ta'i! Isheenis haadha manaa siif haa taatu!

14Isheen yoo sitti toluu didde immoo iddoo barbaadde haa dhaqxu gad ishee dhiisi malee, sababii ishee yeellaasifteef akka garbittiitti lakkooftee ishee hin gurguratin!

15Namni tokko haadha manaa lama qabaatee, ishee tokko jaallatee, ishee kaan immoo yoo jaallachuu dhabaate, lachuun isaanii, isheen inni jaallatu, isheen inni hin jaallannes ijoollee godhataniifii, ilmi inni angafni immoo kan ishee inni hin jaallannee yoo ta'e,

16namichi sun gaafa ilmaan isaatiif dhaala hiru, angafummaa ilma isaa isa kan haadha manaa isaa ishee inni hin jaallanne sanaa ilma isaa isa kan ishee jaallatutti hin dabarsin!

17Inni ilma isa kan ishee hin jaallannee sanaaf qabeenya isaa hundumaa keessaa harka lama kennuudhaan angafummaa isaa haa beeksisuuf! Inni humna isaa isa jalqabaa waan ta'eef angafummaan kan isaa haa ta'u!

18Namni tokko ilma mata-jabeessaa fi didaa, abbaan isaa fi haati isaa utuma adabanii isaaniif kan hin dhageenye yoo qabaate,

19abbaan isaa fi haati isaa isa qabatanii gara karra dallaa mandara inni keessa jiraatutti geessanii maanguddoota mandara isaatti haa dhi'eessan!

20Isaan maanguddoota mandara isaatiin, ?Ilmi keenya kun mata-jabeessaa fi didaa dha, nuuf hin abboomamu, albaadhessa, machaa'aa dhas? haa jedhan!

21Kana booddee namoonni mandarichaa hundinuu dhagaadhaan rukutanii isa haa ajjeesan! Akkasitti hamaa hundumaa of gidduudhaa balleessaa! Warri Israa'el hundinuus waa'ee kanaa in dhaga'u, in sodaatus.

22Namni tokko cubbuu du'a itti farachiisu waan hojjeteef ajjeefamee mukatti yoo rarraafame,

23guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin! Namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha; biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaaltuuf siif kennu hin xureessin*![101]

rticle>