1Qotiyyoon yookiis hoolaan obboleessa keetii badee utuu adeemuu yoo argite, gara isaatti deebisi malee calluma jettee hin dhiisin!
2Obboleessi kee sitti dhi'oo yoo ta'uu dhabaate yookiis isa yoo beekuu dhabaatte immoo mana keetti fuudhii gali! Hamma obboleessi kee barbaacha dhufuttis si bira haa turu, yommuu inni dhufu immoo isaaf deebisi!
3Harree isaa yookiis uffata isaa akkasuma godhi! Egaa waanuma obboleessa kee duraa badee inni dhabee barbaadaa jiru yommuu argitu akkasuma godhi malee, tuffattee hin dhiisin!
4Harreen yookiis qotiyyoon obboleessa keetii karaa irratti kufee yoo argite, isa gargaarii kaasi malee, calluma jettee hin dhiisin*!
5Uffata dhiiraa dubartiin hin uffatin! Uffata dubartii dhiirri hin uffatin! Eenyumti illee wanta akkasii yoo godhe Waaqayyo gooftaa kee biratti ciigga'amaa in ta'a.
6Muka tokko irratti yookiis lafatti mann'ee simbirroo ilmaan yookiis anqaaquun keessa jiru argitee, haati ilmaan yookiis anqaaquu sana irra yoo jiraatte, haadha ishee ilmaanii wajjin hin fudhatin!
7Gaarii akka siif ta'uuf bara dheeraas akka jiraattuuf, haadha ishee gad dhiisi! Ilmaan garuu ofii fudhachuu in dandeessa.
8Ati mana haaraa yeroo ijaarrattu, namni bantii isaa irraa kufe dhiiga dhangala'uu fi gumaa mana kee irratti akka hin fidnetti, qarqara bantii mana keetti naannessii ittisa itti hojjedhu!
9Sanyii akaakuu garaa garaa iddoo dhaabaa waynii keetti hin facaasin! Kanaa achi iji sanyii isa ati facaafte sanaa, iji iddoo dhaabaa waynii sana irraa argamus guutummaatti mana qulqullummaaf addaan in baafama.
10Qotiyyoo fi harree walitti cammaddee ittiin hin qotin!
11Uffata rifeensaa fi quncee talbaa irraa waliin makamee dha'ame hin uffatin*!
12Qoloo uffattutti karaa golee arfanii cercerree kaa'adhu*!
13Namni tokko niitii fuudhee, erga bira ga'ee booddee, yoo ishee jibbe,
14inni dubbii nama yeellaasisuun ishee hadheessee, ?Ani intala kana nan fuudhe, garuu yeroon isheetti dhi'aadhe immoo milikkita durbummaa ishee nan dhabe? yoo jedhe,
15abbaan intalattii fi haati ishee milikkita durbummaa isheetii karra kellaa mandarichaa lafa maanguddoonni mandara sanaa itti wal ga'anitti geessanii isaanitti haa dhi'eessan!
16Yommus abbaan intalattii maanguddootaan, ?Ani intala koo namicha kanatti nan heerumsiise, inni immoo ishee in jibbe;
17kunoo ammas dubbii nama yeellaasisuun, ?Ani milikkita durbummaa intala keetii hin arganne? jedhee ishee hadheesse; amma garuu milikkinni durbummaa intala kootii kunoo ti!? haa jedhu! Wayyaa sanas maanguddoota mandara sanaa duratti haa diriirsan!
18Yeroo sanatti maanguddoonni mandara sanaa namicha fuudhanii haa dhaanan!
19Sababii inni durba Israa'el irra maqaa gadhee kaa'eefis, meetii sheeqelii dhibba tokko miijanu abbaa intalattiif gatii haa baasisan! Intalattiin immoo haadha manaa isaa haa taatu! Bara jireenya isaa guutuuttis ishee gad hin dhiisin*!
20Haa ta'u iyyuu malee, hadheessi sun dhugaa ta'ee, milikkinni durbummaa intalattii yoo argamuu dhabaate,
21intalattiin mana abbaa isheetti gaalamootuu isheetiin Israa'el keessatti wanta yeellaasisaa waan hojjetteef, gara balbala mana abbaa isheetiitti ishee haa baasan, namoonni mandara isheetiis dhagaadhaan rukutanii ishee haa ajjeesan! Akkasitti isa hamaa of gidduudhaa baasaa*!
22Namni tokko dubartii dhirsa qabduu wajjin utuu ciisuu yoo argame, lamaanuun isaanii, namichi inni ishee wajjin ciisee fi dubartittiin haa ajjeefaman! Akkasitti isa hamaa Israa'el keessaa baasaa*!
23Namni tokko durba kaadhimatamte tokko mandara keessatti argee, isheedhaa wajjin yoo ciise,
24isaan lachuu gara karra kellaa mandarichaatti baasaa! Isheen durbaa mandara keessa utuma jirtuu hin iyyine, inni dhiiraa immoo kaadhima nama biraa in salphise; kanaafis isin dhagaadhaan rukutaatii isaan ajjeesaa! Akkasitti isa hamaa of gidduudhaa baasaa!
25Namni tokko bakkee keessatti durba kaadhimatamte tokko argee, qabee ishee wajjin yoo ciise garuu, namichi inni ishee wajjin ciise sun duwwaan haa ajjeefamu!
26Wanti akkasii akka isa namni tokko nama biraa irratti ka'ee isa ajjeesu waan ta'eef, cubbuun du'aan ishee ga'u intalattii irra hin jiru; kanaaf intalattii waan tokko iyyuu hin godhinaa!
27Namichi bakkee keessatti waan ishee argateef, intalli kaadhimatamte sun yoo iyyite iyyuu ishee oolchuudhaaf namni tokko illee hin argamu ture.
28Namni tokko durba hin kaadhimatamin tokko argee, qabee ishee wajjin yoo ciise, isaan lachuu yoo argaman,
29namichi ishee wajjin ciise sun waan ishee yeellaasiseef, abbaa intalaattiif meetii sheeqelii shantama miijanu haa kennu! Isheenis haadha manaa isaaf haa taatu! Inni immoo bara jireenya isaa guutuutti ishee gad hin dhiisin*!
30Namni haadha manaa abbaa isaatii fuudhuun irra hin jiru, siree abbaa isaatiis salphisuun hin ta'u*!