1Namni tumamee sangoome yookiis namni saalli isaa murame waldaa Waaqayyootti hin lixin*!
2Namni abbaa hin beekaminiif dhalatu waldaa Waaqayyootti hin lixin! Sanyii isaa keessaas hamma dhaloota kudhaniitti waldaa Waaqayyootti hin lixin!
3Amoononni yookiis Mo'aabonni, sanyii isaanii keessaas namni tokko illee hamma dhaloota kudhaniitti iyyuu waldaa Waaqayyootti hin lixin*!
4Isaan yommuu ati biyya Gibxii baatee dhufte Bala'aam ilma Be'or akka si abaaruuf Phetor mandara Mesophotaamiyaa keessaa sitti bitan malee, buddeenaa fi bishaaniin karaatti sitti hin adeemne*.
5Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo gooftaan kee sababii si jaallateef Bala'aamiif hin dhageenye; Waaqayyo gooftaan kee abaarsicha eebbatti siif geddare*.
6Bara jireenya kee hundumaatti isaan nagaa akka qabaatan, isaanitti tolees akka jiraatan hin barbaadin*!
7Edoom obboleessa kee waan ta'eef nama Edoom hin tuffatin! Ati biyya isaa keessatti galaa waan turteef nama Gibxii hin tuffatin*!
8Sanyiin isaanii dhaloota sadaffaa booddee waldaa Waaqayyootti dabalamuu in danda'u.
9Yommuu diina kee loluudhaaf kaatee iddoo tokko buufattu, wanta hamaa hundumaa irraa of eeggadhu!
10Isin keessaa namni tokko halkan dingata ofitti abju'atee yoo of xureesse, iddoo buufataa keessaa gara alaatti haa ba'u malee, gara keessaatti ol hin dhufin*!
11Haa ta'u iyyuu malee, gara galgalaa bishaaniin dhiqatee aduun yommuu lixxu gara iddoo buufataa sana keessatti deebi'uu in danda'a.
12Lafa itti bakkee ba'an iddoo buufataa duubatti qopheeffadhuutii achi dhaqi!
13Mi'a kee wajjin wanta qara qabu kan ittiin lafa haatee keessatti bakkee baatee ittiin biyyoo itti deebisuu dandeessu fudhadhu!
14Waaqayyo gooftaan kee si oolchuudhaaf, diinota kee harka keetti dabarsee kennuudhaafis iddoo buufata kee keessa in deddeebi'a; egaa akka inni wanta yeellaasisaa isin gidduutti argee isin irraa hin deebinetti iddoon buufata kee qulqullaa'aa haa ta'u*!
15Garbichi tokko gooftaa isaa duraa sitti yoo baqate, qabdee gooftaa isaatti hin kennin!
16Inni mandaroota kee keessaa lafa jaallate tokko fo'atee isin gidduu haa taa'u! Ati immoo isa hin cunqursin*!
17Dubartoota yookiis dhiirota Israa'el keessaa galma keessatti ejjaaf kan qophaa'ee taa'u hin argamin*!
18Waaqayyo gooftaan kee horii ejjaan argamee fi gatii saree in ciigga'a; kanaafis wareega kamiif iyyuu taanaan lachuu isaa mana Waaqayyo gooftaa keetti hin galchin*!
19Obboleessa keetti hiiqii hin kennatin! Meetii yookiis midhaan, waan hiiqiitti kennamu hundumaa hiiqii isatti hin kennatin*!
20Ormatti hiiqii kennadhu malee, Waaqayyo gooftaan kee biyya ati qabachuudhaaf jirtu keessatti waan hojjettu hundumaatti akka si eebbisuuf obboleessa keetti hiiqii hin kennatin!
21Waaqayyo gooftaa keetiif wareega yoo wareegde, utuu of irraa hin baasin hin turin! Kanaa achi Waaqayyo gooftaan kee isa waan si irraa barbaaduuf cubbuu sitti in ta'a*.
22Yoo wareeguu dhabaatte garuu cubbuu sitti hin ta'u.
23Wanta jaalala keetiin Waaqayyo gooftaa keetiif kennuudhaaf afaan keetiin wareegde, jaalala keetiin waan ta'eef, isa afaan keetiin wareegde kana eegii of irraa baasi!
24Iddoo dhaabaa waynii ollaa keetti yoo lixxe, qodaa kee keessa ija tokko illee hin buusin malee, yoo barbaadde hamma quuftutti nyaachuu in dandeessa.
25Midhaan ollaa keetii isa maasii keessa jirutti yommuu lixxu, haammachuudhaaf haamtuu itti hin buusin malee, harka keetiin asheetii isaa cirachuu in dandeessa*.