Seera Keessa Deebii 25:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Namoonni wal dhabanii gara yaa'ii yoo dhufan, abboonni firdiis isa balleessaa hin qabneen, ?Balleessaa hin qabdu, isa balleessaa qabuun immoo balleessaa qabda? jedhanii firdii isaaniif haa kennan*!

2Inni balleesse sun dhaanamuun in ta'aaf yoo ta'e, abboonni firdii lafa akka isa ciibsan godhanii akka balleessaa isaatti isa haa reebsisan! Lakkoobsi reebamuu isaatii immoo akka balleessaa isaatiitti haa ta'u!

3Inni balleesse sun hamma afurtamaatti rukutamuu in danda'a; obboleessi kee ija kee duratti akka hin salphannetti afurtama caalaa hin rukutamin*![124]

4Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan isaa hin hidhin*![125]

5Obboloota walii wajjin jiraatan keessaa inni tokko utuu dhala hin godhatin yoo du'e, haati manaa isa du'e sanaa maatii sana keessaa baatee ormatti hin heerumin! Obboleessi abbaa manaa isheetii gara ishee dhaqee, barcuma qajeelchee haadha manaa ishee haa godhatu*!

6Maqaan isaa Israa'el keessaa akka hin badnetti ilmi isheen angafa deessu maqaa isa du'ee sanaan haa waamamu!

7Haa ta'u iyyuu malee, namichi haadha manaa obboleessa isaa kana fuudhuu hin barbaadu yoo ta'e, haati manaa obboleessa isaa gara karra dallaa lafa maanguddoonni itti wal ga'an dhaqxee, ?Obboleessi abbaa manaa kootii maqaan obboleessa isaa itti fufee Israa'el keessa akka jiraatu gochuu in dide, barcuma qajeelchee waan obboleessi abbaa manaa raawwatus anaaf hin goone? haa jettu!

8Maanguddoonni mandara isaatii isa waamsisanii itti haa dubbatan! Inni immoo didee, ?Ani ishee fuudhuu hin barbaadu? yoo jedhe,

9haati manaa obboleessa isaatii immoo maanguddoota duratti itti dhi'aattee, miilla isaatii kophee luqqiftee, fuula isaattis tuftee, ?Nama mana obboleessa isaa hin ijaarre akkas godhu? haa jettu!

10Yommus biyya Israa'el keessatti, sanyii isaa, ?Mana isa kopheen isaa irraa luqqifame sanaa? jedhanii in moggaasu.[126]

11Namoonni lama utuu wal lolanii, haati manaa isa tokko namicha isa abbaa manaa ishee miidhu harkaa baafachuudhaaf jettee, hiixattee saala namicha isa miidhu sanaa yoo qabde,

12harka ishee irraa kuti malee garaa hin laafiniif.

13Korojoo kee keessaa dhagaa safaraa akaakuu lama, dhagaa guddaa fi dhagaa xinnaa hin qabaatin*!

14Mana kee keessaas quunnaa safaraa akaakuu lama, quunnaa guddaa fi quunnaa xinnaa hin qabaatin!

15Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattutti, dhagaa safaraa fi quunnaa safaraa guutuu fi qajeelaa qabaadhu!

16Waaqayyo gooftaan kee nama wanta akkasii godhu, nama jal'ina hojjetu hundumaas in ciigga'a.[127]

17Biyya Gibxiitii yommuu ati baate, wanta warri Amaaleq karaatti si hojjetan yaadadhu*!

18Yommuu ati dadhabdee bututte, isaan immoo karaa booddee dhufanii si rukutanii, warra dadhabanii booddeetti hafanis si irraa kutan; isaan Waaqayyoon hin sodaanne.

19Kanaaf biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaala gootee qabattuuf siif kennu keessatti, inni ofii isaatii diinota naannoo kee jiran hundumaa irraa yommuu si boqochiisu, seenaa warra Amaaleq bantii waaqaa jalaa haxaa'ii balleessi, hin irraanfatinis*![128]

rticle>