1Yommus Museen maanguddoota Israa'elii wajjin jaratti in dubbate; inni isaaniin, ?Abboommii ani har'a isin abboomu kana hundumaa eegaa!
2Yeroo Yordaanosin ceetanii biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennutti galtan, dhagoota gurguddoota dhadhaabaatii nooraa dibaa!
3Dubbii seera kanaa hundumaa biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kennu, biyya aannanii fi damma baasu isa Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii isin abdachiise sanatti yeroo galtan, dhagoota sana irratti caafaa!
4Yordaanosin yommuu ceetan, akka ani har'a isin abboometti dhagoota kana tulluu Ebaal irra dhadhaabaatii nooraa dibaa!
5Achittis Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaadhaan iddoo aarsaa ijaaraa! Dhagichas mi'a sibiila irraa hojjetameen sooftanii hin ijaarinaa*!
6Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaa hin soofaminiin iddoo aarsaa ijaaraatii achi irratti aarsaa gubamu Waaqayyo gooftaa keessaniif dhi'eessaa!
7Achitti qalma araaraa dhi'eessaatii Waaqayyo gooftaa keessan duratti nyaadhaa gammadaa*!
8Dhagoota kana irrattis dubbii seera kanaa hundumaa mul'isaa caafaa!? jedhe.
9Ergasii Museen Lewwoota warra lubootaa wajjin guutummaa Israa'eliin, ?Cal jedhaa dhaggeeffadhaa, isin yaa warra Israa'el! Har'a isin saba Waaqayyo gooftaa keessanii taataniittu*;
10kanaaf sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'aa! Abboommii isaa fi seerrata isaa isa ani har'a isiniif kennu eegaa!? jedhe.
11Guyyaadhuma sana Museen saba ajajee,
12?Yordaanosin yeroo ceetan gosi Shimi'oon, gosi Lewwii, gosi Yihudaa, gosi Yisaakor, gosi Yoseefii fi Benyaamiin tulluu Geriiziim irra dhaabatanii saba haa eebbisan*!
13Gosi Ruuben, gosi Gaadi, gosi Asheer, gosi Zebuloon, gosi Daanii fi Niftaalem immoo tulluu Ebaal irra dhaabatanii haa abaaran!? jedhe.
14Warri Lewwootaas sagalee isaanii ol fudhatanii namoota Israa'elitti haa dubbatan!
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26