1Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii gaarii gootanii yoo dhageessan, abboommii isaa isa ani har'a isin abboomus gaarii gootanii yoo eegdan, Waaqayyo gooftaan keessan saba warra kaan hundumaa gara irraa isin in oolcha*.
2Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhageessan, eebbi kun hundinuu isiniif in dhufa, isin in qaqqabas.
3Mandara keessatti, maasii keessattis in eebbifamtu.
4Dhalli keessan, midhaan maasii keessanii, hormaanni horii qe'ee keessanii, jabboonni, xobbaallaanis eebbifamoo in ta'u.
5Guuboon keessanii fi qoda-bukoon keessan eebbifamoo in ta'u.
6Yeroo gad baatan, yeroo ol galtanis eebbifamoo in taatu*.
7Diinonni keessan warri isin irratti ka'an isin duratti rukutamanii akka dhuman Waaqayyo in godha; karaa tokko isinitti in dhufu, karaa torba isin in baqatu.
8Gombisaa keessanitti, wanta harki keessan hojjetu hundumaattis Waaqayyo eebba in erga; Waaqayyo gooftaan keessan biyya isinii kennu keessatti isin in eebbisa*.
9Isin abboommii Waaqayyo gooftaa keessanii yoo eegdan, karaa isaa irras yoo adeemtan, Waaqayyo akkuma isiniif kakatee ture saba isaa isa qulqullaa'aa godhee isin in dhaaba*.
10Yommus sabni warri kaan hundinuu isin maqaa Waaqayyootiin akka waamamtan in argu, isin in sodaatus.
11Waaqayyo biyya abboota keessaniif kennuudhaaf kakate yeroo isiniif kennu achitti dhala keessan, hormaata horii qe'ee keessanii, midhaan maasii keessaniis isiniif in baay'isa.
12Waaqayyo hojii harka keessanii hundumaas eebbisuudhaaf gombisaa badhaadhummaa isaa isa gaarii isa waaqa irraa isiniif banee, yeroo isaatti lafa irratti bokkaa in roobsa; isin saba baay'eedhaaf in liqeessitu, ofii garuu nama tokko irraa illee hin liqeeffattan*.
13Waaqayyo akka isin mataa taatan godha malee, eegee isin hin taasisu; abboommii Waaqayyo gooftaa keessanii isa ani har'a isin abboomu kana yoo dhageessan, gaarii gootaniis yoo eegdan irra aantu malee, jala hin aantan.
14Waaqayyolii biraa duukaa bu'uudhaaf, isaaniif hojjechuudhaafis dubbii ani har'a isin abboomu kana irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin gorinaa*!
15Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhaga'uu dhabaattan, abboommii isaa fi seerrata isaa warra ani har'a isin abboomu kana hundumaas gaarii gootanii yoo eeguu dhabaattan, abaarsi itti fufee jiru kun hundinuu isinitti in dhufa isin in qaqqabas*.
16Mandara keessatti in abaaramtu, maasii keessattis in abaaramtu.
17Guuboon keessanii fi qoda-bukoon keessan abaaramoo in ta'u.
18Dhalli keessan in abaaramu, midhaan maasii keessanii, jabboonnii keessanii fi xobbaallaan keessan in abaaramu.
19Yeroo ol galtan in abaaramtu, yeroo gad baatanis in abaaramtu.
20Isin Waaqayyoon irraanfachuu keessaniin hamaa waan hojjettaniif, inni hamma isin daftanii baddanitti abaarsa, raafama, ifaatas wanta harki keessan hojjetu hundumaa irratti in erga.
21Waaqayyo biyya isin itti galuuf jirtan keessaa hamma haxaa'ee isin balleessutti, dha'icha isin biraa hin hambisu.
22Waaqayyo yommus dhukkuba sombaatiin, dhagna gubaadhaan, iitaan, caamsaa jabaadhaan, gognaan, bubbeedhaan, waagiidhaanis isin in rukuta; isaan kun hamma isin baddanitti isin biraa hin hafan.
23Waaqni mataa keessan gara irraatti sibiila borrajjii in ta'a, laftis isin jalatti sibiila in ta'a*.
24Waaqayyo bokkaa maasii keessan irratti roobu daaraadhaa fi awwaaratti in geddara; bokkichis hamma isin balleessutti waaqa irraa gad in bu'a.
25Waaqayyo akka isin diinota keessan duratti mo'amtan in godha; karaa tokko isaanitti in duultu, karaa torbaan isaan in baqattu; mootummoota biyya lafaa irra jiran hundumaafis wanta jibbisiisaa in taatu.
26Reeffi keessan allaattota qilleensa keessa balali'anii fi bineensota lafa irra jiraatan hundumaaf nyaata in ta'a; kan isaan naasisee ari'us tokko illee hin jiru*.
27Iita madaa'u isa kan warra Gibxiin, madaa dhiiguun, cittoodhaan, roobbiidhaanis Waaqayyo isin in rukuta; isaanittiis fayyuu hin dandeessan*.
28Maraatummaadhaan, jaamummaadhaan, raata'ummaadhaanis Waaqayyo isin in rukuta.
29Akka nama iji isaa jaamee dukkana keessa qaqqabatutti, isin guyyaa saafaadhaan in qaqqabattu, wanti isin gootan hundinuus isiniif hin qajeelu, yeroo hundumaa in cunqurfamtu, in saamamtu, namni isin gargaarus hin jiru*.
30Isin durba in kaadhimattu, garuu namni biraa isheetti in roorisa; mana in ijaartu, garuu ofii keessanii itti hin galtan; isin waynii in dhaabbattu, garuu ija isaa irraa hin cirattan*.
31Qotiyyoon keessan ija keessan duratti in qalama, isin garuu foon isaa hin nyaattan; harreen keessan humnaan isin irraa in fudhatama, isiniif hin deebifamus; bushaayeen keessan diinota keessaniif in kennamu, namni isaan oolchus hin jiru.
32Ijoolleen dhiiraa keessanii fi ijoolleen durbaa keessan saba biraatiif in kennamu, iji keessan guyyaa hundumaa isaan ilaaluutti in dadhaba, harka keessaniinis waa oolchuu hin dandeessan.
33Sabni isin isaan hin beekne midhaan isin maasii keessaa itti dadhabdanii hojjettan hundumaa in nyaatu; yeroo hundumaas gad isin in qabu, isin in caccabsus*.
34Wanti ija keessaniin argitan kunis isin in maraacha.
35Iita hamaa isa fayyuu hin dandeenye jilba keessanitti, miilla keessanitti, faana miilla keessaniitii jalqabee hamma gubbee mataa keessaniitti Waaqayyo isinitti in naqa.
36Waaqayyo isiniif mootii isin of irratti moosiftan saba isin yookiis abboonni keessan isaan hin beeknetti in kenna; isin achitti waaqayyolii mukaa fi dhagaa irraa hojjetamaniif in hojjettu*.
37Saba Waaqayyo itti isin ergu sana hundumaa gidduutti jibbisiisoo in taatu, nama mammaaksaa fi nama kolfaa in taatu*.
38Maasii keessanitti sanyii danuu in facaaftu, garuu hawaannisi waan isa fixuuf muraasa in galfattu*.
39Isin waynii dhaabdanii keessa in hojjettu garuu raammoon waan isa fixuuf isin daadhii waynii isaa hin dhugdan, ija isaa irraas hin cirattan.
40Biyya keessan keessaa iddoo hundumaatti muka ejersaa in qabaattu, garuu iji isaa dafee waan irraa harca'uuf, dhadhaa isaa hin dibattan.
41Ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa in godhattu, garuu booji'amanii waan isin duraa fudhatamaniif isin bira hin jiraatan.
42Mukkeetii keessanii fi ija mukkeetii keessan hundumaa korophisi isin irraa in fudhata.
43Galaan isin gidduu jiru isin caalaatti isin irratti ol ol ka'aa in adeema, isin immoo gad in adeemtu.
44Inni isiniif in liqeessa, isin garuu isaaf hin liqeessitan; inni mataa in ta'a, isin garuu eegee in taatu.
45Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'uu waan diddaniif, abboommii isaa fi seerrata isaa isa inni isin abboome eeguu waan dhiiftaniif, abaarsi kun hundinuu hamma isin baddanitti isin duukaa bu'ee isin in qaqqaba.
46Isaan kun isinii fi sanyii keessan irratti milikkitaaf dinqii bara baraa in ta'u.
47Yeroo wanta hundumaa guutummaatti qabdan, Waaqayyo gooftaa keessaniif gammachuudhaa fi garaa guutuudhaan waan hojjechuu diddaniif,
48beelaa fi dheebuudhaan, qullaa ta'uudhaan, wanta hundumaa dhabuudhaanis diinota keessan warra Waaqayyo isinitti erguuf in hojjettu; inni hamma isin balleessutti waanjoo sibiilaa morma keessan irra in kaa'a*.
49Saba isin afaan isaa hin beekne, saba akka joobiraa balali'u daarii lafaatii Waaqayyo isinitti in fida.
50Fuulli saba sanaa nama in sodaachisa, jaarsaaf ulfina hin kennu, ijoolleedhaafis hin oo'u*.
51Hamma achii isin balleessutti horii qe'ee keessanii fi midhaan maasii keessanii in nyaata; midhaan, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa, jabboota, xobbaallaas in fixa, isin in onsas.
52Mandaroota biyya keessanii hundumaa keessatti isinitti in marsa, kellaan keessan inni dhedheeraan isin guutummaa biyya keessanii keessatti amanattan sunis in jiga; mandaroota biyya Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessatti isinitti in marsa.
53Yeroo marfamtan sana rakkina diinni keessan isinitti fidu irraan kan ka'e dhala keessan, foon ijoollota dhiiraa keessanii fi ijoollota durbaa keessan warra Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne sana in nyaattu*.
54Isin keessaa namni baay'ee garraamiinii fi qanan'aan obboleessa isaa, haadha manaa isaa ishee jaallatu, ijoollota dhiiraa isaa warra hafanis ija hamaadhaan in ilaala;
55inni marfamuu isa diinni mandara keessan hundumaatti fidee isin rakkisu irraa kan ka'ee, wanti nyaatamu hundinuu waan duraa dhumeef, foon ijoollee isaa isa nyaachaa jiru sana firoota isaa keessaa nama tokkoof illee kennuu hin jaallatu.
56Isin keessaa dubartiin baay'ee garraamiinii fi qananiituun qananiitti jiraachuu ishee irraa kan ka'ees faana miilla isheetiin illee lafa ejjechuu hin jaallanne, abbaa manaa ishee isa jaallatu, ilma ishee fi intala ishee ija hamaadhaan in ilaalti.
57Isheen yeroo diinni mandaroota keessan marsee isin rakkisu sana wanti nyaatan waan hin jirreef, obbaatii isa gadameessa ishee keessaa ba'uuf ijoollee ishee warra deessu dhoksaatti in nyaatti.
58Macaafa kana keessatti kan caafame dubbii seera kanaa hundumaa gaarii gootanii yoo eeguu dhabaattan, maqaa Waaqayyo gooftaa isa ulfina-qabeessaa fi sodaatamaa yoo sodaachuu dhabaattanis,
59Waaqayyo dha'icha keessan guddaa in godha, dha'icha ijoollee keessanitti dhufus dha'icha guddaadhaa fi dha'icha isaan irra turu in godha, dhukkuba jabaadhaa fi kan dafee hin fayyine itti in erga.
60Inni dhukkuba biyya Gibxii isa isin sodaattan sana isinitti in erga, dhukkubichis isin irra in tura*.
61Waaqayyo, dhukkubaa fi dha'icha macaafa seeraa kana keessatti hin caafamin jiran hundumaas isinitti fidee ittiin isin in balleessa.
62Sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniif abboomamuu waan diddaniif, dur akka urjoota waaqa keessaa in baay'attu kan turtan, amma immoo namoonni muraasi duwwaan isin keessaa in hafu.
63Waaqayyo akkuma wanta gaarii isiniif gochuuf isin baay'isuutti gammade akkasuma immoo isin onsuu fi isin balleessuutti in gammada; biyya isa qabachuuf jirtan sana keessaas in buqqifamtu*.
64Yommus Waaqayyo daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti saba hundumaa gidduu isin in tamsaasa, achittis waaqayyolii muka irraa fi dhagaa irraa hojjetaman, takkaa kan isin, abboonni keessanis hin beekneef in hojjettu.
65Saba sana gidduutti boqonnaa tokko illee hin argattan; faanni miilla keessanii illee iddoo boqotu hin argatu, Waaqayyo achitti yaada sodaataa, agartuu dadhabaa, garaa abdii kutatus isiniif in kenna.
66Garaan keessanis mamee in rarra'a, halkanii fi guyyaa in sodaattu, jireenya keessanis kan eegu hin jiru.
67Isa garaan keessan sodaatuu fi wanta iji keessan argu sanaaf jettanii ganama, ?Utuu galgala ta'ee? galgala immoo, ?Utuu ganama ta'ee? in jettu.
68Karaa ani, ?Lammaffaa deebitanii hin argitan? isiniin jedhe sana irra Waaqayyo deebisee markabaan biyya Gibxiitti isin in fida, achitti akka garbichaa fi akka garbittiitti akka isin bitataniif of in kennitu; garuu namni isin bitu tokko illee hin jiru*.