Seera Keessa Deebii 29:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo dubbii kakuu isaa isa Horeebitti Israa'elootaaf gale irratti dabalee Museen biyya Mo'aabitti akka isaaniif kennuuf kan inni isa abboome kanatti fufee jira.

2Yommus Museen guutummaa Israa'el walitti waamee, ?Waan Waaqayyo biyya Gibxiitti ija keessan duratti Fara'oonii fi hojjetoota isaa hundumaa irratti, biyya isaa irrattis hojjete argitaniittu*;

3yaalii jabaa sana, milikkita guddaa sana, dinqii guddaa sanas argitaniittu*.

4Waaqayyo garuu qalbii hubatu, ija argu, gurra dhaga'us hamma har'aatti iyyuu isiniif hin kennine? jedhe.

5Museen itti fufees, ?Waaqayyo, ?Yeroo ani waggaa afurtama lafa onaa keessa isin geggeessaa ture uffanni keessan isin irratti hin dhumne, kopheen miilla keessanitti jirus miilla keessan irratti hin ciccinne*.

6Isin buddeena hin nyaanne, daadhii waynii yookiis dhugaatii cimaa hin dhugne; kanas ani Waaqayyo gooftaa keessan akkan ta'e akka beektaniifan godhe? jedha.[147]

7?Biyya kanatti yeroo galtan sana Sihoon mootii Heshboonii fi Oog mootiin Baashaan nu loluudhaaf ka'anii turan, garuu nu immoo isaan in moone*;

8biyya isaaniis isaan irraa fudhannee gosa Ruubenii fi gosa Gaadiif walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee in kennine*.

9Ammas wanti isin gootan hundinuu akka isiniif qajeelutti, dubbii kakuu kanaa gaarii godhaa eegaa!

10Isin hundumti keessan, dura-buutonni keessan, gosoonni keessan, maanguddoonni keessan, warri hojii geggeessan, namoonni Israa'el hundinuus har'a fuula Waaqayyo gooftaa keessanii dura dhaabadhaa!

11Ijoolleen keessan, haati manaa keessan, galaan buufata keessan keessa jiru, warra muka isiniif murmuranii jalqabee hamma warra bishaan isiniif waraabaniitti isa dura haa dhaabatan!

12Isin har'a kakuu Waaqayyo gooftaan keessan isiniif dhaabutti galuudhaaf as in dhaabattu.

13Waaqayyo akkuma abboota keessan Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate, har'a saba ofii isaa isin in godhata, akkuma isin abdachiises ofii isaatii Waaqayyo keessan in ta'a.

14Ani kakuu kanatti isin duwwaa wajjinan gala utuu hin ta'in,

15warra har'a nuu wajjin addana fuula Waaqayyo gooftaa keenyaa dura jiranii fi warra har'a addana hin jirre wajjinis immoo nan gala.[148]

16?Nuyi biyya Gibxii keessa attamitti akka jiraachaa turre, attamittis saba baay'ee keessa darbinee akka dhufne isin ofii keessanii iyyuu beektu.

17Isaan keessattis wanta ciiggaasisaa, waaqayyolii tolfamoo isaanii, warra muka irraa, dhagaa irraa, warqee fi meetii irraa hojjetaman argitaniittu.

18Isin keessaa dhiirri yookiis dubartiin, maatiin yookiis gosi, warri garaan isaanii har'a Waaqayyo gooftaa keenya irraa gara gale, dhaqanii waaqayyolii saba sanaaf akka hin hojjennetti of eeggadhaa! Hundeen ija hadhaa'aa godhatus isin keessatti akka hin argamne godhaa!? jedhe*.

19Namni akkasii dubbii abaarsa kanaa dhaga'ee garaa isaa keessatti eebbatti hiikatee, ?Utuman boqu-jabeessa ta'ee illee ani nagaa qaba? hin jedhin! Wanti akkasii kun lafa jiidhaa irratti, lafa gogaa irrattis badiisa in fida.

20Waaqayyo nama akkasiitiif gonkumaa hin dhiisuuf, dheekkamsii fi hinaaffaan Waaqayyoo nama akkasii irratti in boba'a; abaarsi macaafa kana keessatti caafame hundinuus isa irra in ga'a; Waaqayyo maqaa nama akkasii bantii waaqaa jalaa haxaa'ee in balleessa.

21Waaqayyo akka abaarsa kakuu kanaa isa macaafa seeraa kana keessatti caafamee jiruutti, gosa Israa'el hundumaa keessaa addaan isa baasee, badiisaaf isa in godha*.[149]

22Dhaloonni isin booddee dhufu, ijoolleen keessan warri isin booddeedhaan ka'an, ormi biyya fagoodhaa dhufus dha'icha biyya sanaa, dhukkuba Waaqayyo itti erges yommuu argan,

23?Biyyi sun guutummaan isaa dhagaa boba'uu fi soogiddaan in gubata; sanyiin isa irra hin facaafamu, waan tokko illee irratti hin biqilu, biqiltuun tokko illee irra hin jiru; inni akka badiisa Sodoomii fi Gomoraa, akka Aadimaa fi Zebo'iim warra Waaqayyo dheekkamsa isaa isa guddaadhaan gara gaggalchee in ta'a? in jedhu*.

24Haa ta'u iyyuu malee, sabni lafa irraa hundinuu, ?Maaliif Waaqayyo biyya kana irratti wanta akkasii hojjete? Maaliifis dheekkamsi guddaan akkasii irratti boba'e?? in jedhu.

25Namoonnis, ?Isaan kakuu Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii isa inni yommuu biyya Gibxii isaan baase isaaniif gale sana waan irraanfataniif*;

26isaan waaqayyolii biraatiif waan hojjetaniif, isaaniifis waan sagadaniifii dha; waaqayyoliin sun warra isaan hin beekne, warra inni isaaniif hin kennin turan.

27Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo abaarsa macaafa kana keessatti caafamee jiru itti fiduudhaaf biyya kana irratti boba'e.

28Waaqayyo dheekkamsa isaa isa guddaa fi aarii isaa isa boba'aadhaan biyya isaanii keessaa isaan buqqisee, biyya amma isaan keessa jiran kanatti isaan darbate? in jedhu*.[150]

29Wanti dhoksaan kan Waaqayyo gooftaa keenyaa ti, wanti mul'ifame immoo nuyi dubbii seera isaa hundumaa akka eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.

rticle>