Seera Keessa Deebii 30:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1?Eebbii fi abaarsi ani isin dura kaa'e kun hundinuu yommuu raawwatamu, isin biyya Waaqayyo gooftaan keessan saba warra kaan hundumaa keessa isin tamsaase gidduutti deebitanii yoo isa yaadattan,

2isin, ijoolleen keessanis gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebitanii sagalee isaa yoo dhageessan, isa ani har'a isin abboomu kanas garaa keessanii fi yaada keessan guutuudhaan yoo eegdan*,

3Waaqayyo gooftaan keessan boojuu keessaa isin in deebisa; isiniif oo'ee saba hundumaa warra ofii isaatii isaan gidduu isin tatamsaase keessaas baasee deebisee walitti isin in qaba*.

4Biyya fagoo keessatti illee darbatamtanii yoo jiraattan, Waaqayyo gooftaan keessan achii walitti isin sassaabee deebisee isin in fida*.[151]

5?Waaqayyo gooftaan keessan biyya isa abboonni keessan qabatan sanatti isin in galcha, isinis isa in dhaaltu; inni waan gaarii isa abboota keessaniif godhe caalaatti isiniif in godha, isin in baay'isas.

6Waaqayyo gooftaan keessan akka isin garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis isa jaallattaniif akka jiraattaniifis, garaa keessanii fi garaa ijoollee keessanii dhagna in qaba*.

7Waaqayyo gooftaan keessan abaarsa kana hundumaa diinota keessan warra isin jibbanii fi warra isin ari'atan irra in kaa'a*.

8Yommus isin deebitanii sagalee Waaqayyoof in abboomamtu, abboommii isaa isa ani har'a isin abboomu kana hundumaas in eegdu.

9Waaqayyo gooftaan keessan hojii harka keessanii hundumaa isiniif in qajeelcha, dhala keessan, horii qe'ee keessanii, midhaan maasii keessaniis gaarii isiniif in godha; Waaqayyo akkuma abboota keessanitti gammade akkasuma deebi'ee waan gaarii isiniif gochuutti in gammada.

10Isin immoo sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'aa! Abboommii isaa fi seerrata isaa isa macaafa seeraa kana keessatti caafames eegaa! Garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa![152]

11?Abboommiin ani har'a isin abboomu kun baay'ee rakkisaa miti, isinittiis fagoo miti.

12Isin, ?Akka nuyi abboomamnuuf eenyutu gara waaqaatti ol ba'ee fidee nutti hima?? akka hin jennetti inni waaqa irra jira miti*.

13Isin, ?Akka nuyi abboomamnuufitti, eenyutu galaanicha ce'ee as fidee nutti hima?? akka hin jennettis, inni galaana gama jira miti.

14Dubbichi baay'ee isinitti dhi'oo dha, isin akka isa eegdaniif afaan keessan keessa, garaa keessan keessas jira.

15Ilaa! Ani har'a wanta gaarii fi jireenya, wanta hamaa fi du'a isin dura kaa'eera*.

16Waaqayyoon gooftaa keessan yoo jaallattanii fi karaa isaa irra yoo adeemtan, abboommii isaa, seerrata isaa, wanta qajeelaa ta'es isa ani har'a isin abboomu kana yoo eegdan in jiraattu, in baay'attus; Waaqayyo gooftaan keessan biyya isin itti galtanii qabachuuf jirtan sana keessatti isin in eebbisa*.

17Garuu garaan keessan isattii gara galee, isaaf yoo dhaga'uu dhabaattan, waaqayyolii biraatiif sagaduudhaaf, isaaniif hojjechuudhaafis gara isaaniitti yoo harkifamtan,

18isin in baddu, kanas ani har'a isinitti himeera; laga Yordaanos ceetanii biyya itti galtanii qabachuuf jirtan sana keessas yeroo dheeraa hin jiraattan*.

19Ani har'a jireenyaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa'e, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo'adhaa*!

20Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga'aa! Isattis maxxanaa! Inni jireenya keessan waan ta'eef, biyya inni abboota keessan Abrahaamii fi Yisihaqiif Yaaqoobiifis kennuudhaaf abdachiise keessatti bara dheeraa isiniif in kenna? jedhe*.[153]

rticle>