Seera Keessa Deebii 31:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Museen gad ba'ee dubbii kanatti fufee jiru guutummaa Israa'elitti in dubbate.

2Inni isaaniin, ?Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ta'eera, ani si'achi nama gad ba'uu fi ol galuu danda'u miti, Waaqayyos, ?Ati Yordaanos kana hin ceetu? anaan jedheera*.

3Waaqayyo gooftaan keessan ofuma isaatii isin dura bu'ee in ce'a, saba achi jiranis fuula keessan duraa in balleessa, isinis biyya isaanii in fudhattu; Iyaasuunis akkuma Waaqayyo dubbate isin dura bu'ee in ce'a;

4Waaqayyos Sihoonii fi Oogin mootota warra Amoorotaa, biyya isaaniis yommuu balleesse akkuma godhe, saba sanas akkasuma in godha*.

5Waaqayyo harka keessan keessa isaan in buusa, isin immoo akka ani isin abboome isaan godhaa!

6Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin in adeema, inni gad isin hin dhiisu, isin hin irraanfatus; kanaafis cimaa, ija jabaadhaa, isaan hin sodaatinaa, hin na'inaas!? jedhe*.[154]

7Museen ergasii guutummaa Israa'el duratti Iyaasuu waamee, ?Cimi! Ija jabaadhus! Ati saba kanaa wajjin biyya Waaqayyo abboota isaaniitiif kennuudhaaf kakateefitti in galta, biyyichas dhuunfaa isaanii gootee isaaniif in hirta.

8Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!? jedheen*.[155]

9Ergasii Museen seera kana caafee sanyii Lewwootaa warra luboota sanduuqa kakuu Waaqayyoo baataniif maanguddoota Israa'el hundumaatti in kenne.

10Museen isaan abboomee, ?Dhuma waggaa torba torbaatti yeroo gatiin namaaf dhiifamuu fi yeroo ayyaana Gordommaatti*,

11yeroo guutummaan Israa'el iddoo Waaqayyo ofii isaatii fo'atetti isa duratti argamuudhaaf dhufan, seera kana hunduma isaanii duratti akka isaan dhaga'anitti dubbisaaf!

12Yommus saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas, galaa kellaa keessan keessa jirus, Waaqayyo gooftaa keessaniif dhaga'uu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka eeganiif walitti sassaabaa!

13Ijoolleen isaanii warri seera kana hin beeknes biyya isa Yordaanosin ceetanii qabachuuf jirtan sana keessatti bara hundumaa isa dhaga'anii Waaqayyo gooftaa keessan sodaachuu haa baran!? jedhe.[156]

14Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Kunoo guyyaan ati itti duutu dhi'aateera, Iyaasuu waamii isaa wajjin gara godoo itti wal ga'aniitti dhi'aadhaa! Ani isatti hojii nan kenna? jedhe; Museenii fi Iyaasuun gara godoo itti wal ga'aniitti in dhi'aatan.

15Waaqayyo immoo godicha biratti utubaa duumessaa keessaan in mul'ate, utubaan duumessaas balbala godichaa irra in dhaabate*.

16Waaqayyo itti fufee Museedhaan ?Kunoo, ati in duuta, abboota kee birattis in sassaabamta; jarri kun garuu dhaqanii waaqayyolii ormaa kan warra biyya itti galuuf jiranii sana duukaa in bu'u, ana immoo in irraanfatu, kakuu ani isaanii wajjin gale kanas in cabsu.

17Yeroo sanatti immoo aariin koo isaan irratti in boba'a, ani isaan nan dhiisa, fuula koo isaan duraa nan dhoksa, isaan in dhumu, wanti hamaan baay'eenii fi rakkinni isaanitti in dhufa, guyyaa sanattis, ?Wanti hamaan kun Waaqayyo keenya nu gidduu waan hin jirreef nutti dhufe mitii ree?? in jedhu*.

18Ani guyyaa sanatti isaan gara waaqayyolii biraatti gara galuudhaan wanta hamaa waan hojjetaniif, fuula koo raawwadhee isaan duraa nan dhoksa.[157]

19?Ammas faarfannaa kana caafadhuutii akka isaan faarfataniif Israa'eloota barsiisi! Innis isaan irratti anaaf dhugaa in ba'a*.

20Yeroo ani biyya aannanii fi damma baasutti, isan abboota isaaniif kennuuf kakadhe sanatti isaan galchu, isaan immoo achitti nyaatanii quufanii, gabbataniis gara waaqayyolii biraatti gara galanii isaaniif in hojjetu, ana immoo in tuffatu, kakuu koos in cabsu*.

21Yeroo wanti hamaan baay'eenii fi rakkinni isaanitti dhufu, faarfannaan kun ijoolleen isaanii waan isa hin irraanfanneef isaanitti dhugaa in ba'a; biyya ani isaaniif kennuuf kakadheefitti utuma hin galin iyyuu har'uma garaa isaanii keessatti maal akka isaan yaadaa jiran ani beeka? jedhe.

22Museen yommusuma faarfannaa sana caafee Israa'eloota in barsiise.[158]

23Waaqayyo yommus, ?Cimi, ija jabaadhu! Ati ijoollee Israa'el biyya ani isaaniif kennuuf kakadhetti in galchita, anis sii wajjin nan ta'a? jedhee Iyaasuu ilma Nun in abboome*.[159]

24Museen dubbii abboommii kanaa hamma dhumaatti macaafatti caafee erga fixee booddee,

25Lewwoota warra sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan ajajee,

26?Macaafa seeraa kana fuudhaatii, achi taa'ee akka inni isinitti dhugaa ba'uuf sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii bukkee kaa'aa*!

27Isin warra diduu fi boqu-jaboota akka taatan ani beeka, kunoo ammuma utuu ani isin gidduu jiruu iyyuu Waaqayyoon in diddu'o, erga ani du'ee immoo hammam kana irra haa caalu ree?

28Maanguddoota gosa keessanii, geggeessitoota keessan hundumaa asitti walitti naa qabaa! Anis akka isaan dhaga'anitti dubbii kana isaanitti nan dubbadha, waaqaa fi lafa waamees isaan irratti dhugaa nan baasisa*.

29Erga ani du'ee booddee karaa ani isin abboome irraa gortanii raawwattanii akka isin mancaatan ani beeka, isin fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjechuudhaan isa aarsitanii hojii harka keessaniitiin waan isa dheekkamsiiftaniif gara booddeetti wanti hamaan isinitti in dhufa? jedhe.[160]

30Ergasii Museen dubbii faarfannaa kanaa akka isaan dhaga'anitti hamma dhumaatti guutummaa waldaa Israa'elitti in dubbate.

rticle>