3Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa,isinis guddina Waaqayyo keenyaa beeksisaa!
4Inni kattaa jabaa dha,wanti inni godhus mudaa hin qabu,karaan isaa hundinuus qajeelaa dha,inni Waaqayyo amanamaa dha,jal'innis isa keessa hin jiru,inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha*.[161]
5Isaan isa irratti balleessaa hojjechuu isaaniitiinwaan yeellaasifamaniif,si'achi ijoollee isaa hin jedhaman;isaan dhaloota jal'aa fi micciiramaa dha*;
6ati yaa saba gowwaadhaa fiqalbii hin qabne,kan ati Waaqayyoof deebiftu kanaa?Inni abbaa kee fi isa si uume mitii?Isa mitii kan si tolche,kan si dhaabes*?[162]
7Guyyoota durii yaadadhu!Waggoota dhaloota baay'ee duraas ilaali!Abbaa kee gaafadhu, innis sitti in hima;jaarsoliis gaafadhu, isaanissiif in ibsu;
8inni hundumaa gara irraa jiru,saba garaa garaaf dhaala isaaniiyeroo kenneef,ijoollee namootaas yommuu gargar hire,isaaniif immoo akka lakkoobsailmaan Israa'elittidaarii in dhaabeef*.
9Waaqayyo ofii isaatiif immoo saba isaa ga'aa isaa in godhate,Yaaqoobiin dhuunfaa isaa godhee fudhate*.[163]
10Lafa onaattis isa arge,iddoo onaa bineensonniwacan keessatti,isa golboobee gargaare;akka agartuu ija isaattis isa eege*;
11akka joobira isa mann'ee isaa eeggatuu,akka isa qoochoo isaa ilmoo isaa irra golboobee balali'uu,akka isa baallee isaa bal'isee isa qabuu,isa fiixee baallee isaa irrattisisa baatuu ti*,
12Waaqayyo duwwaatu isa geggeesse malee,waaqayyoliin ormaaisaa wajjin hin turre*.[164]
13Inni iddoo ol kaa'aa biyyichaa isa yaabsise,midhaan maasii keessaa isa nyaachise,damma kattaa keessaa isa soore,dhadhaa ejersaas kattaa jabaa keessaa isaaf in kenne*.
14Dhadhaa saawwanii fi aannan hoolotaa,cooma xobbaallotaa ficooma korbeeyyii,saawwan Baashaanii fi re'oota,qamadii gaariis in kenneef;innis cuunfaa waynii isa diimaa in dhuge.
15Garuu Yaaqoob inni ?Yeshuuruun? jedhamecoomee isa in dhiise;inni in gabbate, in furdate,in cululuqes;Waaqayyoon isa isa uumes in dhiise,kattaa fayyina isaa sana in tuffate*.[165]
16Isaan waaqayyolii ormaatiin isa hinaafsisanii,waaqayyolii tolfamaniinistuttuqanii isa in aarsan.
17Hafuurota hamootawarra Waaqayyo hin ta'inii fiwaaqayyolii haaraa warra isaandur hin beekneef,warra abboonni keessan isaan hin sodaatiniifaarsaa in dhi'eessan*.
18Isin Waaqayyo isa isin uumein irraanfattan;kattaa isa isin tolche sana in dhiiftan*.[166]
19Ijoolleen dhiiraa isaa fi ijoolleen durbaa isaawaan isa aarsaniif,Waaqayyo kana argee isaan in tuffate.
20Inni, ?Ani fuula koo isaan nan dhoksa,dhumni isaaniis attam akka ta'u nan ilaala;isaan dhaloota jal'oota,ijoollee hin amanamnee dhas;
21isaan, Waaqayyo kan hin ta'iniinana hinaafsisan;waaqayyolii tolfamoo isaaniiwarra waa'ee hin baafneenis na aarsan;anis saba kan hin ta'iniinisaan nan hinaafsisa,saba gowwaadhaanis isaan nan aarsa*.
22Aarii kootiin ibiddi boba'eehamma qililleetti gad in guba,biyya lafaa fi wanta inni baasu in fixa,hundee tullootaattis in qabsiifama.[167]
39?Amma ilaalaa! Waaqayyo anuma,ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru;ani nan ajjeesa, ani nan jiraachisas;ani nan madeessa, ani nan fayyisas;homtinuu harka koo keessaa baasuukan danda'u hin jiru*;
40ani harka koo bantii waaqaa irra bal'isee,?Ani bara baraan jiraataa dha? jedhee nan kakadha.
41Billaa koo isa calaqqisaa yommuun qaradhu,harki koos firdiidhaaf yommuuisa qabatu,ani diinota koo irratti ijaa nan ba'a,warra na jibbaniifis gatii nan baasa;
42xiyyoolii koo dhiigaan nan macheessa,dhiiga warra qalamanii fiwarra booji'amanii,geggeessitoota diinotaa nan obaasa,billaa koos foon nan nyaachisa? in jedha.[172]
43Yaa saba lafa irraa, saba isaatiif gammadaa!Waaqayyo dhiiga garboota isaatiifijaa in baasa,diinota isaa irratti ijaa in ba'a,saba isaa fi biyya isaatti in araarama*.[173]
47Dubbichi jireenya keessan malee, dubbii isiniif waa'ee hin baafne miti; dubbichaanis biyya isa Yordaanosin ceetanii qabachuuf jirtan sana keessa bara dheeraa in jiraattu? jedhe*.[174]
48Guyyuma sana Waaqayyo Museedhaan,
49?Gara tulluu Abaariim, tulluu Neboo isa biyya Mo'aab keessaa fuullee Yerikoo jiru sanatti ol ba'i! Biyya Kana'aan isa ani Israa'elootaaf dhuunfaa godhee kennu sana ilaali!
50Akkuma Aaron obboleessi kee tulluu Hoor irratti du'ee abboota isaa biratti sassaabame, atis tulluu itti ol baatu sana irratti in duuta abboota kee birattis in sassaabamta*!
51Kunis isin Israa'eloota duratti bishaan Mariibaa isa mandara Qaadeshitti dhi'oo jiru biratti, lafa onaa Siin keessatti waan na yakkitanii fi Israa'eloota gidduutti qulqullummaa koo ulfinaan waan hin eeginiif isinitti in dhufa*.
52Ati biyyicha fuulleetti in argita, garuu ofii keetii biyya ani Israa'elootaaf kennu sanatti hin galtu? jedhe*.[175]