Seera Keessa Deebii 33:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Eebbi Museen namni Waaqayyoo utuu hin du'in dura ittiin Israa'eloota eebbise isa kanatti fufee jiruu dha;

2yommus inni, ?Waaqayyo Siinaadhaa dhufe, Se'iir irraa akka bariitti isaaniif in ba'e, tulluu Phaaraan gubbaadhaas isaaniif in ibse; qulqulloota kumaatamaa wajjinis ba'e, gara mirgaa isaattis ibiddi seeraa isaaniif in boba'e.

3Dhuguma inni saba isaa in jaallata, warri qulqulloonnis harka isaa keessa jiru; isaan hundinuu miilla isaa jalatti in kufu, isa biraas barsiisa in argatu? jedhe.

4Waldaa Yaaqoobiif dhuunfaa akka ta'uuf, Museen seera nuuf kenneera;

5yeroo geggeessitoonni sabaa walitti qabaman, yeroo gosi Israa'elis wal ga'an, Waaqayyo Yeshuuruun irratti mootii ture.

6Yommus Museen, ?Lakkoobsi namoota isaa muraasa ta'u illee, horteen Ruuben haa jiraatu malee, du'ee hin dhumin!? jedhe.

7Waa'ee Yihudaaf immoo, ?Yaa Waaqayyo, sagalee Yihudaa dhaga'i! Gara saba isaattis isa fidi! Inni harka isaatiin ofiif in lola, atis isa gargaarii diinota isaa loli!? jedhe.

8Waa'ee Lewwiitiif, ?Uriimii fi Tumiimin Lewwiidhaaf kenni! Nama isa jaallatte sanaaf, isa Maasaatti isa qorte sanaaf, isa bishaan Mariibaa biratti lolte sanaaf*,

9inni isa waa'ee abbaa isaa fi haadha isaa, ?Ani isaan hin argine? jedhee dha; obboloota isaa hin beekne, ijoollee isaas ?Kan koo ti? jedhee hin fudhanne, isaan garuu dubbii keef in abboomaman, kakuu kees in eegan*.

10Isaan wanta qajeelaa ta'e isa kan keetii Yaaqoobin, seera kees Israa'elin in barsiisu; isaan aarsaa ixaanaa si dura, guutummaa aarsaa gubatus iddoo aarsaa kee irra in kaa'u.

11Yaa Waaqayyo, ati humna isaa eebbisi! Hojii harka isaas fudhadhuuf! Mudhii diinota isaa warra isa jibbanii, akka isaan deebi'anii lafaa hin kaanetti cabsi!? jedhe.[176]

12Waa'ee Benyaamiinis, ?Inni Waaqayyo isa jaallatu, sodaa malee isa bira in jiraata, Waaqayyos guyyaa hundumaa isa in golbooba, innis eegumsa Waaqayyoo jala in jiraata? jedhe.

13Waa'ee Yoseef immoo, ?Waaqayyo fixeensa isa gubbaa waaqaatiin, bishaan isa lafa gad fagoo keessa jiruunis lafa isaa haa eebbisu*!

14Wanta gaarii, wanta aduun ija itti godhuun, wanta baay'ee gaarii ji'i kennuunis,

15wanta baay'ee gaarii tulluu durii irraa argamuun, wanta baay'ee gaarii gaarota bara baraa irraa argamaniinis,

16guutummaa wanta lafti baasu isa caalaadhaan, ayyaana isa huuxxii qoraattii boba'u keessatti argame sanaatiin, kun hundinuu mataa Yoseef irra, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa addaan ba'e irra haa buufatu*!

17Kormi isaa inni angafni attam surra-qabeessaa! Gaanfonni isaas akka gaanfota gafarsaa ti; gaanfota isaa sanaanis saba hundumaa hamma daarii lafaatti in waraana; Efreem kan akkasii kuma kudhan qaba, Minaaseenis kumaatama qaba? jedhe.[177]

18Waa'ee Zebuloon immoo, ?Yaa Zebuloon, ati ba'uu keetti, yaa Yisaakor, atis godoo kee keessatti gammadi!

19Isaanis saba gara tullootaatti in waamu, achittis isaan kennaa qajeelaa in dhi'eessu, qabeenya galaana keessaas in xuuxu, badhaadhummaa cirracha keessa dhokates in baafatu? jedhe.

20Waa'ee Gaadi, ?Gaadin kan bal'isu eebbifamaa dha, Gaadi akka leenca dhalaa in ripha, harkaa fi gubbee mataas in kukkuta*.

21Biyyicha keessaa isa caalu ofii isaatiif dura in fo'ata, ga'aan warra geggeessitootaas isaaf kaa'ame, angafoonni sabaa yommuu wal ga'an, inni fedha Waaqayyoo isa qajeelaa in raawwate, firdii isaas Israa'elii wajjin in eege? jedhe*.

22Waa'ee Daan immoo, ?Daan akka ilmoolee leencaa, isa Baashaan keessaa utaaluu ti? jedhe.[178]

23Waa'ee Niftaalemis, ?Yaa Niftaalem ati ayyaana quufteetta, eebba Waaqayyoos guutummaatti, ciisa bishaan galaanaatii jalqabdee hamma biyya gara mirgaatti dhaali!? jedhe.

24Waa'ee Asheer immoo, ?Asheer ilmaan warra kaan caalaatti eebbifamaa haa ta'u! Obboloonni isaa isa haa jaallatan! Miilla isaas dhadhaa ejersaatiin haa dhiqatu!

25Cufaan karra isaas sibiilaa fi sibiila borrajjii haa ta'u! Jabinni isaas bara isaa wajjin wal haa qixxaatu? jedhe.

26Museen ammas itti fufee, ?Waaqayyo inni akka Waaqayyo isa kan Yeshuuruun tokko illee hin jiru, inni si gargaaruudhaaf bantiiwwan waaqaa yaabbatee adeemu, ulfina isaatiinis duumessa irra kan taa'u*,

27Waaqayyo inni bara baraa kun iddoo jireenya keetii ti; irreen bara baraas isa jala jira, inni diinota kee si duraa in oofa, ?Isaan balleessis!? in jedha*;

28Israa'el kophaa isaa bir'aa malee in jiraata, sanyiin Yaaqoobis, biyya midhaanii fi daadhii waynii baasu keessa, biyya waaqni fixeensa gad itti coccophsu keessas nagaatti in taa'a*.

29Yaa Israa'el, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachannii fi kee gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis, diinonni kee si dura in quphanu, ati immoo iddoo isaanii isa ol jedhaa irra in ejjetta? jedhe*.[179]

rticle>