1Ergasii Museen dachaa Mo'aabii gara tulluu Neboo gara gubbee Phiisgaa isa fuullee Yerikootti ol in ba'e; achitti Waaqayyo biyya sana hundumaa, Giil'aadii hamma Daanitti,
2biyya Niftaalem hundumaa, biyya Efreemii fi kan Minaasee, biyya Yihudaa hundumaa hamma galaana isa gara lixa-biiftuu jiruutti,
3gara mirgaas, biyya dachaa Yerikoo jiru hundumaa, mandara muka meexxiitii hamma Zo'aaritti in argisiise.
4Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Isa kana biyyi ani Abrahaamin, Yisihaqin, Yaaqoobinis, ?Ani sanyii keessaniif nan kenna? jedhee kakuudhaan abdachiise; ati isa ija keetiin argiteetta, garuu ati achi hin ceetu!? jedhe*.
5Kana booddee Museen garbichi Waaqayyoo akkuma Waaqayyo jedhee ture sana biyya Mo'aabitti in du'e.
6Waaqayyo dachaa biyya Mo'aabitti fuullee Bet-Phe'oritti isa in awwaale; haa ta'u iyyuu malee, hamma har'aatti iyyuu namni iddoo awwaala isaa beeku hin jiru.
7Museen yommuu du'e sana nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ture; iji isaa hin dimimmifne, humni isaas irraa hin hir'anne*.
8Israa'eloonni dachaa Mo'aabitti guyyaa soddoma Museedhaaf in gaddan, kana booddee yeroon boo'ichaa fi gaddaa in raawwatame*.
9Iyaasuu ilmi Nun yeroo sanatti Museen harka isaa waan isa irra kaa'eef hafuurri ogummaa isa keessa guutee ture; Israa'eloonni isaaf dhaga'anii waan Waaqayyo karaa Musee abboomee tures in godhan*.
10Ergasii raajiin Waaqayyo fuula fuulaan beeke, kan akka Musee takkaa Israa'el keessatti hin kaane*.
11Raajiin milikkitaa fi dinqii hundumaa biyya Gibxiitti, Fara'oon irratti, hojjetoota isaa hundumaa irratti, biyya isaa hundumaa irrattis akka hojjetuuf Waaqayyo erge,
12humna guddaa fi gocha sodaachisaa isa Museen guutummaa Israa'el duratti argisiise kana hundumaas kan godhe hin kaane.