Seera Keessa Deebii 4:1-49 GAZB1997 - Bible AI

1Museen itti fufee saba sanaan, ?Ammas isin yaa saba Israa'el, akka jiraattaniif, biyya Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii isiniif kennuttis galtanii akka qabattaniif, seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e akka gootaniif isa ani isin barsiisu kana dhaggeeffadhaa*!

2Abboommota Waaqayyo gooftaa keessanii eegaa malee, dubbii ani isin abboometti waan tokko hin dabalinaa, waan tokkos irraa hin hir'isinaa*!

3Wanta Waaqayyo tulluu Phe'oritti hojjete iji keessan argeera; Waaqayyo gooftaan keessan namoota Ba'aal isa Phe'or waaqessan hundumaa isin gidduudhaa balleesseera*.

4Isin warri Waaqayyo gooftaa keessanitti jabaattanii dhaabattan hundinuu garuu, hamma har'aatti jirtu.

5Kunoo, isin biyya dhuunfaa keessan godhachuudhaaf itti galtan keessatti akka hojjettaniif, ani akkuma Waaqayyo gooftaan keessan na abboometti seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e isin barsiiseera.

6Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi hubannaa keessan waan ta'uuf, isaan seerrata kana hundumaa yeroo dhaga'an, ?Dhuguma sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha? isiniin in jedhu; kanaaf isin kana duukaa bu'aa eegaa!

7Akkuma Waaqayyo gooftaan keenya yeroodhuma nuyi isa waammannutti nutti dhi'aatu kanatti, sabni guddaan waaqayyoliin isaa isatti dhi'aatan isa kam ree*?

8Sabni guddaan seerrataa fi firdii isa qajeelaa akka seera isa ani har'a isin dura kaa'u kana hundumaa qabu isa kam ree*?[21]

9?Isin garuu dammaqaa, wanta ijaan argitan akka hin irraanfannetti, bara jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin badnetti of eeggadhaa! Ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis barsiisaa*!

10Gaafa isin Siinaatti Waaqayyo gooftaa keessan dura dhaabattan, ?Sabni kun bara lafa irra jiraatan hundumaatti ana sodaachuu akka baraniif, ijoollee isaaniis akkasuma akka barsiisaniif, ani dubbii koo akka dhaga'an nan godha, atis na biratti walitti isaan qabi!? jedhee Waaqayyo anatti in dubbate? jedhe*.

11Gaafas isin itti dhi'aattanii, miilla tulluu sanaa jala akka dhaabattan, tulluu duumessi gurraachi dukkanaa'aan itti uffifame sana irraas ibiddi hamma bantii waaqaatti ol akka boba'e,

12yommus Waaqayyo ibidda sana gidduudhaa isinitti akka dubbate, isinis sagalee isa isinitti dubbatame sana dhageessaniittu, garuu sagalee duwwaa malee, bifa tokko illee akka hin argin,

13inni kakuu isaa isinitti akka beeksise, abboommii kurnan isa akka isin gootaniif isin abboome sanas inni gabatoota dhagaa lama irratti akka caafe*,

14yeroo sana seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e, isa isin biyya dhaaluuf jettan keessatti eegdan akkan isin barsiisuuf Waaqayyo akka na abboomes ijoollee keessanitti ijoollee ijoollee keessaniittis himaa![22]

15Kanaafis isin ofii keessaniif of eeggadhaa! Isin gaafa Waaqayyo Siinaatti ibidda gidduudhaa isinitti dubbate sana bifa tokko illee hin argine;

16isin fakkaattii waan tokkootiin bifa qirixame tolfachuudhaan karaa irraa akka hin kaanneef of eeggadhaa! Bifa waan tokko illee, kan dhiiraa yookiis kan dubartii*,

17fakkaattii bineensa lafa irraa tokko illee, fakkaattii waan baal'eedhaan qilleensa keessa balali'uu tokko illee,

18fakkaattii wanta lafa irra munyuuquu, fakkaattii qurxummii lafa jala bishaan keessa jiruu tokko illee tolfachuu irraa of eeggadhaa!

19Gara waaqaatti ol ilaaltanii, biiftuu, ji'a, urjoota, macca waaqa keessaa hundumaas yeroo argitan, walaalchifamtanii, warra Waaqayyo gooftaan keessan saba guutummaa bantii waaqaa jala jiraniif kenne sanaaf akka hin saganneef, isaaniifis akka hin hojjenneef of eeggadhaa*!

20Waaqayyo garuu, biyya Gibxii isa akka iddoo ibidda sibiila itti baqsanii sana keessaa isin fuudhe, akka har'aa kana saba dhuunfaa isaa akka taataniif as isin fide*.

21Waaqayyo sababii keessaniif anatti aaree, ani laga Yordaanos akkan hin ceeneef, biyya isa gaarii Waaqayyo gooftaan keessan dhaala godhee isiniif kennuttis akkan hin galleef in kakate*.

22Kanaaf ani biyya kanatti nan du'a malee, laga Yordaanos gamatti hin ce'u; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana in dhaaltu.

23Isin kakuu Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin gale akka hin irraanfannetti, bifa fakkeenyaa isa Waaqayyo gooftaan keessan isin dhowwe fakkaattii waan tokkootiin akka hin tolfannettis of eeggadhaa*!

24Waaqayyo gooftaan keessan ibidda xaph godhuu dha, Waaqayyo hinaafaa dhas*.[23]

25Isin ijoollee godhattanii ijoollee ijoollee keessanii yommuu argitan, biyyicha keessas yeroo dheeraa yommuu turtan, fakkaattii waan tokkoon bifa fakkeenyaa tolfachuudhaan yoo karaa irraa kaattan, tuttuqxanii isa aarsuudhaafis wanta Waaqayyo gooftaa keessan duratti hamaa ta'e yoo hojjettan,

26ani har'a waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; biyya isa dhaaluudhaaf Yordaanosin ceetanii itti adeemtan kana irraa daftanii raawwattanii in balleeffamtu; isin raawwattanii in dhumtu malee yeroo dheeraa isa irra hin jiraattan*.

27Waaqayyo saba warra kaan gidduu isin in bittimsa, lakkoobsi keessan muraasatee saba warra Waaqayyo isaan gidduutti isin bittimse keessattis muraasa taatanii in haftu.

28Yommus isin achitti waaqayyolii warra muka irraa, dhagaa irraas harki namaa tolche, warra hin arginee fi warra hin dhageenyeef, warra hin nyaannee fi warra hin fuunfanneefis in hojjettu*.

29Garuu achitti Waaqayyoon gooftaa keessan in barbaaddattu; isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis yoo isa barbaaddattan isa in argattu*!

30Isin yeroo rakkattan, dubbiin kun hundinuus yeroo isin irra ga'u, bara booddeetti gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti in deebitu, dubbii isaatiifis in abboomamtu.

31Waaqayyo gooftaan keessan, Waaqayyo araara-qabeessa waan ta'eef, isin hin gatu, isin hin balleessu; kakuu isa cimsee abboota keessanii wajjin gale sanas hin irraanfatu*.[24]

32Erga Waaqayyo nama biyya lafaa irratti uumee jalqabee waggoota isin dura darban keessatti dubbiin guddaan akkasii takkaa ta'ee yookiis dhaga'amee beeka yoo ta'eef gaafadha! Daarii waaqaa gar-tokkoo hamma gara isa kaaniittis iyyaafadhaa!

33Akka isin sagalee Waaqayyoo dhageessanii fayyaatti jiraattan kana, sabni tokko ibidda gidduudhaa utuu inni itti dubbatuu takkaa dhaga'ee beekaa*?

34Akka isa Waaqayyo gooftaan keessan biyya Gibxiitti fuula keessan duratti isiniif godhe, waaqayyolii keessaa yaaliidhaan, milikkitaan, lolaan, harka aango-qabeessaan, irree diriiraadhaan, wanta gurguddaa nama naasisuunis dhaqee, saba tokko saba warra kaan keessaa fudhatee kan isaa kan godhate tokko jiraa*?

35Isin garuu gooftichi Waaqayyo akka ta'e, isa bukkeettis kan biraa akka hin jirre akka beektaniif, isinitti argisiifameera*.

36Inni isin gorsee deebisuudhaaf waaqa irraa sagalee isaa akka dhageessan godhe; lafa irratti ibidda isaa isa guddaa isin argisiise; ibiddicha gidduudhaas dubbii isaa in dhageessan*.

37Inni abboota keessan waan jaallateef, sanyii isaaniis isaan booddeedhaan fo'atee, ofii isaatii isin duratti argamee, humna isaa isa guddaadhaan biyya Gibxii keessaa isin in baase*.

38Akka har'a asitti isin galche kana, yommus biyya isaaniis dhaala godhee isiniif kennuudhaaf, saba gurguddinaan, aangoodhaanis isin caalan fuula keessan duraa ari'ee in baase.

39Kanaafis har'a gooftichi ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo akka ta'e, kan biraas akka hin jirre beekaa, yaadattis qabadhaa!

40Kanaaf isiniif, isin booddees ijoollee keessaniif akka tolutti, biyya Waaqayyo gooftaan keessan bara hundumaaf isiniif kennu keessattis barri keessan akka dheeratutti, seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani har'a isin abboomu eeguun isiniif in ta'a.[25]

41Ergasii Museen mandaroota Yordaanos irraa gara ba'a biiftuu jiran sadii addaan in baase.

42Kunis namni utuu hin beekin, duraanis haala utuu irraa hin qabaatin nama ajjeesee, mandaroota kana keessaa isa tokkotti yoo baqate akka jiraatuuf ture.

43Mandaroonni sunis, Bezer isa bakkee diriiraa lafa onaa keessaa gosa Ruubeniif kenname, Amoot isa Giil'aad keessaa gosa Gaadiif kenname, Golaan isa Baashaan keessaa gosa Minaaseetiif kenname turan*.[26]

44Seerri Museen Israa'eloota dura kaa'e kanatti aanee kan jiruu dha.

45Isaanis dhuga-baatota, seerrata, wanta qajeelaa ta'es warra Museen yeroo Israa'eloonni biyya Gibxii ba'an itti dubbatee dha.

46Inni laga Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu fuullee Bet-Phe'or biyya Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraatu sanaatti ture; isa immoo Musee fi Israa'eloonni yeroo Gibxii ba'anii dhufan in balleessan.

47Yommus isaan biyya isaa, biyya Oog mootii Baashaanis, biyya mootota Amoorotaa lamaan warra dachaa Yordaanos keessaa gara ba'a-biiftuu turan sana in qabatan.

48Biyyichi Aro'er isa qarqara laga Aarnonii jalqabee hamma tulluu Siiyon isa Hermoon jedhamutti,

49guutummaa Arabaayi isa Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jirutti, hamma galaana Arabaayi isa miilla tulluu Phiisgaa jalaattis in bal'ata ture.

ticle>