1Yommus Museen guutummaa Israa'el walitti waamee, ?Yaa Israa'el, seerrata, wanta qajeelaa ta'e isa ani har'a isinitti dubbadhu kana dhaga'aa! Isaan baraa, jabeessaa eegaas!
2Waaqayyo gooftaan keenya tulluu Siinaa gubbaatti kakuu nuuf galeera*.
3Har'a Waaqayyo nuyi warra amma jirru kanaa wajjin kakuu kanatti gale malee, abboota keenyaa wajjin miti.
4Waaqayyo tulluu irratti fuula keessan duraa ibidda gidduudhaa isinitti in dubbate.
5Ani yeroo sana sababii isin ibiddicha sodaattanii tullichatti ol hin ba'in haftaniifan dubbii Waaqayyoo isinitti himuuf Waaqayyoo fi isin gidduu dhaabadhe; inni,
6?Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha.
7? ?Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin*!
8Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin*!
9Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaas hamma dhaloota sadii, hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessaa nan barbaada.
10Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa.
11? ?Waaqayyo nama akkasumaan maqaa isaa dha'u adaba malee waan hin dhiifneef, ati maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in!
12? ?Waaqayyo gooftaan kee akka si abboometti, guyyaa Sanbataa qulqullinatti eegi!
13Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!
14Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; isatti ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, qotiyyoon kee, harreen kee, horiin qe'ee kee hundinuu, galaan kellaa kee keessa jirus hojii tokko illee hin hojjetin! Hojjetaan kee fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan!
15Ati biyya Gibxiitti garbicha akka turte, Waaqayyo gooftaan kee harka jabaadhaan, irree ol fuudhamaadhaanis achii akka si baase yaadadhu; Waaqayyo gooftaan kee kanaaf guyyaa Sanbataa akka eegduuf si abboome*.
16? ?Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, gaariis akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!
17? ?Hin ajjeesin!
18? ?Hin ejjin!
19? ?Hin hatin!
20? ?Nama irratti sobaan dhugaa hin ba'in!
21? ?Haadha manaa namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin; mana namaa, maasii isaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa yookiis waanuma kan isaa ta'e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin*!?
22?Waaqayyo tulluu gubbaadhaa ibiddaa fi duumessa gidduudhaa, duumessa gurraacha limixii keessaas sagalee guddaadhaan dubbii kana guutummaa wal ga'ii keessanitti dubbatee, gabatoota dhagaa lamatti isaan caafee anatti kenne malee, wayyis itti hin daballe*.
23?Gaafas isin ibiddi tullicha irraa utuu boba'uu dukkana keessaa sagalee yommuu dhageessan, dura-buutonni gosa keessanii hundinuu maanguddoonni keessanis na bira dhufanii,
24?Kunoo, Waaqayyo gooftaan keenya ulfina isaa fi guddina isaa nu argisiiseera, nuyis ibiddicha gidduudhaa sagalee isaa dhageenyeerra; Waaqayyo namatti dubbatee, nama utuu hin du'in hafu, nuyi har'a argineerra*.
25Ammas deebinee sagalee Waaqayyo gooftaa keenyaa yoo dhageenye nuyi in duuna, ibiddi guddaan kunis xaph nu godha, egaa maaliif dhumna ree?
26Nama foon uffate hundumaa keessaa eenyutu Waaqayyo inni jiraataan ibidda gidduudhaa utuu dubbatuu dhaga'ee, akka keenya kana utuu hin du'in hafe ree?
27Ati itti dhi'aadhuu waan Waaqayyo gooftaan keenya jedhu hundumaa dhaga'i, wanta Waaqayyo gooftaan keenya sitti dubbatu hundumaas nutti himi! Nuyi in dhageenya, in abboomamnas? jettan.
28?Waaqayyo dubbii isin anatti dubbattan kana yommuu dhaga'e, inni anaan, ?Isa jarri kun sitti dubbatan dhaga'eera:- Isaan wanta dubbatan hundumaa ba'eessa dubbatan.
29Isaaniif ijoollee isaaniifis bara baraan gaarii akka ta'uuf, ana sodaachuudhaaf, abboommii koo hundumaas eeguudhaaf yeroo hundumaa garaa akkasii utuu qabaatanii attam gaarii dha*!
30Ammas dhaqiitii:- Godoowwan keessanitti deebi'aa isaaniin jedhi!
31Ati garuu deebi'ii as na bira dhaabadhu, anis abboommota, seerrata, waan qajeelaa ta'e hundumaas sitti nan hima; ati immoo biyya ani akka isaan qabataniif isaaniif kennu keessatti isa akka eeganiif isaan in barsiifta? jedhe.
32Egaa of eeggadhaatii akkuma Waaqayyo gooftaan keessan isin abboometti isa eegaa, isa irraas gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin gorinaa*!
33Isin akka jiraattanitti, gaariis akka isiniif ta'utti, biyya isa qabachuuf jirtan keessas bara dheeraa akka jiraattanitti, karaa Waaqayyo gooftaan keessan isin abboome hundumaa irra deddeebi'aa!? jedhe.