1Ammas abboommiin, seerranni, wanti qajeelaa ta'es, inni Waaqayyo gooftaan keessan biyya dhaaluudhaaf itti adeemtan keessatti akka hojjettaniif isin barsiisuu na abboome, kanatti aane kan jiruu dha.
2Kunis isin guutummaa bara jireenya keessaniitti seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani isin, ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis abboomu, eeguudhaaf Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif, barri keessanis akka isiniif dheeratuuf kan kennamanii dha*.
3Egaa yaa Israa'el dhaga'i! Gaarii akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo inni kan abboota keetii si abdachiisettis biyya aannanii fi damma baasu sana keessatti guddaa baay'achaa akka adeemtuuf wanta kana of eeggadhuu hojjedhu*!
4Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha*!
5Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu*!
6Dubbiin ani har'a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u*!
7Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa'ee isaa dubbadhu*!
8Ati akka milikkitaatti harka kee irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan rarra'u haa ta'u*!
9Michichila balbala mana keetii fi karra keetii irratti isa caafi!
10Waaqayyo gooftaan kee biyya, mandaroota gurguddaa fi gaggaarii warra ati hin ijaarin siif kennuudhaaf abboota kee Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate kanatti yeroo si galchu*,
11manneen mi'a gaggaarii ati itti hin guutiniin guutaman, boolla bishaanii warra ati ofii hin qotin, iddoo dhaabaa waynii fi mukkeetii ejersaa warra ati ofii hin dhaabin yeroo argattu, nyaattees yeroo quuftu*,
12Waaqayyoon isa biyya Gibxii, mana garbummaa keessaa si baase sana akka hin irraanfannetti of eeggadhu*!
13Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaafis hojjedhu, maqaa isaatiinis kakadhu*!
14Ati waaqayyolii biraa, waaqayyolii saba warra naannoo kee jiranii, hin waaqessin!
15Waaqayyo gooftaan kee inni si gidduu jiru, Waaqayyo hinaafaa waan ta'eef, dheekkamsi Waaqayyo gooftaa keetii si irratti akka hin bobaanetti, inni irra lafaa irraa akka si hin balleessinetti of eeggadhu*!
16Waaqayyoon gooftaa kee kanaan dura Maasaatti akka qorte isa hin qorin*!
17Ati abboommota, wanta isaaf dhugaa ba'aniif, seerrata Waaqayyo gooftaa keetii warra inni si abboome cimsii eegi!
18Gaarii akka siif ta'utti, biyya Waaqayyo abboota keetiif kennuudhaaf kakate sanattis galtee qabeenya kee akka isa godhattuuf, ati wanta qajeelaadhaa fi Waaqayyo duratti gaarii ta'e godhi!
19Waaqayyo akkuma jedhe diinota kee hundumaa si duraa ari'ee in baasa*.
20Gara fuula duraattis ilmi kee, ?Wanti isaaf dhugaa ba'u, seerranni, wanti qajeelaa ta'es inni Waaqayyo gooftaan keenya si abboome kun maal fa'i?? jedhee yoo si gaafate*,
21ati immoo ilma keetiin, ?Nuyi biyya Gibxiitti garboota mootii biyya sanaa turre; Waaqayyo garuu irree jabaadhaan biyya Gibxii nu baase*;
22Waaqayyo milikkita, dinqii gurguddaadhaa fi sodaachisaa biyya Gibxii irratti, mootii Gibxii irratti warra mana isaa keessa jiraatan irrattis fidee ija keenya duratti argisiise.
23Inni biyya isa abboota keenyaaf kennuudhaaf kakuudhaan abdachiise sana nuuf kennee, itti nu galchuudhaaf achi keessaa nu baase.
24Waaqayyo egaa yeroo hundumaa gaarii akka nuuf ta'uuf, innis akkuma har'aa kana jireenyatti akka nu eeguuf, nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya akka sodaannutti, seerrata isaa kana hundumaa eeguu nu abboome*.
25Nuyis akkuma inni nu abboometti, Waaqayyo gooftaa keenya duratti abboommii isaa kana hundumaa gochuudhaaf yoo of eegganne, qajeelummaatti nuuf in lakkaa'ama? in jetta.