Seera Keessa Deebii 7:1-26 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo gooftaan kee biyya ati itti galtee qabachuuf jirtutti yommuu si geessu, biyyicha keessaa Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwota, Yibusoota saba si caalaa bay'atanii fi jajjabaatan, saba baay'ee kana torban si duraa oofee in baasa*.

2Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa isaan yommuu buusu, atis isaan yommuu rukuttu, hunduma isaanii ajjeesi malee, isaanii wajjin kakuutti hin galin, oo'as isaan hin argisiisin!

3Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin*!

4Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba'a, dafees si balleessa.

5Kanaaf ati iddoo aarsaa isaanii diigi, utuboota dhagaa qulqullaa'aatti ilaalaman sanas caccabsi, mukkeetii isaan qiqqirixanii waaqayyittii tolfamtuuf dhaabanis jigsi! Bifa fakkeenya isaaniis ibiddaan gubi! Kunoo, akkas isaan godhi*!

6Ati Waaqayyo gooftaa keetiif saba qulqullaa'aa dha; Waaqayyo gooftaan kee akka ati addaan baatee saba dhuunfaa isaa taatuufitti, saba biyya lafaa irra jiran hundumaa keessaa si fo'ateera*.[39]

7Waaqayyo sababii ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsatti baay'attuuf si jaallate yookiis si fo'ate miti, ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsatti muraasa*.

8Waaqayyo garuu waan si jaallateef kakuu abboota keetiif kakates waan eeguu barbaadeef, irree jabaadhaan mana garbummaa keessaa, harka Fara'oon mootii Gibxii jalaa si fure*.

9Egaa Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyoo dha, isa beeki! Inni Waaqayyo amanamaa dha; inni warra isa jaallatanii abboommii isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa in eega, gaarummaa isaas isaan in argisiisa*.

10Warra isa jibban garuu isaan balleessuudhaan gatii isaanii mataa isaaniitti in deebisa; inni warra isa jibbanitti achumaan dafee gatii isaanii mataa isaaniitti in deebisa*.

11Egaa ati abboommii, seerrata, wanta qajeelaa ta'es warra ani har'a si abboomu kana eegi![40]

12Waan qajeelaa ta'e kana gaarii gootee yoo eegde, Waaqayyo gooftaan kee abboota keef isa kakate kakuu isaa siif in eega, gaarummaa isaas si argisiisa*.

13Inni si jaallata, si eebbisa, si baay'isas; inni biyya siif kennuuf abboota keetiif kakate keessatti dhala kee, midhaan maasii kee keessaa, waynii kee, dhadhaa ejersaa kee in eebbisa; saawwan kee fi bushaayee kee siif baay'isuudhaan si eebbisa.

14Ati saba hundumaa caalaa in eebbifamta; nama kee keessaa dhiirris dubartiinis dhalla kan dhabu, saawwan kee keessaas kan maseenu hin jiru.

15Waaqayyo dhukkuba hundumaa sittii in qaba; inni dhukkuba hamaa ati biyya Gibxiitti beektu sana warra si jibban hundumaatti fida malee, sitti hin fidu*.

16Saba Waaqayyo gooftaan kee dabarsee sitti kennu hundumaa balleessi malee, isaaniif hin oo'in! Kiyyoo waan sitti ta'uuf waaqayyolii isaaniif hin hojjetin*![41]

17Ati, ?Sabni kun lakkobsatoo ana caalu attamittan achii isaan baasa ree?? jettee garaa keetti in yaadda ta'a;

18garuu wanta Waaqayyo gooftaan kee Fara'oonii fi warra Gibxii hundumaa irratti hojjete ba'eessa godhii yaadadhu malee, isaan hin sodaatin!

19Ati yaalii isa guddaa ija keetiin argite sana, milikkita, dinqii, harka jabaa, irree ol fuudhamaas isa Waaqayyo gooftaan kee ittiin si baase sana yaadadhu! Waaqayyo gooftaan kee saba ati amma sodaattu kana hundumaas akkasuma in godha*.

20Kanuma irratti iyyuu warri hafanii si duraa dhokatan hamma balleeffamanitti Waaqayyo gooftaan kee soonsa isaanitti in erga*.

21Waaqayyo gooftaan kee, Waaqayyo inni guddaanii fi sodaatamaan sun sii wajjin waan jiruuf isaan hin sodaatin!

22Waaqayyo gooftaan kee saba kana irraa jalaan si duraa oofee in baasa, bineensi akka sitti hin baay'annetti immoo hunduma isaanii al tokkoon hin balleessin!

23Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa isaan in buusa; hamma isaan dhumanittis badiisa guddaa isaanitti in fida.

24Inni mootota isaanii harka kee keessa in buusa; maqaa isaaniis waaqa jalaa in balleessita; namni tokko illee si dura dhaabachuu hin danda'u, ati isaan in balleessita.

25Bifa fakkeenya waaqayyolii isaanii ibiddaan gubi! Inni kiyyoo akka sitti hin taanetti warqee fi meetii waaqayyolii isaaniitti uffifame hin hawwin! Inni Waaqayyo gooftaa kee duratti ciigga'amaa waan ta'eef, isa hin fudhatin!

26Inni abaaramaa waan ta'eef, atis akkuma isaa abaaramaa akka hin taanetti raawwattee isa ciigga'i, isa tuffadhus malee, wanta ciiggaasisaa mana keetti hin galchin![42]

ticle>