Seera Keessa Deebii 8:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas isin akka jiraattaniif, akka baay'attaniif, biyya Waaqayyo abboota keessaniif kennuudhaaf kakuudhaan abdachiise sanattis galtanii qabeenya keessan akka godhattaniif, isin of eeggadhaatii abboommii ani har'a isin abboomu hundumaa eegaa*!

2Waaqayyo gooftaan keessan gad isin deebisuudhaaf garaa keessan keessa waan ture, abboommii isaa in eegduu fi hin eegdanii keessan beekuudhaaf, qoree isin ilaaluudhaafis jedhee, karaa inni lafa onaa sana keessa waggaa afurtama kana isin adeemsisaa ture yaadadhaa*!

3Yommus namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'uun malee, buddeena duwwaadhaan akka hin jiraanne isin barsiisuudhaaf, inni isin beelessee gad isin deebise; kana booddee immoo maannaa, isa isin abboonni keessanis hin beekin isin soore*.

4Waggaa afurtamman kanas uffanni keessan isin irratti hin dhumne, miilli keessan hin iitofne*.

5Egaa namni ilma isaa akkuma adabatu, Waaqayyo gooftaan keessanis immoo isin adabachuu isaa garaatti qabadhaa*![43]

6Egaa karaa isaa irra adeemuudhaan, isa sodaachuudhaanis abboommii Waaqayyo gooftaa keessanii eegaa!

7Waaqayyo gooftaan keessan biyya gaariitti, isa dachaan isaa fi tulluun isaa burqaa bishaanii, ijoo bishaanii fi bishaan lafa jalaa qabutti isin in galcha.

8Biyyichi biyya qamadii, biyya garbuu, biyya mukkeetii waynii, biyya mukkeetii harbuu, biyya rumaanii, biyya mukkeetii ejersaa fi biyya dammaa ti.

9Biyya ati utuu hin beela'in buddeena nyaattu, biyya ati keessatti waan tokko illee hin dhabnee dha; dhagaan biyyichaa sibiila qaba, tulloota isaa keessaas sibiila diimaa qottee in baafta.

10Atis nyaattee in quufta, biyya gaarii inni siif kenne sanaafis Waaqayyoon gooftaa kee ulfinaan in jajatta.

11Egaa ati abboommii isaa, wanta qajeelaa ta'e, seerrata isaas warra ani har'a si abboomu eeguu dhiisuudhaan, Waaqayyoon gooftaa kee akka hin irraanfannetti of eeggadhu*!

12Kanaa achi ati yeroo nyaattee quuftu, manneen gaggaariis ijaarrattee yeroo keessa jiraattu,

13saawwan kee fi bushaayeen kee yeroo wal horan, meetiin kee fi warqeen kee yeroo baay'atu, wanti ati qabdu hundinuus yeroo guddatu,

14yommus ati garaa keetti ol of qabuu in jalqabda, Waaqayyoon gooftaa kee isa biyya Gibxii mana garbummaa sana keessaa si baases in irraanfatta.

15Inni isa si geggeessee lafa onaa bal'aa fi sodaachisaa, lafa gogaa bishaan hin qabne, lafa bofni hadhaa qabuu fi torbaanqabaan kan keessa guute sana keessa si dabarsee dha, isa dhagaa qarsaa keessaa bishaan siif baasee dhas*;

16isa gad si deebisuudhaaf, qorees si ilaaluudhaaf, gara dhumaatti immoo gaarii siif gochuudhaaf lafa onaa keessatti, maannaa wanta abboonni kee iyyuu hin beekne si sooree dha*.

17Kanaaf garaa keetti, ?Humna koo fi jabina irree kootu badhaadhummaa kana anaaf kenne? in jetta ta'a.

18Garuu Waaqayyo gooftaan kee akkuma har'a godhe kana, kakuu isa abboota kee abdachiise cimsuudhaaf jedhee, ati badhaadhummaa akka argattuuf, humna waan siif kennuuf isa yaadadhu*![44]

19Ati Waaqayyoon gooftaa kee irraanfattee, waaqayyolii warra kaan duukaa buutee isaaniif yoo hojjette, yoo sagaddeefis garuu, raawwattee akka ati baddu, ani har'a sitti dhugaa nan ba'a.

20Ati Waaqayyo gooftaa keef dhaga'uu waan hin jaallatiniif, akkuma saba warra Waaqayyo fuula kee duraa balleessee atis akkasuma in badda.

ticle>