Seera Keessa Deebii 9:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Dhaga'i yaa Israa'el! Ati har'a mandara gurguddaa dheerinni dallaa isaanii waaqa keessa ga'u saba warra kaan warra guddinaa fi humnaan si caalan irraa fudhachuudhaaf laga Yordaanos in ceeta*.

2Jarri sunis sanyii Aanaaqotaa ti; isaan jajjaboodhaa fi dhedheeroo dha; ati iyyuu isaan in beekta, waa'ee isaaniifis, ?Eenyutu sanyii Aanaaq dura dhaabachuu danda'a?? jedhamee akka dubbatamu dhageesseetta*.

3Egaa har'a inni akka ibidda xaph godhutti si dura adeemu Waaqayyo gooftaa kee akka ta'e beeki! Inni si duraa isaan in balleessa, harka kee jalas isaan in galcha; yommus ati akkuma Waaqayyo si abdachiisetti biyya keessaa isaan in baafta, daftees isaan in fixxa*.[45]

4Yommuu Waaqayyo gooftaan kee isaan si duraa ari'ee baasu, ati immoo, ?Waaqayyotu qajeelina koof jedhee akka ani biyya kana qabadhuuf as ana galche? jettee garaa keetti hin yaadin! Waaqayyo gooftaan kee garuu sabni kun jal'oota waan ta'aniif, si duraa oofee isaan in baase.

5Waaqayyo gooftaan kee saba kana jal'ina isaatiif jedhee si duraa oofaa waan jiruuf, biyya kana qabachaa jirta malee, qajeelina kee yookiis gara-tolina keetiif miti; Waaqayyo isa abboota kee Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate sana fiixaan baasuudhaaf kana in godha*.

6Waaqayyo gooftaan kee sababii qajeelina keef biyya gaarii kana akka qabattuuf akka siif hin kennin egaa beeki! Ati dhuguma saba boqu-jabeessa.[46]

7Ati lafa onaa keessatti Waaqayyo gooftaa kee attam akka aarsite yaadadhu, hin irraanfatinis! Gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma guyyaa iddoo kanatti galteetti Waaqayyo irratti ka'aa turte.

8Ati Waaqayyoon Siinaatti iyyuu aarsinaan, inni sitti dheekkamee si balleessuuf yaade.

9Yommuu ani gabatoota dhagaa, gabatoota kakuu isa Waaqayyo wanta sii wajjin kakuutti gale irratti caafe sana fuudhuudhaaf gara tullichaatti ol ba'e, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tullicha irra nan taa'e; yeroo sana ani buddeena hin nyaanne bishaanis hin dhugne*.

10Waaqayyo yommus gabatoota dhagaa lamaan warra quba isaatiin irratti caafe sana anatti in kenne; dubbiin Waaqayyo gaafa isin walitti qabamtan sana tullicha irraa ibidda gidduudhaa isinitti dubbate hundinuu isaan irratti caafamanii jiru turan*.

11Waaqayyo guyyaan afurtamnii fi halkan afurtamni erga dhumee booddee, gabatoota dhagaa lamaan, gabatoota kakuu sana anatti in kenne.

12Gaafas Waaqayyo, ?Jarri kee warri ati biyya Gibxii baafte in manca'an, dafanii karaa ani isaan abboome irraa jal'atanii, bifa baqfamaa in tolfatan; kanaaf ka'i, ariifadhuu gad bu'i!? naan jedhe.[47]

13Ammas Waaqayyo, ?Ani jara kana argeera, kunoo isaan boqu-jaboota;

14ana dhiisi, maqaa isaanii waaqa jalaa haxaa'ee nan balleessa; sin immoo saba isaan caalaa jabaatuu fi baay'atuuf abbaa nan godha? jedhee anatti in dubbate.

15Yommus ani ibiddi tullicha irraa utuu boba'aa jiruun deebi'ee gabatoota kakuu sana lamaan harka lachuutti baadhee, tullicha irraa gad bu'e.

16Yeroon ilaale, kunoo, akka isin Waaqayyo gooftaa keessan yakkitan, bifa baqfamaa akka jabbiitti tolfattanii, karaa Waaqayyo isin abboome irraas daftanii akka jal'attan nan arge.

17Ani kana irrattan ija keessan duratti gabatoota sana lamaan of harkaa darbadhee caccabse.

18Sababii isin Waaqayyoon tuttuqxanii aarsuudhaan isa duratti hamaa gootanii, cubbuu hundumaa hojjettaniif ani ammas deebi'ee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama fuula Waaqayyoo duratti addaan nan gombifame; yeroo sana ani buddeena hin nyaanne, bishaanis hin dhugne*.

19Waaqayyo aaree isin balleessuudhaaf waan isinitti qophaa'eefan, ani aarii isaa fi dheekkamsa isaa sodaadhe; Waaqayyo garuu ammas immoo anaaf in dhaga'e*.

20Yommus Waaqayyo baay'isee Aaronitti dheekkame, isa ajjeesuus in barbaade; ani garuu achumaan Aaroniifis immoo nan kadhadhe.

21Dibbicha keessan isa isin tolfattanii cubbuu isinitti ta'e sana fuudheen ibiddaan gubee caccabsee, hamma inni awwaara ta'utti daakee, awwaara isaa immoo bishaan tulluu jalaa gad yaa'utti naqe.[48]

22Isin immoo Tabeeraatti, Maasaatti, Qibrot-Hatawaattis Waaqayyoon in aarsitan*.

23Yommuu Waaqayyo, ?Dhaqaatii biyya ani isiniif kenne qabadhaa!? jedhee, Qaadesh-Barne'aadhaa isin erge; isin immoo abboommii Waaqayyo gooftaa keessan irratti kaatan, isa hin amanne, isaafis hin dhageenye*.

24Erga gaafa inni isinii wajjin wal bareetii jalqabee isin Waaqayyo irratti ka'uu hin dhiifne.[49]

25Sababii Waaqayyo ?Isinan balleessa? isiniin jedheefan, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamman sana fuula Waaqayyoo duratti addaan gombifame*.

26Yommus ani Waaqayyoon kadhadhee, ?Yaa Waaqayyo gooftaa, saba dhuunfaa kee warra ati humna kee isa guddaadhaan furte, irree jabaadhaanis biyya Gibxii baafte kana hin balleessin!

27Ati hojjetoota kee Abrahaamii fi Yisihaqiin, Yaaqoobiinis yaadadhu malee, boqu-jabinaa fi jal'ina yookiis cubbuu saba kanaa hin ilaalin!

28Kanaa achi warri ati biyya isaaniitii nu baafte, ?Waaqayyo biyya isaan abdachiisetti isaan galchuu hin dandeenye, inni sababii isaan jibbeef lafa onaatti isaan fixuudhaaf achii isaan baase? in jedhu*.

29Isaan saba kee ti, saba dhuunfaa kee, warra ati humna kee isa guddaadhaa fi irree kee isa jabaadhaan baaftee dha? jedhe.[50]

ticle>