Seera Lakkoobsaa 1:1-54 GAZB1997 - Bible AI

1Namoonni Israa'el biyya Gibxii ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa jalqabaatti Siinaa lafa onaatti, dunkaana itti wal ga'an keessatti Waaqayyo Museetti in dubbate*.

2Inni Museedhaan, ?Guutummaa waldaa namoota Israa'el akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti dhiira kan ta'e hundumaa lakkaa'ii maqaa isaanii caafi!

3Namoota Israa'el keessaa dhiirota warra waggaan isaanii digdama guutee fi digdamaa olii, warra lola dhaquu danda'an hundumaa atii fi Aaron akka kutata kutata isaaniitti lakkaa'aa!

4Namni mana abbaa isaatti angafa ta'e gosa hundumaa keessaa tokko tokko isin gargaaruudhaaf isinitti haa dabalamu![1]

5?Maqaan namoota warra isinitti dabalamanii kanatti fufee jira; gosa Ruuben keessaa, Eliizur ilma Shiide'ur;

6?Gosa Shimi'oon keessaa, Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi;

7?Gosa Yihudaa keessaa, Nahishoon ilma Aminaadaab*;

8?Gosa Yisaakor keessaa, Nataani'el ilma Zuwaar;

9?Gosa Zebuloon keessaa, Eliiyaab ilma Helon;

10?Kan ilmaan Yoseef immoo gosa Efreem keessaa, Eliishaamaa ilma Amiihud, gosa Minaasee keessaa immoo Gamaali'el ilma Phedaazur;

11?Gosa Benyaamiin keessaa, Abiidaan ilma Gidewoonii;

12?Gosa Daan keessaa, Ahii'ezer ilma Amiishadaayi;

13?Gosa Asheer keessaa, Fagi'el ilma Okraan;

14?Gosa Gaadi keessaa, Elii'aasaaf ilma Deu'el[2];

15?Gosa Niftaalem keessaa, Ahiiraa ilma Enaan? jedhe.[3]

16Warri waldicha keessaa mana abboota isaaniitti geggeessitoota qomoo fi dura-buutuu kumaatama Israa'el ta'anii fo'aman isaan kana turan.

17Museenii fi Aaron namoota warra maqaan isaanii dha'ame kana fudhatanii,

18ji'a lammaffaa keessaa guyyaa jalqabaatti, guutummaa waldichaa walitti qabanii, dhiirota warra waggaa digdamaa fi warra digdamaa olii, akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokkon tokkon isaanii in caafan.

19Akkuma Waaqayyo isa abboometti, Museen Siinaa lafa onaa keessatti isaan in lakkaa'e.

20Gosa Ruuben ilma Yaaqoob isa angafaa keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

21Gosa Ruuben keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii ja'aa fi dhibba shan turan.

22Gosa Shimi'oon keessaa dhiironni warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti tokko tokkoon in caafaman.

23Gosa Shimi'oon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sagalii fi dhibba sadii.

24Gosa Gaadi keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

25Gosa Gaadi keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'aa fi shantama.

26Gosa Yihudaa keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

27Gosa Yihudaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma torbaatamii afurii fi dhibba ja'a.

28Gosa Yisaakor keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

29Gosa Yisaakor keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii afurii fi dhibba afur.

30Gosa Zebuloon keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

31Gosa Zebuloon keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur.

32Kan ilmaan Yoseef immoo, gosa Efreem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

33Gosa Efreem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamaa fi dhibba shan.

34Gosa Minaasee keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

35Gosa Minaasee keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii lamaa fi dhibba lama.

36Gosa Benyaamiin keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

37Gosa Benyaamiin keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma soddomii shanii fi dhibba afur.

38Gosa Daan keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

39Gosa Daan keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma jaatamii lamaa fi dhibba torba.

40Gosa Asheer keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

41Gosa Asheer keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan.

42Gosa Niftaalem keessaa namoonni waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, lola dhaquu kan danda'an hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in caafaman.

43Gosa Niftaalem keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii sadii fi dhibba afur.

44Warri Museenii fi Aaron angafoota kudha lamaan warra gosa gosa isaanii keessaa fo'amanii geggeessitoota Israa'el ta'anii wajjin lakkaa'an isaan kana.

45Namoota Israa'el keessaa warri waggaan isaanii digdama guutee fi warri waggaa digdamaa olii, biyya Israa'el keessaa lolaaf ba'uu kan danda'an hundinuu akka mana mana abbaa isaaniitti in lakkaa'aman.

46Warri lakkaa'aman hundinuu kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama turan*.[4]

47Maatiin gosa Lewwii garuu warra kanaa wajjin hin lakkaa'amne.

48Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru Museetti dubbatee ture.

49Inni Museedhaan, ?Ati gosa Lewwii hin lakkaa'in, lakkoobsa isaaniis isa kan namoota Israa'el warra kaaniitti hin dabalin*!

50Qooda kanaa, warra Lewwootaa hojii dunkaana dhuga-baatuu sana, mi'a dunkaanicha keessaa fi waanuma kan dunkaanichaa ta'e hundumaa eeguutti isaan fo'i! Isaan dunkaanichaa fi mi'a isaa hundumaa haa baatan, naannoo isaa buufataniis isa haa eegan*!

51Yeroo adeemuuf ka'an, warri Lewwoonni dunkaanicha haa buqqisan! Yommuu buufachuuf jedhanis isaanumti haa dhaaban! Isaan irraa kan hafe namni kan biraa dunkaanichatti yoo dhi'aate haa ajjeefamu*!

52Namoonni Israa'el yommuu buufatan adduma addaan akka iddoo buufata isaaniitti, akka faajjii isaaniitti, akka kutata loltuu isaaniittis dunkaana in dhadhaabbatu.

53Dheekkamsi waldaa namoota Israa'elitti akka hin dhufnetti, warri Lewwootaa naannoo godoo dhuga-baatuu sanaa haa buufatan! Godicha dhuga-baatuu isa itti gaafataman sanas haa eegan!? jedhe*.

54Namoonni Israa'el waan hundumaa akkuma Waaqayyo Musee abboometti in godhan.[5]

le>