Seera Lakkoobsaa 11:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Jarri guungummii hamaa Waaqayyo irratti in guunguman; inni kana yommuu dhaga'e dheekkamsi isaa in boba'ee, ibiddi isaas isaan gidduudhaa ka'ee buufata isaanii bukkee gara tokkootiin in gube*.

2Yommus jarri gara Museetti in iyyan; Museen Waaqayyoon erga isaaniif kadhatee immoo ibiddichi in dhaame.

3Ibiddi Waaqayyoo isaan gidduudhaa waan boba'eef, maqaa iddoo sanaa ?Tabeeraa? jedhee in moggaase; [?Tabeeraa? jechuun ?Gubachuu? jechuu dha].[29]

4Tuuti garaa garaa isaanii wajjin turanis nyaata kan biraa cimsanii in dharra'an; Israa'eloonni gara galanii boo'anii, ?Eenyutu foon nu nyaachisa*?

5Qurxummii isa biyya Gibxii tola nyaannu sana in yaadanna; dabaaqul, buqqeen dheedhii nyaatamu, wanti akka goodarree, qullubbiin diimaan, qullubbiin adiinis ija keenya dura in adeema.

6Amma garuu qoonqoon nu gogeera, maannaadhuma kana malees waan tokko iyyuu hin arginu? jedhan.[30]

7Maannaan kunis haphee urgaa'u kan fakkaatu waan akka ija midhaanii ture*.

8Jarris asii fi achi adeemanii isa funaananii, dhagaa daakuutti daakanii yookiis moonyeetti tumanii xuwweetti in affeellatu, bixxillee isaas in bixxillatu turan; innis akka buddeena dhadhaa ejersaatiin tolfamee in miyaa'a ture.

9Halkan fixeensi iddoo buufataa irratti yommuu gad bu'u, maannaanis gad in bu'a ture.[31]

10Jarri akka maatii maatii isaaniitti balbala balbala godoo isaanii duratti utuu boo'anii Museen in dhaga'e; yommus dheekkamsi Waaqayyoo guddaa in boba'e; kana irratti Museen in rakkate.

11Museen kana booddee Waaqayyoon, ?Maaliif rakkina kana ana garbicha kee irratti fidde? Ani maaliifan si duratti faara tolaadhaan ilaalamuu dhabe? Maaliifis ba'aa jara kanaa ana irra keessa?

12Jara kana hundumaa anatu ulfaa'ee da'e moo? Maaliif ati ?Akka guddiftuun mucaa harma hootu qomatti qabattutti qabadhuutii biyya isa ani kakuudhaan abboota isaanii abdachiisetti isaan galchi!? naan jetta?

13Jarri kun, ?Foon nyaannu nuuf kenni!? jedhanii anatti in boo'u; egaa isaan kana hundumaaf foon eessaa fuudheen kenna ree?

14Jarri kun akka ba'aa baay'ee ulfaataa anatti waan ta'aniif, ani kophaa koo isaan baachuu hin danda'u.

15Ati akkas na goota yoo ta'e ammuma na ajjeesi! Ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e garuu, hamaa anatti dhufu ana hin argisiisin!? jedhe.

16Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Maanguddoota Israa'el keessaa warra jaarsolii fi geggeessitoota sabaa ta'uun isaanii si biratti beekame nama torbaatama walitti anaaf qabiitii, gara dunkaana wal ga'iitti isaan geessi! Isaan sii wajjin achi haa ijaajjan!

17Ani dhufee achitti sii wajjin nan dubbadha, hafuura isa si irra jiru irraas waa fuudhee isaan irra nan kaa'a, ati ofii keetii kophaa kee ba'icha akka hin baannetti isaanis baachuu isaa si gargaaru? jedhe.

18Saba kanaanis, ?Isa isin, ?Biyya Gibxiitti illee nutti tolee ture amma garuu eenyutu foon nyaannu nuuf kenna?? jettanii boossan Waaqayyo dhaga'eera; amma foon in nyaattuutii boriif of qulleessaa! Inni foon isiniif in kenna, isinis in nyaattu.

19Isas guyyaa tokko yookiis guyyaa lama yookiis guyyaa shan yookiis guyyaa kudhan yookiis guyyaa digdama duwwaa nyaattu miti.

20Sababii isin Waaqayyoon isa isin gidduu jiru tuffattanii isa durattis boossanii, ?Maaliif biyya Gibxiitii baane?? jettaniif ji'a guutuu hamma inni funyaaniin isin ba'utti, hamma nuffitanittis in nyaattu? jedhi!

21Museen immoo Waaqayyoon, ?Kunoo namoonni anaa wajjin jiran warri ati, ?Ani ji'a guutuu foon akka isaan nyaataniif nan kennaaf? jettee, lafoon kumaatama dhibba ja'a;

22utuma karri bushaayee fi saawwanii qalamaniifii iyyuu kun wal in ga'aa ree? Qurxummoonni galaana keessa jiran hundinuu utuu qabamaniifii iyyuu wal isaan in ga'aa ree?? jedhe*.

23Waaqayyo immoo, ?Harki koo gabaabaadhaa ree? Amma ati dubbiin koo dhugaa in ta'aaf hin ta'uu isaa in argita? jedhee Museetti in dubbate*.

24Kana irratti Museen gad ba'ee wanta Waaqayyo isatti dubbate sabatti in hime; saba sana keessaas maanguddoota torbaatama walitti qabee naannoo dunkaanichaa isaan in dhaabe.

25Yommus Waaqayyo duumessa keessaan gad bu'ee, Museetti in dubbate; hafuura isa Musee irra ture irraas waa fuudhee maanguddoota torbaatama irra in kaa'e; isaanis yommuu hafuurri isaan irra boqote raajii in dubbatan, garuu itti fufanii ergasii raajii hin dubbanne.[32]

26Haa ta'u iyyuu malee, warra lakkaa'aman torbaataman sana keessaa namoonni Eldaadii fi Medaad jedhaman lamaan iddoo buufataatti hafan malee, gara dunkaanichaa hin dhaqne; isaan irras immoo hafuurri boqonnaan iddoodhuma buufataa sana keessatti raajii in dubbatan.

27Dargaggeessi tokko gara Museetti fiigee, ?Eldaadii fi Medaad iddoo buufataa keessaa raajii dubbachaa jiru? jedhee itti hime.

28Kana irratti Iyaasuun ilmi Nun inni ijoollummaa isaatii jalqabee gargaartuu Musee ture, ?Yaa Musee gooftaa ko! Jara kana dhowwi!? jedheen.

29Museen garuu, ?Ati anaaf hinaafta moo? Maaloo sabni Waaqayyoo guutummaatti utuu raajota ta'anii, Waaqayyos hafuura isaa utuu isaan irra kaa'e!? jedhee deebiseef*.

30Kana booddee Musee fi jaarsoliin Israa'el gara iddoo buufataatti in deebi'an.[33]

31Waaqayyo qilleensa ergee gara galaanaatii dimbiriqqee oofee gara iddoo buufataatti in fide; naannoo buufata sanaa karaa hundumaan fageenyi isaa adeemsa guyyaa tokkoo kan ta'u, yabbinni isaa immoo lafa irraa dhundhuma lama kan ta'u isaan in tuule*.

32Sabnis guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuu, borumtaa isaas gad yaa'anii dimbiriqqee sana in bu'atan; tokkon tokkon isaanii omeerii kudhanii gad walitti hin qabanne; isa walitti qabatan sanas naannoo buufata sanaa in afatan.

33Garuu utuma foonichi afaan isaanii keessa jiruu, utuma isaan isa hin alalfatin dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti boba'e; Waaqayyo dha'icha guddaadhaan isaan in dha'e.

34Sababii jarri nyaata kan biraa dharra'anii achitti awwaalamaniif maqaan iddoo sanaa ?Qibrot-Hatawaa? jedhame; innis ?Awwaala dharraa? jechuu dha.

35Sabni kunis Qibrot-Hatawaatii ka'ee gara Haseroot dhaqee achi in taa'e.[34]

cle>