1Miiryaamii fi Aaron sababii Museen intala warra Kuush fuudheef isa irratti ka'anii,
2?Waaqayyo Museedhuma duwwaatti dubbatee? Nuttis immoo dubbateera mitii?? jedhan; Waaqayyo yommus kana in dhaga'e.
3Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture.
4Waaqayyo achumaan Museedhaan, Aaroniin, Miiryaamiinis, ?Isin sadanuu ba'aatii gara dunkaana itti wal ga'aniitti kottaa!? jedhe; yommus sadanuun isaanii ba'anii in dhaqan.
5Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad bu'ee balbala dunkaana sanaa irra dhaabatee, Aaronii fi Miiryaamin waame; isaan lachanuus in dhi'aatan.
6
7
8
9Waaqayyo yommus baay'ee isaanitti aaree isaan duraa in adeeme.
10Yommuu duumessichi dunkaanicha irraa ka'e Miiryaam lamxi'amtee adii akka booralee taate; Aaron gara galee Miiryaamin yommuu ilaale, kunoo isheen lamxi'amtee in arge*.
11Aaron kana irratti Museedhaan, ?Yaa gooftaa ko! Hadaraa cubbuu isa nuyi gowwummaatti hojjenne kana nutti hin lakkaa'in!
12Maaloo akka wanta du'ee dhagni isaa erga tortoree gadameessa haadhaa keessaa ba'uu ishee hin godhin!? jedhe.
13Museen yommus gara Waaqayyootti iyyee, ?Yaa Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi!? jedhee in kadhate.
14Waaqayyo immoo Museedhaan, ?Abbaan ishee fuula isheetti yoo tufe isheen guyyaa torba hin yellaatuu ree? Amma isheen guyyaa torba iddoo buufataa sana duuba haa turtu, kana booddees iddoo buufataa sanatti deebitee ol haa galtu!? jedhe*.
15Kana irratti Miiryaam guyyaa torba iddoo buufataa sana duuba turte; hamma Miiryaam deebitee iddoo buufataatti ol galtutti sabni achii ka'ee hin adeemne.
16Kana booddee garuu sabni sun Haserootii ka'ee Phaaraan lafa onaa keessa in buufate.