1Waaqayyo ammas Museedhaan,
2?Biyya Kana'aan isa ani Israa'elootaaf kennuuf jiru sana dhaqanii akka gaaddaniif, abboota gosaa keessaa geggeessituu tokko tokko ergi!? jedhe.
3Museen yommus akkuma abboommii Waaqayyootti Phaaraan lafa onaadhaa isaan in erge; hundumti isaanii dura-buutuu namoota Israa'el turan.
4Maqaan isaaniis kanatti fufee kan jiruu dha;
5gosa Shimi'oon keessaa, Shaafaat ilma Horii;
6gosa Yihudaa keessaa, Kaaleb ilma Yofunee;
7gosa Yisaakor keessaa, Yigaal ilma Yoseef;
8gosa Efreem keessaa, Hoshe'a ilma Nun;
9gosa Benyaamiin keessaa, Phaaltii ilma Raafuu;
10gosa Zebuloon keessaa, Gaadi'el ilma Sodii;
11gosa Minaasee ilma Yoseef keessaa, Gadii ilma Susii;
12gosa Daan keessaa, Amii'el ilma Gemaalii;
13gosa Asheer keessaa, Sexur ilma Mikaa'el;
14gosa Niftaalem keessaa, Nahibii ilma Wofsii;
15gosa Gaadi keessaa, Geu'el ilma Maakii.
16Maqaan namoota Museen dhaqanii biyyicha akka gaaddaniif erge isa kana; Museen Hoshe'a ilma Nun ?Iyaasuu? jedhee in moggaase.
17Museen biyya Kana'aan akka gaaddaniif yommuu isaan erge, ?Karaa gara mirgaa biyyattii, gara biyya gaarotaattis ol ba'aatii,
18biyyichi attam akka ta'e ilaalaa! Namoonni achi keessa jiraatanis jajjaboo yookiis dadhaboo, baay'ee yookiis muraasa akka ta'an,
19biyya attamii keessas akka jiraatan, biyyichi gaarii yookiis gadhee mandaroonni isaan keessa jiraatanis masaraa qabuu fi hin qabanii isaanii,
20lafti biyya sanaas coomaa yookiis qoddii ta'uu isaa, mukti akka irra jiru yookiis akka irra hin jirre hubadhaa! Amma yeroon kun yeroo iji waynii inni dura bilchaatu itti ga'u waan ta'eef, itti jabaadhaatii ija muka biyya sanaa keessaa waa fidaa kottaa!? isaaniin jedhe.
21Kanaaf isaanis ol ba'anii Siin lafa onaadhaa kaasanii hamma Rehoob isa karra mandara Haamaatitti dhi'oo jiruutti biyyicha in gaaddan;
22isaan karaa gara mirgaa biyyatiitti ol ba'anii gara Kebroon in dhufan; achis Ahimaanii fi Sheshaayi, Talmaayis ilmaan Aanaaq in jiraatu turan; mandarri Kebroon ijaaramuun isaa waggaa torba mandara Zo'aan isa biyya Gibxii keessaa sana dura jira.
23Namoonni sunis gara dachaa Eshkol yommuu dhufan damee hurbuu waynii kutanii danqaraa keessa baasanii, lama ta'anii wasaasaa baatanii rumaanii fi ija harbuu wajjin in fidan; [?Eshkol? jechuun ?Hurbuu waynii? jechuu dha].
24Sababii Israa'eloonni damee hurbuu waynii achii kutaniif iddoon sun ?Dachaa Eshkol? jedhamee moggaafame.
25Isaan guyyaa afurtamaaf biyyicha gaadaa turanii in deebi'an.
26Erga deebi'anii Qaadesh isa Phaaraan lafa onaa keessaatti gara Musee fi Aaron, gara guutummaa waldaa Israa'el dhufanii waa'ee biyyichaa isaanitti himanii ija mukaa biyya sanaas isaanitti in argisiisan*.
27Isaanis Museetti, ?Nuyi biyya ati itti nu ergite sana dhaqneerra; inni biyya aannanii fi damma baasuu dha; ilaa, wanti inni baasu kunoo ti!
28Garuu namoonni biyya sana keessa jiraatan jajjaboo dha; mandaroonni isaaniis masaraa qabu, baay'ee gurguddaa dhas; nuyi ijoollee Aanaaqis achitti argineerra.
29Warri Amaaleqootaa biyya gara mirgaa sana keessa jiraatu, warri Heetotaa, warri Yibusootaa fi Amoorotaa biyya gaaraa irra jiraatu; warri Kana'aanotaa immoo qarqara galaanaatii fi Yordaanos bukkee jiraatu? jedhanii himan.
30Yommus Kaaleb Musee duratti sabni kun calluma akka jedhu godhee, ?Nuyi ol baanee biyyicha in qabanna; nuyi dhugumaan kana gochuu in dandeenya? jedhe.
31Namoonni warri isaa wajjin ol ba'anii turan immoo, ?Isaan nu caalaa jajjaboo waan ta'aniif, nuyi isaan rukutuu hin dandeenyu? jedhan.
32Itti fufaniis waa'ee biyyicha isa gaadanii turaniitiif Israa'eloota gidduutti oduu gadhee odeessuutti ka'anii, ?Biyyi nuyi dhaqnee gaadne sun, biyya, warra isa keessa jiraachuuf dhaqu fixuu dha; namoonni nuyi achitti argine hundinuus dhedheeroo dha.
33Nuyi achitti namoota hojjaadhaa fi humnaan nama caalan ilmaan Aanaaq argineerra; nuyi ofuma keenyatti iyyuu qorophisa fakkaanne, isaan durattis akkasuma taane? jedhan.