1Halkan sana guutummaan waldaa sagalee isaa ol fudhatee iyyee in boo'e.
2Waldaan Israa'el guutummaatti Museedhaa fi Aaron irratti guungumanii, ?Uu! Uu! Nuyi biyya Gibxiitti yookiis as lafa onaa kana keessatti utuu dhumneerra ta'ee*!
3Waaqayyo maaliif billaadhaan akka dhumnuuf gara biyya kanaatti nu fide? Dubartoonni keenyaa fi ijoollonni keenya irbaata diinaa ta'uu irra, gara biyya Gibxiitti deebi'uu nuuf hin wayyuu ree?? jedhan*.
4Itti fufaniis, ?Kottaa dura-buutuu fo'annee gara biyya Gibxiitti deebinaa!? waliin jedhan.
5Yommus Musee fi Aaron guutummaa wal ga'ii waldaa Israa'el duratti fuulaan lafatti gad in gombifaman*.
6Warra biyyicha gaadaa turan sana keessaa immoo Iyaasuu ilmi Nunii fi Kaaleb ilmi Yofunee aaranii uffata isaanii of irratti tarsaasanii,
7guutummaa waldaa Israa'eliin, ?Biyyi inni nuyi keessa adeemnee gaadne biyya baay'ee gaarii dha.
8Waaqayyo yoo nutti gammade biyya isa aannanii fi damma baasu kana nuuf kennee itti nu galcha.
9Isin Waaqayyo irratti hin ka'inaa duwwaa malee, namoota biyya sanaa akkuma buddeena keenyaatti isaan in alalfanna! Gaaddisi isaanii isaan irraa sokkeera, nuu wajjin garuu Waaqayyotu jira, kanaaf isaan hin sodaatinaa!? jedhan.
10Guutummaan waldaa sanaas, ?Dhagaadhaan isaan rukunna? jedhan; yommus ulfinni Waaqayyoo dunkaana itti wal ga'an keessaa Israa'eloota hundumaatti in mul'ate*.
11Waaqayyo yeroo sanatti Museedhaan, ?Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu? Utuma ani isaan gidduutti milikkita garaa garaa argisiisaa jiruu, hamma yoomiitti anatti amanuu didu?
12Ani dha'ichaan isaan nan rukuta isaan nan balleessas; siin immoo saba isaan caalaa guddaadhaa fi jabaa nan godha? jedhe*.
13Museen yommus Waaqayyoon, ?Ati humna keetiin saba kana warra Gibxii gidduudhaa baafteetta; warri Gibxiis waan ati saba kana gootu in dhaga'u;
14waa'ee isaas warra biyya kana keessa jiraatanitti in himu; yaa Waaqayyo, ati fuula fuulaan saba kanatti akka mul'atte, saba kana gidduus akka jirtu duumessi kees akka isaan irra ture, ati guyyaa utubaa duumessaatiin halkan immoo utubaa ibiddaatiin akka isaan dura adeemaa turte dhaga'aniiru*.
15Ati saba kana si'uma tokkoon hunduma isaa yoo ajjeefte, sabni warri dur waa'ee kee dhaga'an,
16?Saba kana Waaqayyo biyya isaaf kennuudhaaf kakateefitti galchuu dadhabee lafa onaa keessatti fixe? in jedhu.
17?Yaa Waaqayyo ko, humni kee akka mul'atuuf amma sin kadhadha; ati dur,
18?Ani Waaqayyo aariitti suuta-jedhaa dha, gaarummaan koo guddaa dha, cubbuu fi yakkaa fi irra-daddarbaa namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, nama yakka qabu utuun hin adabin hin dhiisu; ijoollota sababii yakka abboota isaaniitiif hamma dhaloota sadiiitti, hamma afuriittis nan adaba? jetteetta*.
19Ammas akka gaarummaa kee isa guddaatti, akkuma yeroo isaan biyya Gibxii ka'anii jalqabdee hamma ammaatti isaaniif obsitetti, jara kanaaf yakka isaanii akka dhiiftu sin kadhadha!? jedhe.
20Waaqayyo deebisee, ?Akkuma ati kadhattetti ani isaaniif dhiiseera;
21ani jiraataa dha, akkuma ulfinni koo lafa hundumaa guutu*,
22namoota warra ulfina koo fi milikkita garaa garaa isa ani biyya Gibxii fi lafa onaa keessatti argisiise arganii anaaf abboomamuu didanii, si'a baay'ee ana qoran kana keessaa namni tokko illee,
23biyya isa ani abboota isaaniitiif kennuudhaaf kakadheef sana raawwatee hin argu; warra ana tuffatan keessaa namni tokko illee raawwatee isa hin argu*.
24Garuu garbichi koo Kaaleb hafuura kan biraa waan qabuuf, inni garaa isaa guutuudhaan ana duukaa waan bu'eef, ani biyya inni dhaqee ilaale sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas isa in dhaala.
25Warri Amaaleqii fi warri Kana'aan dachaa keessa waan jiraataniif, bor of irra gara galaatii karaa galaana diimaa dhaqu irra gara lafa onaatti adeemaa!? jedhe.
26Ammas Waaqayyo Musee fi Aaroniin,
27?Hamma yoomiittan waldaa jal'aa ana irratti guungumu kanaaf obsa? Ani isa Israa'eloonni ana irratti guunguman dhaga'eera.
28Ati isaaniin, ?Waaqayyo:- Ani jiraataa dha, wanta isin dubbattan dhaga'ee, akkuma sanatti isin irratti nan raawwadha jedhee, Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
29Isin warri lakkaa'amtan, akka lakkoobsa keessanii hundumaatti warri barri keessan waggaa digdamaa fi waggaa digdamaa ol ta'e, warri ana irratti guungumtan as lafa onaa kana keessatti in dhumtu*.
30Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, isin keessaa namni tokko illee biyya isa ani keessa isin jiraachisuudhaaf harka koo ol fuudhee kakadhe sanatti raawwatee hin galu.
31Ijoollee keessan warra isin:- Irbaata diinaa ta'u ittiin jettan sana garuu, biyya isa isin tuffattan sana akka isaan baran nan godha.
32Isin garuu dhumtanii reeffi keessan lafa onaa kana keessatti in hafa.
33Ijoolleen keessan waggaa afurtama lafa onaa kana keessa in jooru, hamma isin hundi keessan lafa onaa keessatti duutanii dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniif achitti in rakkatu.
34Akkuma guyyaa afurtama biyyicha gaaddan, akkasuma guyyaan tokko akka waggaa tokkootti lakkaa'amee waggaa afurtamaaf yakka keessaniif in rakkattu; yommus isin anaan mormuun maal akka fidu in bartu?.
35Ani Waaqayyo kana dubbadheera; waldaa jal'aa walii galee ana irratti ka'e kana irratti kana nan fida; isaan as lafa onaa kana keessatti du'anii in dhumu? jedhe.
36Namoonni warri Museen dhaqanii biyyicha akka gaadaniif erginaan, yommuu achii deebi'an waa'ee biyyichaa oduu gadhee waldaatti himanii akka waldaan Musee irratti guungumu godhan,
37oduu gadhee isa tamsaasan sanaaf dha'ichaan rukutamanii fuula Waaqayyoo duratti in dhuman.
38Namoota warra biyyicha gaaduu dhaqan keessaa Iyaasuu ilma Nunii fi Kaaleb ilma Yofunee duwwaatu hafe.
39Museen dubbii kana Israa'eloota hundumaatti yommuu hime, isaan immoo baay'ee in boo'an.
40Isaan borumtaa isaa ganamaan ka'anii gara fiixee tullichaatti ol ba'anii, ?Nuyi cubbuu hojjenneerra, amma garuu iddoo isa Waaqayyo nu abdachiise sanatti ol in baana? jedhan.
41Museen garuu, ?Wanti isin hojjettan wal isiniif hin qixxaatu, isin maaliif abboommii Waaqayyoo irra daddarbitu?
42Waaqayyo isinii wajjin hin jiru kanaafis ol hin ba'inaa! Kanaa achi isin diinota keessaniin in mo'amtu.
43Warri Amaaleqii fi warri Kana'aan achitti isinitti in dhufu; sababii isin Waaqayyo irraa gara galtanii innis isinii wajjin hin jirreef, isin billaadhaan in dhumtu? jedhe.
44Haa ta'u iyyuu malee, isaan gara tullichaatti ol ba'uudhaaf yaaduma isaaniitti in jabaatan; garuu sanduuqi kakuu Waaqayyoo, Museenis iddoo buufataa keessaa hin kaane.
45Achumaan warri Amaaleqii fi warri Kana'aan warri biyya gaaraa sana irra jiraatan gad isaanitti ba'anii isaan rukutanii gara Hormaatti gad isaan in ari'an.