Seera Lakkoobsaa 17:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas Museedhaan,

2?Israa'elootatti dubbadhuutii, tokkon tokkon maatiitiif akka gosa gosa isaaniitti ulee tokko tokko, walumatti ulee kudha lama geggeessituu gosaa harkaa fuudhiitii maqaa tokkon tokkon isaanii ulee ulee isaanii irratti caafi!

3Abbaan gosaa tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwii irratti maqaa Aaron caafi!

4Uleewwan sanas iddoo dhuga-baatuu sana dura dunkaana itti wal ga'an keessaa lafan itti si argu sana kaa'i*!

5Uleen namicha isa ani fo'adhus in lata; ani immoo guungummii Israa'elootaa isa isaan yeroo hundumaa isin irratti guunguman of irraa nan kuta? jedhe.[57]

6Museenis kana irratti Israa'elootatti in dubbate; geggeessitoonni sabaas akka gosa gosa isaaniitti ulee tokko tokko, walumatti ulee kudha lama isatti in kennan; uleen Aaronis isaan keessaa tokko ture.

7Yommus Museen uleewwan sana godoo dhuga-baatuu keessa Waaqayyo dura in naqe.

8Borumtaa isaas Museen yeroo gara godoo dhuga-baatuutti ol gale, kunoo! Uleen Aaron inni kan mana Lewwii, latee, hudhee, daraarees ija lawuzii bilchaataa godhatee ture;

9Museen uleewwan sana hundumaa fuula Waaqayyoo duraa fuudhee gara guutummaa Israa'elitti gad in baase; isaanis ilaalanii adduma addaan ulee ulee isaanii in fudhatan.

10Waaqayyo ergasii Museedhaan, ?Ulee isa kan Aaron sanduuqa dhuga-baatuu sana duratti deebisi, ulichi warra didanii ka'an sanaaf milikkita haa ta'u! Wanta kanaan isaan akka hin dhumnetti deebi'anii ana irratti akka hin guungumne in goota? jedhe*.

11Museenis akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe.[58]

12Yommus Israa'eloonni Museedhaan, ?Kunoo! Nuyi in duuna, in dhumna, hundumti keenyas in badna!

13Namni tokko illee gara godoo Waaqayyootti yoo dhi'aate in du'a erga ta'ee, egaa nus in dhumnaa ree?? jedhan*.[59]

cle>