Seera Lakkoobsaa 18:1-32 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ergasii Aaroniin, ?Ati ilmaan kee fi manni abbaa keetii sii wajjin yakka iddoo qulqullaa'aa irratti hojjetamuuf in gaafatamtu; atii fi ilmaan kee, yakka lubummaa irratti hojjetamuuf qophaa keessan itti in gaafatamtu*.

2Ati obboloota kee warra sanyii Lewwii warra gosa abbaa keetii sana as dhi'eessi! Isaan sitti dabalamanii yommuu atii fi ilmaan kee dunkaana dhuga-baatuu duraa hojjettan isin haa gargaaran*!

3Isaan wanta ati, ?Itti gaafatamtu? isaaniin jettu haa eegan! Akkasumas wanta guutummaa dunkaanichaatti gaafataman haa eegan! Garuu qodaa iddoo qulqullaa'aa sanaa fi iddoo aarsaatti hin dhi'aatin! Kanaa achi isaan, isinis in dhumtu.

4Isaan sii wajjin wanta dunkaana itti wal ga'an keessatti hojjechuudhaaf itti gaafataman hundumaa haa eegan! Ormi garuu lafa isin jirtanitti hin dhi'aatin![60]

5?Wanta iddoo qulqullaa'aa sanaa fi iddoo aarsaa sanaaf itti gaafatamtan yoo eegdan, deebi'ee dheekkamsi Israa'eloota irra hin ga'u*.

6Ani Waaqayyo kunoo! Lewwoota warra obboloota keessan ta'an Israa'eloota keessaa fudhadhee, hojii dunkaana itti wal ga'an sana keessaa akka hojjetaniif isiniif kenneera*.

7Garuu atii fi ilmaan kee lubummaa keessan eegaatii hojii isa iddoo aarsaatti, golgaa keessattis hojjetamu hundumaa kophaa keessan hojjedhaa! Ani hojii lubummaa kennaa ittiin hojjettan godhee isiniif kenneera; ormi tokko illee iddoo qulqullaa'aa sanatti yoo dhi'aateef haa ajjeefamu!? jedhe*.[61]

8Waaqayyo ammas Aaroniin, ?Ani kunoo! Ofuma kootii akka ati aarsaa sochoofamu isa anaaf dhi'aatu irratti abboomtu godheera; wanta qullaa'aa Israa'eloonni anaaf addaan baasan hundumaa, ga'aa dibamuu keetiif siif ilmaan keef akka ta'utti seerrata dhaabataa godhee kenneera*.

9Wanta hundumaa caalaa qullaa'aa ta'e irraa isa ibiddaan hin gubamne ati fudhadhu! Aarsaa isaanii hundumaa, kennaa midhaanii isaanii, aarsaa sababii cubbuutiif isaan dhi'eessan, aarsaa sababii yakkaatiif isaan dhi'eessan, waan isaan hundumaa caalaa qullaa'aa godhanii dhi'eessan hundinuu kan kee fi kan ilmaan keetii haa ta'u!

10Isas iddoo isa hundumaa caalaa qullaa'aa ta'e sanatti nyaadhaa! Dhiira kan ta'e hundinuu isa haa nyaatu! Inni siif wanta qullaa'aa haa ta'u*![62]

11?Wanti kanatti aanee jirus kan kee haa ta'u! Kennaa sochoofamu isa Israa'eloonni sochoosuudhaaf dhi'eessan hundumaa, siif, ilmaan keetiif, intaloota keetiifis seerrata dhaabataadhaan isiniif kenneera; namni mana kee keessaa akka seeraatti qullaa'aa ta'e hundinuu isa nyaachuu in danda'a.

12Dhadhaa ejersaa hundumaa keessaa isa caalu, daadhii waynii isa haaraa hundumaa keessaa isa caalu, midhaan isaan galfatan keessaa isa duraa isa ana Waaqayyoof dhi'eessan siif kenneera.

13Wanta lafti isaanii biqilchu hundumaa keessaa inni dura galfatan, inni isaan ana Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan kan kee haa ta'u! Namni mana kee keessaa akka seeraatti qullaa'aa ta'e hundinuu isa nyaachuu in danda'a*.

14Wanti Israa'el keessaa ana Waaqayyoof addaan baafame hundinuu kan kee haa ta'u*!

15Horii keessaa, nama keessaas karra-saaqii ta'ee kan dhalate ana Waaqayyoof kan dhi'eeffamu hundinuu kan kee haa ta'u! Angafa namaa fi angafa horii qullaa'aa hin ta'inii hundumaa garuu furi*!

16Warra furaman immoo dhalatanii ji'a tokko yommuu ta'an, shallagaa keetiin akka sheeqelii mana qulqullummaa isa geeraa digdama miijanutti meetii sheeqelii shaniin isa furi*![63]

17?Angafni sa'aa, angafni hoolaa fi angafni reettii garuu qullaa'oo waan ta'aniif, isaan hin furin! Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi, moora isaaniis akka qalma ibiddaan gubamee urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolutti gubii aarsi!

18Foon isaanii garuu akkuma foon handaraafaa fi foon luka mirgaa isa aarsaa sochoofamu ta'ee dhi'aatutti kan kee haa ta'u!

19Wanta qullaa'aa Israa'eloonni ana Waaqayyoof addaan baasan hundumaa keessaa aarsaa sochoofamu siif, ilmaan keetiif, intaloota keetiifis kenneera; kunis siif, sanyii keetiifis kakuu ana Waaqayyo duratti soogiddaan bara baraaf dhaabatee dha? jedhe.

20Waaqayyo ammas Aaroniin, ?Ati biyya Israa'el keessaa dhaala hin argattu, Israa'el gidduudhaas lafa hin hirmattu; Israa'eloota keessaa ga'aan kee fi dhaalli kee ana Waaqayyo kee ti*.

21Kunoo! Ilmaan Lewwii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojii waan hojjetaniif, kudhan keessaa tokko waan Israa'eloonni fidan hundumaa ani dhaala godhee kenneeraaf*.

22Ammaa jalqabee gara fuul duraatti Israa'eloonni cubbuu itti ta'ee akka hin duunetti gara dunkaana itti wal ga'aniitti hin dhi'aatin!

23Warri Lewwootaa dunkaana itti wal ga'an keessaa hojii isaanii haa hojjetan! Yakka isaaniitti immoo in gaafatamu; kunis dhaloota dhufu keessatti seerrata dhaabataa in ta'a; isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaala waan hin qabneef,

24ani warra Lewwootaatiif kudhan keessaa tokko isa Israa'eloonni akka kennaa sochoofamutti ana Waaqayyoof dhi'eessan dhaala godhee kenneeraaf; kanaafan, ?Isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaala hin argatan? jedhee ture? jedhe.[64]

25Waaqayyo ammoo Museedhaan,

26?Warra Lewwootaatti dubbadhu; isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Kudhan keessaa tokko isa Israa'eloonni fidan, isa ani dhaala godhee isiniif kenne sana yommuu fudhattan, isinis immoo isa keessaa kudhan keessaa tokko akka aarsaa sochoofamuutti ana Waaqayyoof dhi'eessaa!

27Aarsaan keessan kunis akka midhaan oobdii keessaaf akka cuunfaa waynii isa iddoo cuunfaa waynii keessaa kennamuutti isiniif in lakkaa'ama.

28Isin akkasitti kudhan keessaa tokko isa Israa'eloota irraa argattan hundumaa keessaa qooda koo Aaron lubichatti kennaa!

29Kennaa argattan hundumaa keessaa aarsaa sochoofamuuf gara isa hundumaa caaluu fi gara qullaa'aa isaa ana Waaqayyoof qooda dhi'eessaa!? jedhi!

30Warra Lewwootaatiin, ?Yommuu isin hundumaa keessaa isa caalu dhi'eessitan, inni akka midhaan oobdii keessaatti, akka cuunfaa waynii isa iddoo cuunfaa waynii keessaa kennamuutti isiniif in lakkaa'ama.

31Isin, warri mana keessaniis iddoo hundumaatti isa in nyaattu; inni hojii isa isin dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjettaniif mindaa isiniif kennamee dha*.

32Erga isa keessaa caalu addaan baaftanii dhi'eessitanii, kana nyaachuun cubbuu isinitti hin ta'u; kanaa achi kennaa Israa'elootaa isa qullaa'aa in xureessitu, in duutus? jedhi!? jedhe.[65]

cle>