1Waaqayyo amma immoo Musee fi Aaroniin,
2?Kun wanta seerichi inni ani Waaqayyo abboome barbaaduu dha; egaa goromsa diimtuu mudaa hin qabne kan waanjoon takkaa irra hin ga'in tokko akka isiniif fidaniif Israa'elootatti himaa*!
3Goromsa sana Ele'azaar lubichatti kennaa! Isheen iddoo buufatichaa keessaa alatti baafamtee lubicha duratti haa gorra'amtu!
4Ele'azaar lubichis dhiiga goromsattii irraa quba isaatiin waa fuudhee gara fuul dura dunkaana itti wal ga'aniitti si'a torba haa facaasu*!
5Goromsattiinis ija isaa duratti haa gubamtu, gogaan ishee, foon ishee, dhiigni ishee, mi'i garaa ishees haa gubamu*!
6Lubichis qoraan gaatirraa, hisoophii fi fo'aa dhiilgee fuudhee goromsa ishee gubamuutti jirtu sana irratti haa darbatu!
7Kana booddee lubichi uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu! Isa booddee gara iddoo buufataatti galuu in danda'a, garuu akka seeraatti hamma galgalaatti xuraa'aa dha*.
8Namichi inni goromsattii gubes uffata isaa haa miicatu, dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu! Innis immoo akka seeraatti hamma galgalaatti xuraa'aa dha.
9?Namni akka seeraatti qullaa'aa ta'e immoo daaraa goromsattii haree iddoo buufataa duuba isa akka seeraatti qullaa'aa ta'e keessatti haa naqu! Daaraan sunis bishaan isa ittiin qulleessan qopheessuuf akka ta'uuf waldaa Israa'eliif kaa'ama, cubbuuttii qulleessuufis in ta'a.
10Namichi daaraa goromsattii hares uffata isaa haa miiccatu, hamma galgalaattis xuraa'aa haa ta'u! Kun Israa'elootaa fi orma isaan gidduu jiraatuufis seerrata dhaabataa dha.
11?Namni reeffa namaatti bu'e, guyyaa torba xuraa'aa haa ta'u!
12Guyyaa sadaffaatti, guyyaa torbaffaattis bishaaniin of haa qulleessu! Kana booddees qullaa'aa in ta'a; garuu guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti of hin qulleessu yoo ta'e, qullaa'aa ta'uu hin danda'u*.
13Namni reeffa namaatti bu'ee utuu of hin qulleessin hafe, godoo Waaqayyoo in xureessa; bishaan ittiin of qulleessan isatti hin facaafamin waan hafeef, xuraa'aa haa ta'u! Xuraa'ummaan isaas isuma irratti haa hafu! Namni akkasii Israa'el keessaa haa balleeffamu!
14?Yeroo namni tokko du'u, seerri akka ilaalamuuf kenname kanatti aanee jira; namni tokko dunkaana keessatti yoo du'e, dunkaanicha keessa namni lixu hundinuu, wanti dunkaanicha keessa jiru hundinuus guyyaa torbaaf xuraa'aa haa ta'u!
15Qodaan afaan banaatti jiru, qodaan qadaaddiin isaa fo'aadhaan jabeeffamee itti hin hidhamin hundinuu xuraa'aa haa ta'u!
16Namni nama bakkeetti billaadhaan ajjeefametti yookiis nama du'a qajeeltoo du'etti yookiis lafee nama du'eetti yookiis awwaala namaatti bu'e, guyyaa torbaaf xuraa'aa haa ta'u!
17Nama xuraa'aadhaaf immoo, daaraa goromsa ishee cubbuuttii qulleessuudhaaf gubamte irraa waa fuudhanii, qodaatti naqanii isa irratti immoo bishaan haa naqan*!
18Namni akka seeraatti qullaa'aa ta'e immoo hisoophii fuudhee bishaanicha keessa cuuphee ittiin dunkaanichatti, qodicha hundumaatti, namoota dunkaanicha keessa jiran hundumaattis haa facaasu! Akkasumas immoo nama lafee nama du'eetti yookiis awwaala namaatti yookiis nama namni ajjeesetti yookiis nama du'a qajeeltoo du'etti bu'etti haa facaasu!
19Namichi akka seeraatti qullaa'aa ta'e sun, guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti nama xuraa'e sanatti haa facaasu, guyyaa torbaffaa sanattis isa haa qulleessu! Namichi qullaa'e sun immoo uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu, galgaluma sanas qullaa'aa haa ta'u!
20Namichi xuraa'aan sun yoo of qulleessuu dhabaate, iddoo qulqullaa'aa isa kan kootii waan xureesseef, waldaa keessaa haa balleeffamu! Bishaan ittiin qulleessan sababii isatti hin faca'iniif inni xuraa'aa dha.
21Kun isaaniif seerrata dhaabataa in ta'a; namichi bishaan ittiin qulleessan facaasus akkasuma uffata isaa haa miiccatu! Namni bishaan facaafamu sanatti bu'e hundinuu hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u!
22Wanti namni xuraa'aan itti bu'e hundinuu xuraa'aa in ta'a, namni wanta xuraa'aa sanatti bu'es hamma galgalaatti xuraa'aa in ta'a? jedhe.