Seera Lakkoobsaa 2:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas Musee fi Aaroniin,

2?Namoonni Israa'el akka faajjii isaaniitti, akka milikkita mana abboota isaaniitti dunkaana wal ga'ii sana irraa fagaatanii naannessanii adduma addaan dunkaana haa dhaabatan!? jedhe.

3Gara boruutiin kutanni Yihudaa akka faajjii isaaniitti qixa ba'a-biiftuutiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Yihudaa, Nahishoon ilma Aminaadaab;

4kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma torbaatamii afurii fi dhibba ja'a.

5Gosi Yisaakor isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Yisaakor, Nataani'el ilma Zuwaar;

6kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii afurii fi dhibba afur.

7Gosi Zebuloon immoo isaan kanatti haa aanu! Geggeessituun namoota Zebuloon, Eliiyaab ilma Helon;

8kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur.

9Guutummaa buufata Yihudaa keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii ja'aa fi dhibba afur; isaan kun dura bu'anii in adeemu.

10Kutanni Ruuben akka faajjii isaaniitti gara mirgaatiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Ruuben Eliizur ilma Shiide'ur;

11kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii ja'aa fi dhibba shan.

12Gosi Shimi'oon isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Shimi'oon, Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi;

13kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadii.

14Kana booddees gosi Gaadi itti haa aanu! Geggeessituun namoota Gaadi, Elii'aasaaf ilma Deu'el;

15kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'aa fi shantama.

16Guutummaa buufata Ruuben keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma shantamii tokkoo fi dhibba afurii fi shantama; isaan kun immoo warra duraatti aananii in adeemu.

17Kana booddee immoo dunkaanni itti wal ga'anii fi kutanni Lewwootaa kutata warra dura darbanii fi warra booddeetti hafan gidduu in adeemu; isaan adduma addaan akka iddoo buufata isaanii fi akka faajjii isaaniitti in adeemu*.[6]

18Kutanni Efreem akka faajjii isaaniitti gara lixa-biiftuutiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Efreem, Eliishaamaa ilma Amiihud;

19kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamaa fi dhibba shan.

20Gosi Minaasee isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Minaasee, Gamaali'el ilma Phedaazur;

21kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma soddomii lamaa fi dhibba lama.

22Kana booddees gosi Benyaamiin itti haa aanu! Geggeessituun namoota Benyaamiin, Abiidaan ilma Gidewoonii ti;

23kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma soddomii shanii fi dhibba afur.

24Guutummaa buufata Efreem keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma saddeetii fi dhibba tokko; isaan kun immoo kutata sadaffaa ta'anii in adeemu.

25Kutanni Daan akka faajjii isaaniitti gara bitaatiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Daan, Ahii'ezer ilma Amiishadaayi;

26kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii lamaa fi dhibba torba.

27Gosi Asheer isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Asheer, Fagi'el ilma Okraan;

28kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan.

29Kana booddee immoo gosi Niftaalem itti haa aanu! Geggeessituun namoota Niftaalem, Ahiiraa ilma Enaan;

30kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma shantamii sadii fi dhibba afur.

31Guutummaa buufata Daan keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma shantamii torbaa fi dhibba ja'a; isaan kun immoo akka faajjii isaaniitti kutata hundumaa booddee in adeemu.

32Namoota Israa'el keessaa akka mana abbootii isaaniitti kan lakkaa'aman isaan kana; warri iddoowwan buufataa keessaa akka akka kutata isaaniitti lakkaa'aman walumatti kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama*.

33Lewwoonni garuu akkuma Waaqayyo Musee abboome gosa Israa'el warra kaanii wajjin hin lakkaa'amne*.

34Israa'eloonni adduma addaan akka faajjii isaaniitti, akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abboota isaaniittis ka'anii in adeeman; wanta hundumaas akkuma Waaqayyo Musee abboometti in hojjetan.[7]

le>