Seera Lakkoobsaa 22:1-41 GAZB1997 - Bible AI

1Ergasii Israa'eloonni iddoo turanii ka'anii, Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutiin, fuullee Yerikoo dachaa Mo'aab keessa in buufatan.

2Balaaq ilmi Ziphoor inni yeroo sana mootii Mo'aab ture immoo, wanta Israa'eloonni Amoorota irratti hojjetan hundumaa in arge.

3Israa'eloonni namoota baay'ee waan turaniif, Mo'aabonni yeroo Israa'eloota argan baay'ee na'an, in sodaatanis.

4Yommus Mo'aabonni maanguddoota Miidiyaaniin, ?Akkuma sangaan marga bakkee keessaa xaph godhu, namoonni baay'een kun wanta naannoo keenya jiru hundumaa xaph in godhu? jedhan; kanaaf Balaaq ilmi Ziphoor inni yeroo sanatti mootii Mo'aab ture,

5Bala'aam ilma Be'or waamsisuudhaaf gara mandara Phetor isa laga Efraaxiis qarqaraatti, gara biyya Amoonotaatti nama ergee,

5?Kunoo, sabni tokko biyya Gibxiitii dhufee, fuullee koo buufatee lafa dhoksee jira*.

6Sabni kun ana caalaa jabaa waan ta'eef, ani immoo namni ati eebbifte eebbifamaa, namni ati abaartes abaaramaa akka ta'e nan beeka; kanaafis hadaraa kottuutii saba kana anaaf abaari! Yommus ani isa rukutee biyyicha keessaa ari'uu nan danda'a ta'a? jedhe.[76]

7Maanguddoonni Mo'aabii fi maanguddoonni Miidiyaan gatii isa hooda dubbatuuf baafamu sana harkatti qabatanii in adeeman; gara Bala'aam dhufaniis ergaa Balaaq isatti in himan*.

8Inni immoo, ?Edana as bulaa, ani wanta Waaqayyo anatti dubbatu, deebi'ee isinitti nan hima? jedheen; gurguddoonni Mo'aabis Bala'aam bira in bulan*.

9Waaqayyo yommus gara Bala'aam dhufee, ?Jarreen si bira jiran kun eenyufa'i?? jedheen.

10Bala'aam deebisee Waaqayyoon, ?Balaaq ilma Ziphoor mootii Mo'aabtu gara kootti isaan ergee,

11?Kunoo, sabni lafa dhoksu tokko Gibxii ba'ee dhufeera; amma kottuutii isa anaaf abaari! Yommus ani immoo isa mo'ee ari'ee baasuu nan danda'a ta'a? naan jedhe? jedhe.[77]

12Waaqayyo garuu Bala'aamiin, ?Isaanii wajjin hin dhaqin! Sabni sun eebbifamaa waan ta'eef, ati isa hin abaarin!? jedhe.

13Bala'aam ganama ka'ee gurguddoota Balaaq erge sanaan, ?Waaqayyo isin duukaa akkan dhaquuf ?Tole? jechuu waan dideef, isin gara biyya keessaniitti galaa!? jedhe.

14Gurguddoonni Mo'aab deebi'anii gara Balaaq dhaqanii, ?Bala'aam nu duukaa dhufuu in dide? jedhan.

15Balaaq ammas gurguddoota warra gurguddoota duraa sana caalaa baay'atanii fi caalaa ulfina qaban in erge.

16Isaanis gara Bala'aam dhufanii,

16?Balaaq ilmi Ziphoor, ?Maaloo, gara koo dhufuu irraa wanti tokko illee si hin dhowwin!

17Ani dhugumaan ulfina guddaa siif nan kenna, waanuma ati jettes siif nan godhaatii, hadaraa kottuutii saba kana anaaf abaari!? siin jedheera? jedhan.

18Bala'aam garuu deebisee hojjetoota Balaaqiin, ?Balaaq mana isaa isa meetiinii fi warqeen keessa guute utuu anaaf kenne iyyuu, wanta xinnaas ta'e wanta guddaas hojjechuudhaaf abboommii Waaqayyo goftaa kootii irra darbee adeemuu hin danda'u.

19Ammas wanta Waaqayyo dabalee anatti dubbatu nan baraatii, warri duraa sun akkuma godhan maaloo edana isinis immoo as bulaa!? jedhe.

20Waaqayyo halkan gara Bala'aam dhufee, ?Jarreen kun si waamuu dhufan yoo ta'e, isaanii wajjin dhaqi! Garuu wanta ani sitti himu duwwaa hojjedhu!? jedheen.

21Yommus Bala'aam ganamaan ka'ee harree isaa fe'atee gurguddoota Mo'aabii wajjin in adeeme.

22Garuu sababii inni adeemeef dheekkamsi Waaqayyoo in boba'e; ergamaan Waaqayyoos isaan mormuudhaaf karaa keessa in dhaabate; yommus inni harree isaa yaabbatee in adeema ture, naa'onni isaa lamaanis isaa wajjin turan*.

23Harreettiinis ergamaan Waaqayyoo billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa akka ijaajju yommuu argite, karaa irraa gortee maasii tokkotti in lixxe; Bala'aam immoo gara karaatti deebisuudhaaf ishee in rukute*.

24Yommus ergamaan Waaqayyoo daandii dhiphaa iddoowwan dhaabaa waynii garasii fi garanaan dallaan jiru keessa in dhaabate.

25Harreettiin yeroo ergamaa Waaqayyoo argitetti, kellaa sanatti of miciriqsitee, miilla Bala'aamis kellichatti in miciriqsite; inni immoo ammas ishee in rukute.

26Ergamaan Waaqayyoo ittuma hiiqee iddoo dhiphaa lafa gara mirgaatti, gara bitaattis garri itti jal'atan hin jirre in dhaabate.

27Harreettiinis ergamaa Waaqayyoo argitee, Bala'aam jalaa gad in ciifte; yommus Bala'aam aaree boba'ee, ulee isaatiin ishee in reebe.[78]

28Waaqayyo kana irratti harreettiin arraba isheetiin akka dubbattu godhe; isheenis Bala'aamiin, ?Ani maal si goonaan si'a sadan kana na rukutte?? jette*.

29Bala'aamis harreettiidhaan, ?Ati waan anaan taphatteef, billaan na harka utuu jiraatee ammuma sin ajjeesan ture? jedhe.

30Harreettiin immoo Bala'aamiin, ?Ani harree kee ishee ati bara jireenya kee hundumaa har'uma iyyuu yaabbattee adeemtu mitii? Ani takkaa wanta akkasii si irratti hojjedhee beekaa?? jette; innis, ?Waawuu? jedhe.[79]

31Yommus Waaqayyo ija Bala'aam in baneef; innis ergamaa Waaqayyoo isa billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa ijaajju in arge; isa durattis qoomma'ee, adda isaatiin in gombifame*.

32Ergamaan Waaqayyoos, ?Maaliif si'a sadan kana harree kee rukutte? Kunoo, karaan kee ana duratti jal'aa waan ta'eef, ani siin mormuudhaaf dhufeera.

33Harreen kee na argitee si'a sadanuu ana irraa in gorte; utuu isheen ana irraa hin gorre ta'ee, silaa yowwana si ajjeesee ishee nan hambisan ture? jedheen.

34Bala'aam immoo ergamaa Waaqayyootiin, ?Akka ati anaan mormitee karaa keessa dhaabatte utuun hin beekin cubbuu hojjedheera; ammas kun si duratti hamaa yoo ta'e, ani nan deebi'a? jedhe.

35Ergamaan Waaqayyoo immoo Bala'aamiin, ?Jarreen kanaa wajjin dhaqi, garuu dubbii ani sitti himu dubbadhu!? jedhe; akkasitti Bala'aam gurguddoota Balaaqii wajjin in adeeme.[80]

36Balaaq yommus Bala'aam akka dhufe dhaga'ee, Aar mandara Mo'aab isa daarii Aarnon gara moggaa jirutti isa simuudhaaf in ba'e.

37Balaaqis Bala'aamiin, ?Ani dhimmee si waamuudhaaf sitti hin erginee? Maaliif na bira dhufuu didde? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin danda'uu?? jedhe.

38Bala'aam immoo Balaaqiin, ?Kunoo ani gara kee dhufeera; dubbii isa Waaqayyo afaan koo keessa kaa'een dubbadha malee, ani wanta biraa dubbachuudhaaf nan danda'aa ree?? jedhe.

39Bala'aam yommus Balaaqii wajjin gara Kiriiyat-Huzot in dhaqe.

40Balaaq yommus aarsaa dhi'eessuudhaaf sangootaa fi hoolota qalee, foon isaanii irraa gar-tokko Bala'aamii fi gurguddoota isaa wajjin turaniifis in erge;

41Balaaq borumtaa isaa Bala'aamiin fuudhee gara Baamot-Ba'aalitti ol baase; inni achi dhaabatee saba Israa'el warra gara daarii irra jiran in arge.

cle>