Seera Lakkoobsaa 24:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Bala'aam amma immoo Israa'elin eebbisuun Waaqayyoon akka gammachiise yommuu arge, fuula isaa gara lafa onaatti qajeelfate malee, akka isaa yeroo kaanii hooda barbaacha hin dhaqne.

2Bala'aam ol ilaalee, warri Israa'el gosa gosaan buufatanii utuu jiranii in arge; hafuurri Waaqayyoo isa irra in bu'e.

3Dubbii isaas jalqabee,

3?Dubbii Bala'aam ilma Be'or, dubbii nama iji isaa banamee,

4dubbii isa sagalee Waaqayyo dhaga'uu, kan isa mul'ata isa hundumaa danda'u arguu, kan isa yommuu kufu iji isaa banamuu dhaga'aa!

5Yaa Yaaqoob dunkaanonni kee, yaa Israa'el iddoon buufata kee maal maal gaarii dhaa!

6Isaan akka dachaa, akka iddoo dhaabaa laga qarqaraas diriiraniiru, akka muka sabirii isa Waaqayyo dhaabee ti, akka muka gaatirraa bishaan bukkee dhaabatuu tis.

7Qodaa isaa keessaa bishaan in yaa'a, sanyiin isaas bishaan baay'ee keessa in jiraata; mootiin isaa Agaag caalaa ol in ka'a, mootummaan isaas ol in kaafama*.

8Waaqayyo inni biyya Gibxiitii isa baase, inni akka gaanfa gafarsaa isa jabaatti isaaf in faccise; inni saba lafa irraa, hamajaajii isaas xaph in godha, lafeewwan isaaniis caccabsee in hurreessa; xiyya isaatiin waraanee isaan in fullaasa*.

9Inni akka leencaatti in hirkate, akka leenca dhalaattis in ciise; egaa eenyutu isa kaasuu danda'a ree? Namni si eebbisu haa eebbifamu! Namni si abaaru immoo haa abaaramu!? jedhe*.[84]

10Balaaq yommus Bala'aamitti aaree in boba'e; harka isaas walitti rukutee, ?Ani diinota koo akka anaaf abaartuufan si waame, ati immoo kunoo si'a sadan kana isaan in eebbifte.

11Kanaafis amma ka'ii iddoo keetti baqadhu! Ani illee, ?Dhuguma ulfina siif nan kenna? jedheen ture, Waaqayyo garuu ulfina irraa si qabe? jedhe.

12Bala'aam immoo Balaaqiin, ?Ani namoota kee warra ati anatti ergite sanatti,

13?Balaaq mana isaa isa meetiidhaa fi warqeedhaan guute utuu anaaf kennee iyyuu, ani fedha kootiin gaarii yookiis gadhee hojjechuudhaaf sagalee Waaqayyoo irra darbuu hin danda'u; ani wanta Waaqayyo dubbatu nan dubbadha? jedhee hin himnee ree*?

14Kunoo ani amma deebi'ee gara saba koo nan dhaqa, garuu kottu wanta sabni kun gara booddeetti saba kee irratti hojjechuuf jiru sitti nan hima? jedhe.[85]

15Ammas Bala'aam dubbii isaa, isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana dubbachuu isaa ittuma fufee, ?Dubbii Bala'aam ilma Be'or, dubbii nama iji isaa banamee,

16dubbii isa sagalee Waaqayyo dhaga'uu, kan isa beekumsa isa hundumaa gara irraa jiru beekuu, kan isa mul'ata isa hundumaa danda'u arguu, kan isa yommuu kufu iji isaa banamuu dhaga'aa!

17Ani isa nan arga, garuu amma miti, isa nan ilaala, garuu dhi'oo miti; urjiin Yaaqoob keessaa as in ba'a, uleen mootummaas Israa'el keessaa in ka'a; geggeessitoota warra Mo'aab in bubburuqsa, mataa ilmaan Seet hundumaas in caccabsa*.

18Edoom in qabatama, Se'iir isheen diina isaa taates in qabatamti; Israa'el garuu guddachaa in adeema.

19Kan mo'u Yaaqoob keessaa in ba'a, warra mandara Aar keessatti hafanis in balleessa? jedhe*.[86]

20Ammoo Bala'aam gara Amaaleqootaa ilaalee, dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana dubbachuu ittuma fufee, ?Amaaleq saba lafa irraa keessaa isa duraa ture, dhumni isaa garuu badiisa bara baraa ti? jedhe*.

21Gara Qenootaa immoo ilaale, dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana dubbachuu itti fufee, ?Iddoon buufata kee jabaa dha, mann'ee kees kattaa keessatti in ijaarratte;

22garuu yommuu warri Asor isin fudhatanii sokkan, isin warri Qenootaa dhumuuf jirtu!? jedhe*.

23Ammas dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana dubbachuu ittuma fufee, ?Wayyoo kaa! Yeroo Waaqayyo kana godhutti eenyutu jiraata ree?

24Daarii Kitiimii garuu markaboonni in dhufu, Asorii fi Ebeerin gad in qabu, isaanis immoo ofii isaaniitii in balleeffamu? jedhe.

25Yommus Bala'aam ka'ee gara iddoo isaatti in deebi'e; Balaaqis immoo karaa isaa irra bu'ee in adeeme*.[87]

cle>